Wixinee sirna araaraafi jaarsummaa mana murtii woligalaa oromiyaa

Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa 

Wixinee Qajeelfama Sirna Araaraa fi Jaarsummaa Manneen Murtii Oromiyaa

Hagayya 2008

Finfinnee 
Wixinee Qajeelfama Sirna Araaraa fi Jaarsummaa Manneen Murtii Oromiyaa

Seensa 

Walfalmii Walta’iinsaan, Araaraan ykn Jaarsummaan xumuruun duudhaa fi aadaa Oromoo keessaa isa tokkoo fi hojimaataan gabbate ta’uu caalaa hawaasa keessatti nagaha fi tasgabbii buusuu irratti eddo olaanaa waan qabuuf;

Uummata naannoo Oromiyaa fi manneen murtii naannichaas irra caalatti caarraa gaarii kanatti fayyadamaa gochuun barbaachisaa waan ta’eef;

Heerri Mootummaa Federaalawaa fi kan Naannoo keenyaa, akkasumas Imaammatootni fi seerotni sadarkaa Federaalaattis ta’ee naannoo keenyatti bahan, hojimaata Walfalmiin Sirna Walta’iinsaan, Araaraa fi Jaarsummaatiin akka xumuraman gochuu kan jajjabeessan waan ta’eef;

Sirna Walta’iinsaa, Araaraa fi Jaarsummaa jajjabeessuun dhaqqabamummaa, bu’aa qabeessummaa, si’oomina, Amanamummaa fi qulqullina kenniinsa tajaajilaa Abbaa Seerummaa kan dabalu ta’uun isaa waan itti amanameef;

Yeroo ammaa dhimmoonni Mana Murtiitti baay’achaa  kan jiran waan ta’eef gara fuula duraa falmiiwwaan Mana Murtii dhufan hedduun Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramuun fi fala akka argatan gochuun Mana Murtii fi abbootii dhimmaatiif faayidaan inni kennu guddaa ta’uun isaa waan itti amanameef; 

Manneen Murtii Oromiyaa keessatti walfalmii Walta’iinsaan, Araaraan fi Jaarsummaan xumuruu ilaalchisee hojimaatni walfakkaataan fi qajeelfamni hojii Abbootiin Seeraa, gareen walfalmanii fi namootni Sirna Walfalmiin Falmii Idileetin ala itti Xummuramu keessatti hirmaatan ittiin hoogganaman dhabamuu isaatiin hojimaata irratti hanqinni waan quunnameef; 

Bu’uura Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa irra Deebi’anii Dhaabuuf bahe Lakk. 142/2000 keewwata 32 tiin qajeelfamni kun baheera.
Kutaa Tokko 

Tumaalee Waliigalaa

Kewwata 1:  Mata-duree Gabaabaa

Qajeelfamni kun Qajeelfama Sirna Araaraa fi Jaarsummaa Manneen Murtii Oromiyaa Lakk. ________________jedhamee waamamuu ni danda’a. 

Keewwata 2: Hiikoo

Itti fayyadama isaa irraa haala maddeen hiikkoo biraa kan kennisiisu yoo ta’e malee qajeelfama kana keessatti:

“Mana Murtii” jechuun bu’uura Lab.Lakk.141/2000tiin Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan dhaabbate Mana Murtii Aanaa, Mana Murtii Ol’aanaa fi Mana Murtii Waliigalaa jechuu yoo ta’u, Mana Murtii Shariyaa naannichaatis ni dabalata.   

“Abbaa Seeraa” jechuun bu’uura Lab.Lakk. 141/2000, Kewt.2 (5) tiin Gumii Waliigalaatiin filatamee Caffeedhaan muudame ykn kaadhimamaa Abbaa Seeraa Mana Murtii naannichaatti ramadamee hojjetu akkasumas Qaadota Manneen Murtii Shariyaa Naannichaa jechuudha.

