Mee dambii armaan gadii kana dubbisa.irraan aanse qajeelifama tokko isiinif erga woli duuka ilaaltani rakkoo maal akka jiru wojjiin mari’aanna

DAMBII ITTIIN BULMAATA ABBAA SEERAA FI MUUDAMAA GUMII MANA MURTII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA DAMBII LAKK. 1/2001
SEENSA
Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaan amantaa ummataa horachuuf bilisummaa fi itti-gaafatamummaa abbaa seeraa qixa Heera Mootummaa irra jiruun hojiirra oolchuuf, akkasumas mirgaa fi dirqama muudamtoota gumiis haala wal fakkaatuun bakka tokkotti seera baasuun barbaachisaa waan ta’eef;
Dambiin Ittiin Bulmaata Abbootii Seeraa Lakk. 1/96 mirgaa  fi dirqama abbaa seeraa haala ifaa ta’ee  fi bal’ina qabuun  waan hin ibsinee fi muudamtoota Gumiis kan hin hammanne  waan ta’eef;
Abbaan seeraa fi muudamaan Gumii mirgaa fi dirqama isaanii hunda sirnaan beekanii hojii isaanii seeraa fi seera qofa irratti huundaa’uun saffisaan, qulqullinaan, iftoomaanii fi itti-gaafatamummaan akka raawwatan gochuuf seera ittiin bulmaataa ifaa ta’e qabaachuun waan barbaachiseef;
Haala abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii ittiin fo’amanii fi filataman,  qacarriin, guddinni sadarkaa, ramaddii fi jijjiirraan itti gaggeeffamuu fi qaama raawwiifis tumsa laatu hundeessuun barbaachisaa waan ta’eef,
Bu’uura Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Irra Deebi’anii Dhaabuuf Bahe Lakk. 142/2000 keewwata 8(7)tiin kan kanaa gadiitti argamu tumameera.
KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA
1. Mata Duree Gabaabaa
Dambiin kun “Dambii Ittiin Bulmaata Abbaa seeraa fi Muudamaa Gumii Mana Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk 1 bara 2001” jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiikkoo biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, dambii kana keessatti:-
1) “Mana Murtii” jechuun bu’uura Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 61(1)tiin kan hundeeffaman Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Ol’aanaa fi Mana Murtii Aanaa Naannoo Oromiyaati.
2) “Caffee” jechuun bu’uura Heera Mootummaa Naannoo Orgmiyaa Keewwata 46(1)tiin kan hundeeffame qaama seera tumtuu mootummaa naannoo Oromiyaati.
3) “Gumii Waliigalaa” jechuun bu’uura Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Irra Deebi’anii Hundeessuuf Bahe Lakk.142/2000tiin keewwata (4)tiin kan hundeeffame Gumii Bulchiinsa Abbootii seeraa Naannoo sadarkaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti kan dhaabbate dha.
4) “Garee Gumii” jechuun bu’uura Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Irra Deebi’anii Hundeessuuf Bahe Lakk.142/2000 Keewwata (5)tiin kan hundeeffame qaama Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa ta’ee sadarkaa mana murtii waliigalaa fi mana murtii ol’aanaatti kan dhaabbate dha.
5) “Naannoo” jechuun naannoo oromiyaati.
6) “Pireezidaantii” jechuun pireezidaantii ykn itti-aanaa pireezidaantii mana murtii waliigala Oromiyaati.
7) “Abbaa Seeraa” jechuun akkaataa seeraatiin Gumii Waliigalaatiin filatamee Caffeedhaan muudamee mana murtii naannichaatti ramadamee kan hojjatu dha.
8) “Kaadhimamaa Abbaa Seeraa” jechuun Gumii Waliigalaatiin muudamee kaadhimamaa abbaa seeraa ta’ee mana murtiitti ramadamee hojii abbaa seeraa kan shaakalu dha.
9) “Muudamaa Gumii” jechuun itti-gaafatamtoota, eksipartii, inispeektara, ofiisara seeraa, gaggeessaa dhimmaa, abbaa adeemsa hojii, qaadii, abukaatoo ittisaa fi kanneen biroo Gumii Waliigalaatiin muudamanii fi mana murtiitti ramadamanii hojjatani  dha.
10) “Ofiisara Seeraa” jechuun seera deemsa falmii keessatti reejistiraara yookiin hogganaa mana galmee jedhamuun kan beekamu kan bakka bu’u ta’ee nama hojii KTAS hojjachuuf Gumiidhaan muudame jechuu dha.
11) “Abbaa Adeemsa Hojii” jechuun nama Gumii Waliigalaatiin muudame ta’ee adeemsi hojii tokko garee hojicha raawwatuun jalqabaa kaasee hanga dhumaatti sirnaan raawwatamuu isaa kan mirkaneessu dha.
12) “Gaggeessaa Dhimmaa” jechuun miseensa garee raawwataa hojii ta’ee dabalataan hojiilee garee isaa kan qindeessu fi gaggeessu jechuu dha.
13) “Garee Raawwataa” jechuun kaayyoo fi ergama mana murtii galmaan gahuuf namoota bu’aa tokkoof waliin hojjatan jechu dha.
14) Fo’annoo” jechuun adeemsa mana murtii keessatti gita hojii banaa jiru ykn gita hojii banaa fuula dura jiraachuu danda’u irratti qacarriin, guddina sadarkaat ykn jijjiirraan ramaduudhaaf iyyattoota ga’umsa fi naamusa ol’aanaa qaban addaan baasanii beekuudhaan dorgommiif affeeruu dha.
15) “Filannoo” jechuun adeemsa mana murtii keessatti gita hojii banaa jiru irratti iyyaattoota gahumsaa fi naamusa ol’aanaa qaban qaccarriin, guddinaan ykn jijjiirraan ramadamuuf kanneen iyyata dhiyeeffatan dorgomsiisanii filuu dha.
16) “Meeriit” jechuun iyyattoota gidduutti garaagarummaan osoo hin taasifamiin naamuusa, beekumsa, dandeettii fi ga’umsa hojichaan wal qabate irratti hundaa’uudhaan raawwii foo’achuu fi filachuu dha.
17) “Dandeettii” jechuun iyyattoota beekumsa qaban gita hojii banaa jiru irratti ramaduuf kaayyoo mana murtichaa galmaan gahuu fi haala quubsaadhaan raawwachuudhaaf dandeettii barbaachisu dha.
18) “Ramaddii “jechuun abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii qacarriin, jijjiirraan, guddina sadarkaatiin fi kkf’n bakka hojii banaa jiru irratti ramaduu dha.
19) “Koree” jechuun koree fo’annoo fi filannoo sadarkaa mana murtii Waliigalaatti hundaa’ee abbaa seeraa fi muudamaa Gumii qacaruuf, guddisuu fi jijjiiruuf hojii fo’annoo fi filannoo raawwachuun yaada murtii Gumiif kan dhiyeessu dha. 
20) “Guddina sadarkaa” jechuun abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii tokko mana murtii hojjatu keessatti ykn mana murtii sadarkaa ol’aanutti   gita hojii jirra iru irraa gara gita hojii ol’aanutti guddisuu dha.
3. Daangaa Raawwatiinsaa
a. Dambiin kun abbaa seeraa fi muudamaa Gumii hunda irratti raawwatiinsa ni qabaata.
b. Haala addaatiin yoo ibsame malee mirgaa fi dirqamni abbaa seeraa danbii kanarratti ibsaman hundi kaadhimamaa abbaa seeraatiifis ni hojjata.