Abbaa Alangaa” jechuun seera rogummaa qabuun kan dhaabbate abbaa alangaa Oromiyaa jechuu ta’ee kaayyoo  qajeelfama kanaaf abbaa alangaa Galiiwwanii fi Gumuuruukaa akkasumas abbaa alangaa Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa naannichaa ni dabalata.
“Abukaatoo” jechuun ogeessa seeraa tajaajila ogummaa abukaattummaa kennuuf qaama aangoo qabu irraa hayyama fudhate jechuu yommuu ta’u, akkaataa barbaachisummaa isaatti haayyama abukkaatummaa osoo hin qabaatiin dhaabbata dhuunfaa, dhaabbilee misooma mootummaa fi manneen hojii mootummaa bakka bu’uun kan falmanis ta’ee Abukaattoo Ittisaa ni dabalata. 

“Garee Walfalman” jechuun namoota Walfalmii adeemsifamaa jiru keessatti qooda fudhatan kan akka himataa fi himatamaa, garee falmii jidduu seene, garee murtii fi raawwii mormuudhaan falmii keessaa seene ykn ol’iyyataa fi deebii kennaa ta’uun dhaddachatti dhiyaate jechuu dha. 

Jaarsa” jechuun garee 3ffaa gartummaa irraa bilisa ta’ee, fedha garee walfalmitootaatiin ykn akkuma barbaachisummaa isaatti Mana Murtiitiin kan filatamu fi dhimmi Mana Murtiin ilaalamaa jiru yommuu itti qajeelfamu garee walfalman kan walitti araarsu ykn Jaarsummaan ilaalee kan murtii kennu jechuudha.

“Walta’insa” jechuun sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramu ta’ee giddu-lixummaa Jaarsaa malee gareen walfalman ofuma isaanitiif waliigalteerra itti gahan jechuudha. 

 “Araara” jechuun Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti xumuramu ta’ee gareen walfalman deeggersa Jaarsaatiin walitti dhihaatanii falmii isaanii waliigalteedhaan hiikkatan jechuudha;

“Jaarsummaa” jechuun Sirna Waldhabdeen Falmii Idileen Ala itti Xumuramu ta’ee Jaarsi moggaafamee murtii dhumaa fi dirqisiisaa ta’e kan kennu jechuudha. 

 “Ragaa” jechuun ragaa namaa ykn ogeessaa ykn bareeffamaa jechuudha. 

“Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramu” jechuun Sirna Walta’iinsaan, Araaraan ykn Jaarsummaan gargaaramuudhaan walfalmiin Mana Murtiin alatti ittin hiikamu jechuudha.

Keewwata 3: Daangaa Raawwatiinsaa

Qajeelfamni Kun Manneen Murtii naannichaa, garee walfalmanii Mana Murtiitti dhiyaatanii dhimmi isaanii Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramutti qajeelfameef akkasumas Jaarsa Araara ykn Jaarsummaa gaggeessu irratti raawwatiinsa ni qabaata. 

Keewwata 4: Sirna Dhimmootni Falmii Idileetiin Ala Itti Xumuraman Jajjabbeessuu

Abbaan Seeraa dhimma Mana Murtii gahe, seerri dirqisiisaan yoo jiraate malee, walfalmittoonni dhimma isaanii Sirna Walfalmiin Falmii Idileetiin Ala itti Xumuramuun akka fixatan ni qajeelcha, ni jajjabeessa, ni gorsa; akkasumas deeggersa barbaachisaa ni taasisaaf. 
Keewwata 5: Sirna Walfalmiin Falmii Idileetiin Ala Itti Xumuramu Keessatti Gahee Abbaa Seeraa

Walfalmiin Falmii Idileetiin Ala akka xumuraman gochuu keessatti Abbaan Seeraa gahee armaan gadii ni qabaata:

Kaayyoo, faayidaa fi maalummaa Sirna Walfalmiin Falmii Idileetiin ala itti Xummuramu garee walfalmaniif ni ibsa;

Dhimmi falmiif ka’umsa ta’e Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramuun yoo ilaalame irra caalatti bu’a-qabeessa ta’ee kan mul’atu yoo ta’e,  gareen walfalman, walfalmii isaanii walta’iinsaan, Araaraan ykn Jaarsummaadhaan akka xumuratan yaada ni dhiheessaaf;

Iyyata ykn yaada walta’iinsaa dhihaatuuf irratti hundaa’udhaan dhimmichi walta’iinsan kan xumuramuu danda’u ta’uu isaa erga mirkaneeffateen booda gara walta’iinsatti ni qajeelcha; bu’aa isaa eegufis ni beellama. 