4. Ibsa Saalaa
Dambii kana keessatti saala dhiiraatiin kan ibsame saala dubartiifis ni hojjata.
KUTAA  LAMA
QAAMA  FO’ANNOO  FI  FILANNOO  GAGGEESSU
5. Hundeeffama Koree
Koreen fo’annoo fi filannoo sadarkaa Mana Murtii Waliigalaatti dambii kanaan hundeeffameera.
6. Gurmaayina Miseensota Koree
Korichi  miseensota armaan gadii ni qabaata:
1) Abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii tokko Mana Murtii Waliigalaa keessaa pirezidaantiidhaan kan filatamu —walitti qabaa;
2) Waajjira Gumii keessaa nama tokko¬¬–miseensaa fi barreessaa;
3) Miseensa Gumii keessaa Gumiidhaan kan filatamu nama tokko —-miseensa.
7. Bara Tajaajila Miseensota Koree
1. Barri tajaajila miseensota koree waggaa sadi ta’a.
2. Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan caqafame akkuma eegametti ta’ee miseensi tokko yeroo lamaa ol filamuu hin danda’u. Haa ta’u malee tumaan kun waajjira gumii irraa kan filataman hin ilaallatu.
8. Aangoo fi Dirqama Koree
1) Koreen aangoo fi hojii armaan  gadii ni qabaata:
a) Dambii kanaa fi qajeelfama bu’uura dambii kanaan bahan irratti hundaa’uudhaan dhimmoota fo’annoo fi filannoo qacarrii, guddina sadarkaa, ramaddii fi jijjiirraa ilaalchisee yaada murtii  qopheessuudhaan Gumiif ni dhiyeessa,
b) Fo’annoo fi filannoon sirna meeriit hordofee akka raawwatamuuf ragaalee qindeessee ni qabata.
c) Ornaalee ykn unkaa odeeffannoo seenaa fi naamusaa waa’ee iyyattootaa ilaalchisee guutamuu qaban qaama ykn nama ilaallatu hordofee ni guuchisiisa.
d) Akkaataa ulaagaa filannootiin iyyattoota ulaagaa guutan fo’uudhaan wal-dorgomsiisee qabxii caalmaa kan argate akka filatamuuf yaada murtii Gumiif ni dhiyeessa.
e) Sanadoota iyyattootni qacarriif dhiyeeffatan, unkaa iyyannoo iyyattootaan guutaman unkaa koreen qaama ilaallatu irraa waa’ee naamusa iyyattootaa guuchisiisee fi ragaa biroo dhimmichaaf gargaaran hunda qaboo yaa’ii waliin yaada murtii isaa Gumiif ni dhiyeessa .
f) Iccitii adeemsa fo’aannoo fi filannoo irratti taasifamu ni eega,
g) Yaada murtii Dambii kanaa fi qajeelfamoota Dambii kana raawwachiisuuf bahan waliin wal-faallessu dhiyaateef korichi Dambii Naamusa Abbootii Seeraatiin kan itti gaafatamu ta’a.
h) Koreen murtii isaa sagalee caalmaatiin dabarsa.
2) Iyyataan kamiyyuu koreen bu’uura seeraatiin fo’annoo fi filannoo hin raawwanne jedhee kan komatu yoo jiraate guyyaa beekee kaasee osoo Gumiin Waliigalaa yaada murtii koreen hin mirkaneessiin dura Gumii Waliigalaatti komii isaa barreeffamaan dhiyeeffachuu ni danda’a.
3) Fo’annoo fi filannoo guddina sadarkaa, ramaddii fi jijjiirraa mana murtii aanaa irratti gaggeeffamu ilaalchisee aangoon kan Garee Gumii Godinaa ta’ee, guddina sadarkaa raawwatan ilaalchisee Gumii Waliigalaatiin kan mirkanaa’u ta’a.
9. Haala Miseensi Koree Hojiirraa Ka’uu Danda’u
Miseensonni koree haala armaan gadiitti tarreeffameen hojii irraa ka’uu ni danda’u:-
1) Barri tajaajilaa  yoo xumurame,
2) Fedhiin akeekkachiisa ji’a 1 kennuun,
3) Adeemsa hojii  koree keessatti hanqina naamusaa yoo agarsiise,
4) Hojii idilee isaa sababa adda addaatiin yoo gadi lakkise,
5) Gumiin Waliigalaa dirqama itti kenname sirnaan bahuu hin danda’u jedhee yoo amane.
10. Haala Miseensonni Koree Bakka Bu’uu Danda’an
Bu’uura Dambii kana keewwata 9 tiin miseensi koree hojiirraa yoo ka’e  torbaan sadi keessatti qaamuma duraan filateen bakka bu’uu qaba.                                 
KUTAA  SADI
FO’ANNOO  FI  FILANNOO  QACARRII  FI  MUUDAMA  ABBAA  SEERAA FI  MUUDAMAA  GUMII
11. Ulaagaalee Fo’annoo fi Filannoo Qacarrii fi Muudamaa
1) Namni kamiyyuu abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii ta’ee fo’amuuf, filamuuf ykn muudamuuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:
a) Heera Mootummaa Federaalaa fi Naannootiif amanamaa kan ta’e,
b) Barumsa, hubannoo fi dandeettii seeraa gahaa kan qabu,
c) Kaayyoo, ergama, imaammataa fi tarsiimoo mana murtii sirriitti kan beekuu fi galmaan ga’uuf fedhii fi dandeettii guutuu kan qabu,
d) Naamusa ol’aanaa kan qabu,
e) Afaan hojii naannichaa, Afaan Oromoo, dubbisuu, dubbachuu fi barreessuu kan danda’u,
f) Abbaa seerummaatiin ykn muudamaa gumii ta’ee mana murtii keessatti  hojjachuuf fedhii kan qabu,
g) Abbaa seeraaf umrii waggaa 25 fi sanaa ol, muudamaa gumiif umrii waggaa 20 fi sanaa ol kan ta’e,
h) Yakkaan mana murtiitti himatamee kan hin adabamne,
i) Dhibee sammuu kamiiyyuu irraa qulqulluu kan ta’e,
j) Araada adda addaa irraa bilisa kan ta’e,
k) Kompiyuutaraan gargaaramee hojjachuu kan danda’u,
l) Gareedhaan ykn dhuunfaadhaan namoota isa faana hojjatu (miltoota) waliin waliigalee hojjachuu kan danda’u,
m) Miseensa dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin taane,
2) Ogeessoota Seeraa Inistiitiyuutii Qaamolee Haqaatti leenjifamanii bahan ilaalchisee Gumiin Waliigalaa kaadhimamaa abbaa seeraa taasisee otuu isaan hin muudiin dura ulaagaalee keewwata kana keewwata (1)jalatti ibsaman  kan  guutan  ta’uu  isaanii  ni qulqulleessa.
3) Haalli madaallii ulaagaalee keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tarreeffaman qajeelfama keessattis bali’inaan kan ibsamu ta’a.
12. Gita Hojii Banaa
1) Gitni hojii banaa jiru guddinaan ykn jijjiirraan ykn qacarriin kan guutamu ta’a.
2) Gita hojii banaa irratti abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii kamiyyuu kan qacaramu ulaagaalee Dambii kana keewwata 11 jalatti ibsaman kan guutuu fi dorgomtoota hundaa caalee yoo argame qofaa dha.
3) Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) akkuma eegametti ta’ee, dorgommiidhaan qabxiin dorgomtootaa wal-qixa ykn walitti dhiyaataa yoo ta’e, dubartootaa fi haalli hojichaa kan dhorku yoo ta’e malee miidhamtoota qaamaatiif dursi ni kennama. Tarreeffamni isaa kan qajeelfama keessatti ibsamu ta’a.
13. Beeksisa Baasuu, Galmeessuu fi Qormaata  Kennuu
1) Gita hojii duwwaa jiran irratti beeksisni mooraa Mana Murtii Waliigalaa, Ol’aanaa fi Aanaa keessatti akka maxxanfamu ni taasima.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee Manni Murtii Waliigalaa akkuma haala isaatti gita hojii banaa qabu irratti mala sub-quunnamtii haguuggaa bal’aa naannicha keessatti qabu irratti beeksisa baasuudhaan namoota fedhii qaban hunda affeeruu ni danda’a.
3) Iyyattootni qacaramuuf dorgoman hundi  qaamaan dhiyatanii unkaa iyyannoo Mana Murtii Waliigalaa irraa fudhachuudhaan battalumatti guutanii dhiyeessuu qabu.
4) Iyyattoota hundaaf qormaata barreeffamaa fi gaaffii afaanii wal fakkaatu ykn walitti dhiyaatuu fi yeroo qixxeen   ni kennamaaf.
5) Akkaataan raawwannaa keewwata kanaa qajeelfama keessatti kan ibsamu ta’a.
14. Ragaa Qacarriif  Barbaachisan
1) Namni kamiyyuu kaadhimamaa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii ta’ee qacaramuun dura ragaalee kanaa gaditti tarreeffaman kan dhiyeessuu danda’u ta’uu qaba:
a) Ragaa barumsaa, akkasumas yoo unkaa iyyannoo irratti guute muuxannoo hojii,
b) Xalayaa amala  ibsu qaama amanamaa fi beekamaa irraa,
2) Kaadhimamaan qacarame kamiiyuu osoo hojii irratti hin bobba’iin dura ragaalee armaan  gadii dhiyyeessuu qaba:
a) Bu’uura gaafatameen ragaa bu’aa qorannoo fayyaa dhaabbata fayyaa beekumsa qabu irraa,
b) Ragaa yakka adda addaa irraa bilisa ta’uu isaa kan mirkaneessu qaama akka inni irraa fidu itti qajeelfame irraa,
3) Ragaalee Gumiin Waliigalaa ni barbaachisa jedhee itti amane kanneen biroo dhiyeessuu qaba.
15. Bu’uura Muudamaa
1) Kaadhimamaan Abbaa seeraa guyyaa qacaramee kaasee yeroo waggaa lama hin caalne keessatti walgahii Caffee irratti dhiyaatee muudamuu qaba. Muudamaaf dhiyaachuuf ulaagaleen kanaa gadii guutamuu qabu:
a) Raawwannaa hojii quubsaa ykn sanaa ol
b) Namusa gaarii
c) Muuxannoo  hojii iddoon barbaadu kan qabu
2) Kaadhimamaan qabxiiwwan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tuqaman yoo hin guunne yeroon muudamaa isaa dabalataan waggaa tokkoof dheerachuu ni danda’a.
3) Yeroo dabalataa waggaa tokkoo keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tuqame keessatti kaadhimamaan abbaa seeraa tokko ulaagaalee keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman kan hin guunne yoo ta’e gita hojii muudamaa Gumii banaa jiru irratti ramadamuu ni danda’a.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti kan tumame yoo jiraateyyuu Gumiin Waliigalaa kaadhimamaan abbaa seeraa kun gita hojii muudamaa gumii irrattis ramadamuu hin danda’u jedhee yoo amane hojii irraa gaggeessuu ni danda’a.
5) Kadhimamtoota abbootii seeraa ulaagaalee keewwata kana keewwata (1) jalatti tuqaman guutan pirezidaantiin bu’uura murtii Gumii Waliigalaatiin muudamaaf Caffeetti ni dhiyeessa.
6) Muudamtoota Gumii ulaagalalee keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti caqafaman guutan yaada pirezidaantiin mana murtii keessatti hojjatan kennu irratti hundaa’uun Gumiin Waliigalaa kan muudu ta’a
16. Kakuu
1) Abbaan seeraa kamiyyuu hojii isaa utuu hin jal qabiin dura walgahii Caffee irratti qaamaan dhiyaachuudhaan kakuu kanatti aanu raawwachuu qaba:
“Ani Obbo/Aadde_______guyyaa hardhaa —————Abbaa Seera Mana Murtii Oromiyaa ta’uudhaan muudamee hojii koo yeroon eegalu, itti gaafatamummaa ol’aanaa natti kenname kana naamusa ol’aanaa hojichi barbaadu horachuudhaan, amanamummaa fi bu’uura seeraatiin raawwachuuf waadaa ni seena.”
2) Muudmaan gumiis yoo Gumii Waliigalaatiin muudamu kakuu keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti caqafame barreeffamaan guutee erga mallatteesseen booda galmee dhuunfaa isaa keessa kan taa’u ta’a.
KUTAA  AFUR
GUDDINA  SADARKAA
17. Kaayoo Guddina Sadarkaa
Guddinni sadarkaa kan kennamu bu’aa hojii mana murtii fooyyeessuuf jecha hojjattootni  mana murtii kaka’umsa gaarii fi miira tajaajiltummaa ummataa akka horatan gochuuf jedhameeti.
18.    Haala Guddinni Sadarkaa itti keennamu
1) Sababa namusaatiin yoo dhorkame malee abbaan seeraa ykn  muudamaan Gumii   kamiyyuu guddina sadarkaaf dorgomuu ni danda’a.
2) Guddinni sadarkaa kan gaggeeffamu beeksisa baasudhaani.
3) Manni murtii beeksisni itti maxxanfame iyyattoota fedhii qaban galmeessudhaan qaama ilaaluuf ni erga,
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti kan tumame  akkuma eegameetti ta’ee gita hojii sababoota adda addaatiin namni irra hin jirree fi yeroodhaaf banaa ta’ee turuu hin dandeenye irratti Pireezidaantiin sadarkaa Mana Murtii Waliigalaa fi Mana Murtii Ol’aanaatti, Pireezidaantiin Mana Murtii Ol’anaa ammoo sadarkaa mana murtii Aanaatti abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii gahumsa qabu filuudhaan bakka bu’iinsaan ramaduu ni danda’u.
19. Sadarkaalee Guddinaa
Guddinni sadarkaa kanneen armaan gaditti caqasaman keessaa isa tokko irratti kennamuu ni danda’a:
1) Abbaa seeraa mana murtii aanaa  irraa gara  pireezidaantii mana murtii aanaatti, ykn
2) Abbaa seeraa mana murtii aanaa ykn pirezidaantii mana murtii aanaa irraa gara abbaa seeraa mana murtii ol’aanaatti, ykn
3) Abbaa seeraa mana murtii ol’aanaa irraa gara pirezidaantii mana murtii ol’aanaatti, ykn
4) Abbaa seeraa mana murtii ol’aanaa ykn pirezidaantii mana murtii ol’aanaa irraa gara abbaa seeraa mana murtii maliigalaatti, ykn
5) Abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii sadarkaa 1ffaa irraa gara sadarkaa 2ffaa, sadarkaa 2ffaa irraa gara sadarkaa 3ffaa, sadarkaa 3ffaa irraa gara sadarkaa 4ffaa, sadarkaa 4ffaa irraa gara sadarkaa 5ffaattii taasifamuu ni danda’a,
6) Muudamaan gumii mana murtii aanaa irraa gara mana murtii ol’aanaatti, mana murtii ol’aanaa irraa gara mana murtii waliigalaatti.
7) Guddinni sadarkaa keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame osoo hin gaggeeffamiin dura Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 81(4) jalatti akkaataa tumameen yaadni Gumii Bulhciinsa Abbootii Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dursamee gaafatamuu qaba.
20. Qaama Guddina Sadarkaa Kennu
1) Fo’annoo fi filannoon guddina sadarkaa kan abbootii seeraa ykn muudamtoota Gumii mana murtii waliigalaa fi ol’aanaa koreen kan gaggeeffamu yoo ta’u, kan mana murtii aanaa ammoo Garee Gumii Godinaatiin ta’a.
2) Guddina sadarkaa mana murtii waliigalaa fi mana murtii ol’aanaatti tahu koree fo’annoo fi filannootiin kan dhiyaatu ta’ee Gumii Waliigalaatiin kan mirkanaa’u ta’a.
3) Guddinni sadarkaa mana murtii aanaa keessatti ta’u Garee Gumii Godinaatiin kan dhiyaatu ta’ee Gumii Waliigalaatiin mirkanaa’a.
21. Ulaagaa Madaallii Dorgommii Guddina Sadarkaa
Guddinni sadarkaa madaallii ulaagaalee armaan gadiitiin kan raawwatamu ta’a:
1) Bu’aa madaallii raawwii hojii,
2) Sadarkaa barumsaa,
3) Muuxannoo hojii fi
4) Qulqullina kuusaa ta’a
22. Haala Guddinni Sadarkaa Itti Haqamu
Guddinni sadarkaa haala armaan gadiin keenname ni haqama:
1) Dogongora koreetiin,
2) Ragaa sobaa dhiyeessuudhaan kan argame ykn seera cabsuudhaan kan kenname.
KUTAA  SHAN
RAMADDII  FI  JIJJIIRRAA
23.  Kaayyoo Ramaddii fi Jijjiirraa
Ramaddii fi jijjiirraan kan hojjatamu hojii fi hojii qofaa giddu galeessa kan godhate ta’ee hanqina abbaa seeraa fi muudamaa Gumii mana murtii quunnamu salphisuudhaan hojiin abbaa seeruummaa fi ogummaa seeraatiin hojjatamu hundi caalmaatti akka milkaa’uu fi bu’aa qabeessa akka ta’u gitoota hojii duwwaa guuttachuuf akka gargaaruufi dha.
24. Bu’uura Ramaddii fi Jijjiirraa
1) Ramaddiin abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii haaraa qacaramanii fi guddatan bakkuma ykn idduma beeksisicha irratti caqafametti gaggeeffama.
2) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii bakka hojii tokko irraa gara birootti ykn gita hojii tokko irraa gara birootti jijjiiramee akka hojjatu kan godhamu barbaadhisummaa hojiif kaka’umsa Gumiitiin ykn fedhiin ykn gaaffii abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii dhiyeessuun ta’a.
3) Haalli addaa yoo jiraate malee abbaa seeraa ykn muudamaan gumii tokko sadarkaa mana murtii aanaatti yoo xiqqaate waggaa 3 sadarkaa mana murtii ol’aanaatti waggaa 5 bakka itti ramadametti osoo hin tajaajiliin gaaffii jijjiirraa dhiyeessuu hin danda’u.
4) Barbaachisummaa hojiitiif yoo ta’e malee abbaan seeraa ykn muudamaan gumii tokko sadarkaa mana murtii aanaatti waggaa 3, sadarkaa mana murtii ol’aanaatti waggaa 5 osoo hin tajaajilin fedhii isaatiin ala hin jijjiiramu

25. Jijjiirraa Gumiin Taasifamu
1. Gumiin Waliigalaa ykn Gareen Gumii Godinaa  beeksisa jijjiirraa baasuudhaan iyyattoota wal-dorgomsiisee jijjiirraa kan gaggeessu ta’a.
2. keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee barbaachisummaa hojiif jecha dorgommii malee Gumiin jijjiirraa raawwachuu ni danda’a.
3. Jijjiirraan sababa barbaachisummaa hojiif gaggeeffamu bilisummaa abbaa seeraa fi muudamaa Gumii kan tuqu ta’uu hin qabu.
4. Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa (1)tiin jijjiirraan abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii yeroo yeroodhaan qoratamee hanga danda’ametti karooraan qabamee kan raawwatu ta’a.
5. Jijjiirraa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii mana murtii ol’aanaa fi jijjiirraa abbaa seeraa aanaa godinaa godinatti gaggeeffamu raawwachuun aangoo Gumii Waliigalaati.
6. Jijjiirraa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii mana murtii aanaa godina jiru keessatti godhamu ilaalchisee Garee Gumii Godinaatiin  kan gaggeeffamu ta’a.
26. Jijjiirraa Gaaffii Abbaa Seeraatiin ykn Muudamaa Gumiitiin Gaggeeffamu
1) Haalli addaa yoo jiraate malee gaaffiin jijjiirraa sababa iddoo gammoojjii fi baddaa, addaan bahiinsa abbaa manaa fi haadha manaa hojjattoota mootummaa ta’an, sababa hojiitiin uumamu, akkasumas rakkoo fayyaa bu’uura godhatee dhiyaatu dorgommii malee kan raawwatamu ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee rakkoo sababa fayyaatii fi hojiin uumamuun ala iyyaattootni jiran tokkoo ol yoo ta’an wal dorgomsiisuun kan raawwatamu ta’a.
3) Gaaffiin jijjiirraa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii kamiyyuu irraa dhiyaatu barreeffamaan ta’ee sadarkaa mana murtii waliigalaatti Waajjira Gumiif, sadarkaa mana murtii ol’aanaatti pireezidaantii mana murtii ol’aaanaaf  ta’a.
4) Waajjirri Gumii gaaffii jijjiirraa dhiyaateef pirezidaantii mana murtii waliigalaaf, pirezidaantiin mana murtii ol’aanaa ammo Garee Gumii Godinaaf ni dhiyeessa.
5) Pireezidaantiin gaaffii jijjiirraa dhiyaateef koreef ni qajeelcha. Koreenis fo’annoo fi filannoo gaggeessee yaada murtii Gumii Waliigalaaf kan dhiyeessu ta’a.
6) Gareen Gumii Godinaa gaaffii jijjiirraa dhiyaateef haala dambii kanaa fi qajeelfama irratti hundaa’anii fo’annoo fi filannoo gaggeessee kan raawwatu ta’a.
27. Dhimmoota Jijjiirraa Abbaa Seeraa fi Muudamaa Gumii Dhorkisiisan
1) Naamuusaan himatamee dhimmi isaa qulqullaa’aa kan jiru,
2) Naamusa cimaadhaan adabamee adabbii isaa kan hin xumurii,
3) Sadarkaa fi mindaan gita hojii itti jijjiiramu sadarkaa fi mindaa mana hojii irraa jijjiiramu waliin kan wal fakkaatu yoo hin taane,
28. Ramaddii ykn Jijjiirraa Yeroof Taasifamu
1) Gumiin Waliigalaa hojichaaf barbaachisaa ta’uu isaa yoo itti amanee fi hojicha saffisaan raawwachuuf jecha baay’inaa fi xiqqeenya hojichaa, tattaaffii hojii hojjatichaa  madaaluudhaan abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii kamiyyuu sadarkaa, mindaa fi faayidaa iddoof hayyamame akka qabateen bakka hojii tokko irraa gara hojii birootti ykn gita hojii tokko irraa gara birootti yeroof ramaduu ykn jijjiiruu ni danda’a.
2) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii tokko gara sadarkaa hojii ol’aanutti yeroodhaaf ykn bakka bu’iinsaan ennaa ramadamu mindaan duraan argachaa ture hin jijjiiramu.
3) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii tokko gara sadarkaa hojii ol’aanuutti yeroodhaaf ykn bakka bu’iinsaan ramadamee turuu kan danda’u ji’oota jahaaf qofa dha.
4) Ramaddiin ykn jijjiirraan akka kewwata xiqqaa (1)tiin godhamu ji’a jaha ol ta’uu hin qabu. Haa ta’u malee murtii Gumiitiin yeroo dabalataa ji’oota jahaa qofaaf akka dheeratu taasisuun ni danda’ama.

KUTAA SHAN
MINDAA,  DURGOO  FI  FAAYIDAA  ADDA ADDAA
29. Ka’umsa Mindaa
1) Abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii sadarkaa adda addaa irratti muudamaniif ykn ramadamaniif mindaan kaffalumu bu’uura mindaa ka’umsaa fi iskeelii mindaa Gumiin Waliigalaa sadarkaa hojichaatiif  murteesseen ta’a.
2) Gumiin waliigalaa irra deebi’ee yoo fooyyeesse malee mindaan ka’umsaa fi iskeeliin mindaa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii gita hojii adda addaarra jiraniif murtaa’e kan unkaa “B” Danbii kanaan wal-qabate “keessatti caqafame dha.
30. Ka’umsa  Mindaa Yeroo Guddinni Kennamu
1) Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii tokko yeroo guddinni kennamuuf mindaan inni osoo hin guddatiin dura argachaa ture ka’umsa sadarkaa irratti guddatee gadi yoo ta’e mindaa ka’umsaa sadarkichaaf murtaa’e ni argata.
2) Mindaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii osoo hin guddatiin dura argachaa ture kan ka’umsaa mindaa sadarkaa irratti guddateetiin oli ykn qixxee yoo ta’e mindaan isaa inni haaraan mindaa osoo hin guddatiin dura argachaa ture irratti gulantaa (iskeelii) tokko dabaluudhaan ta’a.
31. Waa’ee Iskeelii Mindaa
1) Gulantaan (Iskeeliin) mindaa sadarkaa hojii kamiiyyuu miindaa ka’umsaa fi fiixee, akkasumas dabala miindaa yeroo yerootti taasifamu muul’isuu qaba.
2) Gumiin Waliigalaa qorannoo fooyya’iinsa iskeelii miindaa jijjiirraa diinagdee fi haawaasummaa yeroo yerootti uumaman xiinxaluudhaan yoo xiqqaate waggaa afur keessatti al-tokko irra deebi’ee ni qu’ata.
32. Gara Hojii Sadarkaa Wal-fakkaatutti Jijjiiramuu
Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii tokko sadarkaa qabateen gara hojii wal-fakkaatutti yeroo jijjiiramu ykn ramadamu sadarkaa fi mindaan isaa isuma duraa ta’a.
33. Haala Lakkoofsa Yeroo Turmaata Dabalata Gulantaa (Iskeelii) Mindaa
Bu’uura Dambii kanaatiin dabalatni gulantaa mindaa bu’aa raawwii hojii quubsaa ta’e irratti hundaa’uun waggaa lama lamaan kennamu ilaalchisee yeroon turmataa kan lakkaa’amu guyyaa abbaan seeraa ykn muudamaan gumii muudame ykn ramadame ykn dabala iskeelii dhumaa argate irraa kaasee ta’a.
34. Kaffaltii Mindaa
1) Mindaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii kan kaffalamu turban dhuma ji’aa irratti abbaa seeraa ykn muudamaa gumii ykn nama bakka buufateef ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame yoo jiraateyyuu abbaan seerichaa ykn muudamaan gumii boqonnaa waggaa yoo bahu mindaan dursee kaffalamuufii ni danda’a.
35. Waa’ee Mindaa Qabuu fi Kutuu
1) Mindaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii tokko kan qabamuu danda’u:-
a) Waliigaltee inni raawwateen,
b) Ajaja mana murtiitiin ykn,
c) Sababa gahaa malee hojiirraa yoo hafe ta’a.
2) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1(b) tiin mindaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii irraa citu mindaa ji’aa irraa harka sada keessaa harka tokko hin caalu.
36. Waa’ee Durgoolee fi Fayidaalee Adda Addaa
1) Durgoon kamiyyuu kan kaffalamu hojii mootummaa raawwachuuf barbaachisaa ta’ee yoo argame dha.
2) Gumiin Waliigalaa kaffaltii durgoolee adda addaa qorachuudhaan ykn qorachiisuudhaan ni mirkaneessa.
3) Faayidaa kiraa manaa, geejjibaa fi kkf bu’uuruma murtii Gumiitiin kan raawwatamu ta’a.
KUTAA  JAHA
BOQONNAA  WAGGAA  FI  HAYYAMA
KUTAA  XIQQAA  TOKKO
BOQONNAA  WAGGAA
37. Yaada Bu’uuraa Boqonnaa Waggaa
1) Hayyamni boqonnaa kan kennamu hojjattoonni yeroo murtaa’eef boqotanii tajaajila isaan irraa eegamu qalbii haaromfameen akka itti fufan dandeeessisuufi.
2) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii haaraa qaxarame kamiyyuu tajaajila baatiilee kudha tokko kennuu isaatiin dura eeyyama boqonnaa waggaa argachuuf mirga hin qabu.
38. Guyyoota Boqonnaa Waggaa
1) Abbaan seeraa sadarkaa kamiyyuu jiru haala hojiirratti miidhaa hin geessisneen yeroo barbaadetti boqonnaa waggaa ji’a lamaa ni argata.
2) Muudamaan Gumii waggaa tokko tajaajile boqonnaa waggaa bultii 30 ni argata.
3) Kan armaan ol keewwata xiqqaa (2) jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee Muudamaan Gumii waggaa tokkoo ol  tajaajile, dabalata waggaa tokko tokkootiif guyyaa hojii tokko tokko irratti ida’amee hayyama boqonnaa waggaa ni argata. Ta’us hayyamni boqonnaa waggaa tokko keessatti kennamuuf bultii 60 caaluu hin danda’u.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tuqame akkuma eegametti ta’ee yeroo abbaan seeraa ykn muudamaan gumii boqonnaan jiru dhimma ariifachiisaa hojjachuuf waamuun ni danda’ama.
5) Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii bu’uura keewwata kana keewwta xiqqaa (4)tiin yeroo boqonnaa isaa akka hojjatu taasifame tokko guyyootiin inni yeroo boqonnaa isaatti hojjate guyyaa boqonnaa birootiin ykn kaffaltiin bakka ni bu’aaf.
39. Kanfaltii Boqonnaa Waggaa
1) Boqonnaan waggaa gara qarshiitti hin geeddaramu. Kun jiraatu illee tajaajilli abbaa seeraa ykn mudamaa Gumii yoo dhaabbate miidhaan hojiirratti ni ga’a jedhamee boqonnaan sababa humnaa ol ta’een kuufame gara mindaa hojjatichi argatutti jijjiiruudhaan akka kanfalmuuf ni taasifama.
2) Abbaan seeraa ykn mudamaan Gumii boqonnaa kuufachuu hin danda’u.
3) Sababa humnaa ol ta’een boqonnaa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii kuusuu kan danda’u mana murtii qofa dha,
4) Boqonnaan kuufame bara baajataa tokko irraa gara baajata waggaa lammaffaatti mallattoo itti-gaafatamaa dhimmichi ilaallatuun darbuu ni dand’a. Bara baajata saddaffaa keessatti garuu hojjatichi boqonnaa waggaa akka argatu taasisuun dirqama dha.
5) Boqonnaa bara baajataa sadaffaatti darbe keessaa walakkaan isaa gara qarshiitti akka jijjiiramuuf abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii hojii irra osoo jiruu gaafachuu ni danda’a. Manni murtii sababa baay’ina hojiitiin boqonnaa kennuu yoo hin dandeenye boqonnaa bara baajataa lamatti kuufame keessaa hojjatichi yoo gaafate walakkaa isaa gara qarshiitti jijjiiree kaffauufii qaba.
6) Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii tokko hojii gadi-lakkisuuf yoo gaafate yeroo akeekkachiisaa ji’a lama keessatti boqonnaan bara baajataa lama keessatti qabu kennamuufii qaba. Haa ta’u malee, boqonnaan waggaa kuufame kan bara baajataa darbe lama yoo jiraate qofa gara qarshiitti jijjiiramee kafalamaaf. Dhimma humnaa ol ta’een hojjatichi kanaan fayyadamuu yoo dadhabe manni hojichaa boqonnaa bara baajataa darbe irraa gara bara baajataa amma keessa jirutti dabre qofa kanfaluudhaan hojjaticha geggeessuu qaba. Boqonnaan waggaa bara baajataa ittiin hojjatamaa jiru garuu abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii fudhachuu waan qabuuf gara qarshiitti jijjiiramee hin kennamuuf.
KUTAA  XIQQAA  LAMA
HAYYAMA  DAHUMSAA, DHUKKUBAA  FI  KANNEEN  BIROO
40. Hayyama Dahumsaa
1) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii ulfa taate dhimma ulfa isheetiin wal qabateen bu’uura ogeessi fayyaa ajajuun mana yaalaatti deddeebitee ilaalamuuf ni hayyamamaaf. Kanaafis ragaan mana yaalaa dhiyaachuu qaba.
2) Dahumsa dura ji’a tokko, guyyaa dahumsaa irraa eegalee ji’oota lamaaf mindaa waliin hayyamni boqonnaa dahumsaa ni kennamaaf.
3) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii hayyama dahumsaa ji’oota sadii booda boqonnaa gara biro yoo fudhachuu barbaadde hayyama waggaa irraa shallaguun kennuufiin ni danda’ama.
41. Hayyama Dhukkubaa
1) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii kamiyyuu yoo dhukkubsate hayyaama dhukkubaa argachuuf mirga qaba.
2) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii kamiyyuu guyyoota sadi walitti aananiif sababa dhibeetiin hojii irraa yoo hafe, ragaa haakimaa dhiyeeffachuu qaba.
3) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii tokko sababa dhibeetiin hojjachuu yoo dadhabe, kanaafis ragaa mana yaalaa yoo dhiyeeffate guyyaa dhukkubichi jalqabe irraa kaasee waggaa tokko keessatti yeroo ji’oota sagaliif, waggaa afur keessatti yeroo ji’oota kudha lama hin caalleef heeyyamni dhukubaa ni laatamaaf.
4) Heeyyamni dhukkubaa walitti aansudhaan ykn yeroo adda addaa kan kennamu ta’ee, jalqaba sababa dhukkubaatiin yeroo hojii idilee dhaabe irraa eegalee waggaa tokko keessatti mindaan ji’oota 6(jahaa) guutuu, ji’oota sadiif mindaan walakkaa kan kaffalamuuf ta’ee ji’oota sadi hafaniif ammoo mindaa malee hayyamni dhukkubaa ni kennamaaf.
5) Yeroo kana keessatti yoo fayyuu baatee fi kunis ragaa quubsaa  Gumii Waliigalaatti dhiyaateen yoo mirkanaa’e hojii irraa akka geggeeffamu ni taasifama.

42. Hayyama Fuudhaa fi Heerumaa
1) Abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii fuudhaaf heeruma raawwatuuf mindaan osoo irraa hin citiin hayyamni guyyoota shanii ni kennamaaf.
2) Iddoon fudhaa fi heerumni itti raawwatamu idoo hojii isaatiin ala yoo ta’e, guyyoonni dhaqaa fi galaa akkaataa dhiyeenyaa fi fageenya isaa ilaalcha keessa galchuudhaan guyyoota keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti caqafaman irratti kan dabalamu ta’a.
43. Hayyama Gaddaa
1) Haadha ykn abbaan warraa, ijjoolleen, abbaan ykn haati irraa dhalatan, obboleettiin ykn obboleessi, waasiilli ykn eessumni abbaa seeraa ykn muudamaa gumii yoo du’an mindaan osoo irraa hin citiin guyyoota shan walitti aananiif hayamni gaddaa ni kennamaaf.
2) Fira dhiyoo kan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti caqafamaniin alattii ykn hiriyaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii yoo du’e guyyaa tokkoof hayyamni ni kennamaaf. Bara baajataa tokko keessatti hayyamni haala kanaan kennamu guyyoota jaha caaluu hin qabu.
3) Namoonni keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti tuqaman iddoon itti du’an ykn awaalli isaanii iddoo hojii abbaa seerichaa ykn muudamaa gumiitiin ala yoo ta’e, guyyaan dhaqaa fi galaa akkaatuma dhiyeenyaa fi fageenya iddoo ilaalcha keessa galchuudhaan kan dabalataan kennamuuf ta’a.
44. Hayyama Addaa Kanfaltii Mindaa Wajjin Laatamu
1) Mana murtii irraa ykn qaama mootummaa aangoon kennameef irraa ragaaf yeroo waamame,
2) Mana barumsaatti qormaata barnootaa kennamu yeroo fudhatu guyyootii qoramaata fudhatu qofaaf  ragaa  irratti hunda’uun eeyyamni ni kennamaaf.
3) Barumsa ykn leenjii biyya keessaa ykn biyya alaa tattaaffii ofiin argatee Gumiin yoo eeyyameef.
45. Hayyama Addaa Mindaa Malee  Kennamu
Gaaffiin abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii irraa yoo dhiyaatee fi hojii irraa addaan ba’uu isaatiin dhiibbaan hojii mana hojichaa irratti kan hin geenye yoo ta’e, waggaa afur keessatti mindaan kan itti hin kanfalamne yeroo ji’oota sadiif hayyama kennuun ni danda’ama. Hayyamni haala kanaan kenname akka tajaajilaatti ykn muuxannoo hojiitti hin qabamu.
KUTAA TORBA
TAJAAJILA  YAALII   FI   BEENYAA
46. Waa’ee Beenyaa Miidhaa
1) Balaa hojiiirratti qaqqabeen abbaan seeraa ykn muudamaan gumii miidhaan qaamaa dhaabbataa fi guutuu ta’e irra gahee ykn dhibee sababa hojiitiin dhufeen hojii guutumaaf guutuutti hojjachuu yoo hin dandeenyee fi kunis ragaa boordii haakimootaa irraa dhiyaatuun yoo mirkanaa’e, bu’uura seera sooramaa hojjattoota mootummaa hojiirra jiruun mirgi beenyaa miidhaa kaffalamuu ykn sooramaan bahuu ni kabajamaaf.
2) Balaa hojiirratti gaheen miidhaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii irratti qaqqabe kan dhaabbataan hojiirraa dhorku yoo hin taane ykn yaalumsa booda kan hojiitti deebi’uu danda’u yoo ta’e baasiin yaalumsaa fi mindaan guutu karaa mana murtiitiin kan haguugamu ta’a.
3) Balaa hojiirratti gahee fi dhibee sababa hojiitiin dhufe kan jedhaman     kanneen seera sooramaa hojjattoota mootummaa  irratti ibsamani  dha.
47. Sababa Du’aan Kanfaltii Raawwatamu
1) Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii balaa hojiirratti gaheen ykn dhibee sababa hojiitiin dhufeen yoo du’e bu’uura seera sooramaa hojjattoota mootummaa hojiirra jiruun beenyaan ykn sooramni dhaaltoota isaatiif kan kaffalamu ta’a.
2) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii tokko yoo du’e akkaataa seera sooramaa hojjattoota mootummaa hojiirra jiru irratti tumameen kan raawwatamu ta’ee, dabalataanis haadha manaa ykn abbaa manaa, ijoollee umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’aniif ykn abbaa, haadhaa fi namoota gargaarsa isaa jala jiraniif hunda mindaan ji’a sadii ni kaffalamaaf. Kunis kan raawwatamu yoo galmeessisee fi bakka mormiin uumameetti murtii mana murtiitiin kenname irratti hundaa’uun kan raawwatamu ta’a.
3) Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii du’e, maatii isaa  mana murtiitti kan hin galmeessifne yoo ta’e ykn yoo dhabame  maatiin isa jalatti bulaa jiranii fi keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalaatti haala ibsameen deeggarsa abbaa seeraa ykn muudamaa gumii du’een kan jiraatan ta’uu isaaniif murtii mana murtii qabatanii dhiyaachuu qabu.
KUTAA  SADEET
WAA’EE  GALMEE  DHUUNFAA  ABBAA  SEERAA  FI  MUUDAMAA GUMII  GURMEESSUU
48. Galmee Dhuunfaa fi kaardii Abbaa Seeraa fi Muudamaa Gumii
1) Manni murtii tokkoon tokkoon abbaa seeraa fi muudamaa Gumii galmee fi kaardii dhuunfaa addaa akka qabaatu gochuu qaba.
2) Keewwata kan keewata xiqqaa (1) jalatti galmeen dhuunfaa qophaa’u iyyata abbaan seeraa ykn muudamaan gumii hojii ittiin gaafate ykn unkaa iyyannoo guute, xalayaa ittiin qacarame, ragaa barumsaa fi leenjii addaa, akkasumas tajaajila mana murtitiin  alatti kenname, waraqaa ragaa kennameef, xalayaa guddinni sadarkaa, muudamni ,daballi mindaa ; ragaa heeyyama dhukkubaa ykn kan biroo ittiin argate, gabaasa raawwii madaallii hojii fi dandeettii, barreeffama murtii ykn adabbii balleessaa naamusaatiin irrati fudhatame, xalayaa hojii irraa ittiin gaggeeffamee fi ragaalee biroo kkf hunda akkuma haala dhimmichaatti orijinaala ykn gargalcha isaa qabaachuu qaba.
3) Kaardiin dhuunfaa abbaa seeraa ykn muudamaa gumii dhimmoota odeeffannoon gurguddoo galmee dhuunfaa abbaa seerichaa irraa funaanaman  qofti  kan irratti  galmaa’an  ta’a.
4) Odeeffannoon kaardiin dhuunfaa irra jiru dabalataan daataa beezii mana murtii waliigalaatti kan galu ta’ee yeroo yeroon kan fooyya’u  ta’a.
49. Odeeffannoowwan Dhuunfaa Qorachuu
1) Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii kamiyyuu galmee dhuunfaa isaa mana murtiitti argamu keessaa odeeffannoowwan ykn ragaalee jiran gaafatee ilaaluu fi garagalcha isaa fudhachuudhaaf mirga ni qaba.
2) Gumii, pireezidaantii ykn qaama angoon kennameef yoo ta’e malee namootni mana murtii ykn mana murtii alatti argaman galmee dhuunfaa abbaa seeraa ykn muudamaa gumii tokkooyyuu qorachuu hin danda’u.
3) Odeeffannoo galmee dhuunfaa abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii keessattti wal qabatee ta’uu qabu akka abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii ilaaluu hin dandeenye godhanii kaa’uun ykn abbicha miidhuuf ykn fayyaduuf yaaduudhaan ragaa ykn odeffannoo kana galmee keessaa baasuun dhorkaa dha.
4) Gabaasni waa’ee nageenya ykn fayyaa abbaa seerichaa ilaalchisee dhiyaatu  galmee addaa keessa akka  taa’u  godhamuu  qaba.
5) Osoo abbaan seeraa ykn muudamaan gumii hin beekiin ragaa barreeffamaa galmee dhuunfaa isaa keessa kaa’uun dhorkaa dha.
50. Haala Seenaan Jireenyaa  Guca  Irratti Guutamu
1) Gucni seenaa jireenyaa of-eeggannoo cimaadhaan guutamuu qaba.
2) Ji’a, guyyaan fi barri dhalootaa haqamaa yoo qabaate fudhatama waan hin qabneef itti gaafatamaan guca mirkaneessu kana qulqulleeffachuun dirqama isa irraa eegamu ta’a.
3) Gucichi maqaan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii erga guutameen booda hojjataa guuteenii fi itti-gaafatamaa sagalee fuudheen mallattaa’uu qaba.
4) Guyyaan dhalootaa guca seenaa jireenyaa irratti yeroo tokko guutamee erga mirkanaa’een booda gaaffii hojjattotaa irraa dhiyaatuun jijjiiruun waan hin danda’amneef kunumti qacaramtootaaf ibsamee osoo irratti hin mallatteessiin dura wanta guutan irra deddeebi’anii akka qulqulleeffatan taasifamuu qaba.
5) Guyyaan dhalootaa yoo guutamu guyyaa, ji’aa fi bara isaatiin addaan ba’ee taa’uu qaba.
6) Guyyaan dhalootaa yoo guutamu umriin ragaa barnootaa irratti guutame akka  madda  ragaatti  fudhatamuu hin danda’u.
7) Chaappaan mana murtii bakka suuraan abbaa seeraa ykn muudamaa gumii jiruu fi bakka mallattoo isaa irratti godhamuu qaba.
8) Gucni seenaa jireenyaa erga mallattaa’e  booda guyyaan dhalootaa;
a) Murtee mana murtiitiin,
b) Umrii ragaa barnootaa irratti guutameen,
c) Ragaa dhalootaatiin,ykn
d) Murtee manneen murtii Gandaatiin fi kkf’n jijjiiruun hin danda’amu.
KUTAA  KUDHAN
SABABOOTA  ABBAAN  SEERAA  YKN  MUUDAMAAN  GUMII HOJII IRRAA  ITTI  GAGGEEFFAMU
51. Haala Abaaan Seeraa ykn Muudamaan Gumii Hojii Irraa Itti Gaggeeffamu
1) Abbaan seeraa kamiiyyuu hojjaa irraa kan gaggeeffamu  sababoota armaan gadiitiin ta’a:
a) Sooramaan;
b) Fedhiin;
c) Dhukkubaan;
d) Gahumsa dhabuu; fi
e) Badii naamusaatiin ta’a.
2) Muudamaan gumii murtii gumii qofaan hojii irraa gaggeeffama,
3) keewwata kana keewwata (1) jalatti kan tumame akkuma eegameetti ta’ee, hanga murtiin Gumii waliigalaa kennamutti hojii irra turuun abbaa seeraa ykn muudamaa gumii naamusa abbaa seerummaatiin kan wal faallessu yoo ta’e pireezidaantii mana murtii waliigalaatiin dhorkaan kennamuu ni danda’a.
52. Sooramaan
1) Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii umriin isaa sooramaaf qaqqabe kamiyyuu karaa waajjira Gumiitiin ji’a sadiin dura barreeffamaan beeksifamuu qaba.
2) Mirgaa fi faayidaan abbaan seeraa ykn muudamaa Gumii yeroo soorama bahu argachuu qabu bu’uura Seera Sooramaa Hojjattoota Mootummaatiin kan raawwatu ta’a.
53. Fedhiin
Abbaa seeraa ykn muudamaan Gumii hojii gadi lakkisuu barbaade, ji’a lamaan dura pireezidaantii barreeffamaan beeksisuu qaba. Pireezidaantiin gaaffiin hojii gadi lakkisuu erga isaaf dhiyaate booda akkuma haala isaatti yeroo baatii lamaa eeguuf otuu hin dirqamiin hojiirraa gaggeessuu ni danda’a. Ofisara seeraa ??
54. Dhukkubaan
1) Hayyamni dhukkubaa Dambii kana keessatti caqafame akkuma eegameetti ta’ee abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii hojii isaa sababa dhukkubaatiin sirriitti raawwachuu hin danda’u jedhee Gumiin yoo amane ykn ragaa mana yaalaatiin yoo mirkanaa’e hojii irraa gaggeessuu ni danda’a.
2) Gumiin murtii dabarsuun dura ragaa barbaachisaa hunda ilaaluu ykn yaada ogeessa fayyaa dhagahuu qaba.
55. Gahumsa Dhabiinsaan
Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii beekumsaa fi gahumsa isaa akka guddifatuuf maanni murtii yaalii erga godhe booda bu’aa barbaadamu agarsiisuu dhabuu isaa Gumiin yoo mirkaneeffate hojii irraa ni gaggeessa.
56. Sababa Naamusaatiin
1) Gumiin Waliigalaa Dambii Naamusa Abbootii seeraa irratti hundaa’uun abbaa seeraa ykn muudamaa Gumii hir’ina naamusaa agarsiise hojii irraa gaggeessuu ni danda’a.
2) Abbaa seeraa ykn muudamaa gumii haala kanaan gaggeeffame hir’ina naamusaatiin kan gaggeeffame ta’uun xalaayaa qulqullinaa (kiliiraansii) kennamuuf irratti caqafamuu qaba.
57. Haala Kenniinsa Ragaa Muuxannoo Hojii
1) Muuxannoon hojii kan kennamu yeroo abbaan seeraa ykn muudamaan gumii mana murtii gadi lakkisuuf gaafate ykn mana murtii erga gadi lakkise booda ykn osoo hojiirra jiruu ragaan haala tajaajila isaa ibsu akka kennamuuf barreeffamaan yoo gafate ta’a,
2) Manni murtii kan isa leenjise yoo ta’e. bu’uura waliigaltee seeneen yeroo tajaajiluu qabu kan xumure yoo ta’e malee xalayaa qulqullinaa  (kiliiraansii) kennuun hin danda’amu.
3) Muuxannoon hojii abbaa seeraa ykn muudamaa gumiif kennamu,
a) Yoom irraa eegalee hanga yoomiitti akka tajaajile,
b) Sadarkaa gita hojii irra jiru ykn  irra turee fi maal akka hojjate,
c) Mindaa kanfalamaafii jiru ykn ture,
d) Yoo hojii gadi-lakkisee jiraate gadi-lakkisuu isaa fi sababa gadi-lakkiseef,
e) Qabeenyi mootummaa harka isaa jiraachuu fi dhabuu
f) Yoo hojiirra jiraate ragaan kun kan gargaaru dorgommiif qofa ta’uu isaa fi itti aansee kiliiraansii hanga hin dhiyeessinetti muuxannoon kun qofa faayidaa akka hin qabne kan ibsu of  keessaa qabaachuu qaba,

KUTAA  KUDHA  TOKKO
TUMAALEE  ADDA  ADDAA
58. Waa’ee Ragaalee Sobaa
1) Iyyataan tokko qacarriif ragaa sobaa dhiyeessuun isaa yoo bira gahame seera yakkaatiin kan itti gaafatamu yoo ta’u, dorgommii keessaas akka haqamu ni taasifama; ragaa sobaatiin kan qacarame yoo ta’es murtii Gumiitiin hojiirraa ni gaggeeffama. Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii tokko ragaa sobaa dhiyeessuun guddina sadarkaa argachuun isaa yeroo kamiyyuu yoo irra gahame murtii Gumiitiin sadarkaa irratti guddate irraa akka bu’u, naamusaa fi yakkaanis akka gaafatamu ni taasifama. Abbaan seeraa ykn muudamaan gumii  ramaddii ykn  jijjiirraaf ragaa sobaa dhiyeessuun isaa yoo irra gahame naamusaa fi seera yakkaatiin kan gaafatamu ta’a.
2) Itti gaafatamaan ykn miseensi koree qacarrii, guddina sadarkaa, jijjiirraa, dabala mindaa ykn faayidaan addaa kan seeraan ala ta’e akka kennamu beekaa ykn maaltu na dhibeedhaan ykn malaammaltummaadhaan yoo murteesse, itti-gaafatamummaan yakkaa akkuma eegametti ta’ee naamusaa fi baasii seeraan ala baheefis kan itti gaafatamu ta’a.
3) Ragaa qabachuuf akka gargaaru footoo kooppiin ragaa sobaa fi tarreeffamni ibsa dhimmichaa Waajjira Gumiitiin ni kuufama.
59. Aangoo Qajeelfama Baasuu
Gumiin Waliigalaa Dambii kana fooyyeessuu fi raawwii isaatiif qajeelfama baasuu ni danda’a.
60. Seerota Raawwatiinsa Hin Qabne
Dambii ittiin Buulmaata Abbootii Seeraa Lakk.1/96 fi Dambii kana kan faallessu dambiin, qajeelfamnii fi hojiiwwan barataman kamiyyuu dhimmoota Dambii kana keessatti ilaalaman irratti raawwatiinsa hin qabaatanu.
61. Yeroo Dambichi Hojii Irra Oolu
Dambiin kun Amajjii guyyaa 9, bara 2001 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a
Taaddalaa Nagishoo
Pireezidaantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa
Amajjii bultii 9, Bara 2001
Finfinnee

Advertisements

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s