Iyyata ykn yaada Araaraa ykn Jaarsummaa garee falmitootaa ykn Jaarsa irraa dhufu ilaaludhaan dhimmichi kan Araaraan ykn Jaarsummaadhan xumuramu ta’uu isaa erga mirkaneeffateen booda gara Araaratti ykn Jaarsummaatti ni qajeelcha; hanga bu’aan Araaraa ykn Jaarsummaa deebi’utti beellamaan ni tursiisa.

Abbaan Seeraa dhimma seerri dirqisiisan hin dhorkine tokko gara Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramutti kan hin ergine yoo ta’e sababa isaa galmee irratti ibsuu qaba;

Gareen walfalmitootaa Jaarsa akka filatan ni gargaara;

Gareen falmitootaa dhimma isanii Araaran ykn Jaarsummaan xummurachuuf waliigalanis Jaarsa filachuu kan hin dandeenye yoo ta’e, fedhii walfalmitootaa irratti hunda’uudhaan Jaarsa ni filaaf;

Yeroo Walta’iinsi, Araarri ykn Jaarsummaan itti xumuramee bu’aan isaa Mana Murtii dhaqqabuu qabu murteessudhaan, akkuma haala isaatti, Jaarsa ykn/fi garee walfalman ni beeksisa; 

Jaarsa filatamef aangeffamuu isaa ibsuudhaan akkaataa itti hojjetu irratti qajeelfama ni kennaaf, ykn ammoo karaa garee walfalmitootaatiin ni ergaaf; 

Gareen walfalman yeroo qabameef keessatti walfalmii isaanii Sirna walfalmiin falmii idileen ala itti xumuramuun kan hin xummuranne yoo ta’e, gaaffii dabalata yeroo dhihaatu fi adeemsi ture jajjabeessaa ta’uu isaa yoo itti amane, yeroo dabalataa ni kenna;

Gareen walfalman falmii isaanii Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramuun yoo ilaallatan, bu’aa isaa ofitti fuudhudhaan waliigalteen taasifame ulaagaa seeraa kan guutu, safuu uummataa kan hin faallessine fi mirga namoomaa garee walfalmanii ykn garee 3ffaa kan hin dhiibne ta’uu isaa mirkaneessudhaan ni raggaasisa; 

Gareen walfalman dhimmi isaanii sirna walfalmiin falmii idileen ala itti xumuramuun dhumachuu akka hin dandeenye gabaasni, akkuma haala isaatti, Jaarsa ykn garee walfalman irraa yoo dhihaatu, falmiin idilee iddoo dhaabbate irraa akka itti fufu ni taasisa.

Keewwata 6: Haalaa fi ulaagaa Jaarsi itti filatamu

Gareen walfalman waliigalteedhaan Jaarsa filachuu ni danda’u;

Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, jaarsi Abbaa Seeratiin kan filatamu yoo ta’e, hanga danda’ameen ulaagaa armaan gadii nama guutuu danda’u ta’uu qaba. Isaanis nama: 

amanamaa, kan haqaaf dhaabbate, garee lachuu irraa bilisa kan ta’e ykn dhimma ilaalamaa jiru keessaa bu’aa ykn faayidaa eeggatu kan hin qabne fi hawaasa keessatti waan gaarii hojjechuudhaan maqaa gaarii fi fudhatama qabu;

Garee walfalman araarsuuf ykn dhimmicha Jaarsummaadhaan ilaaluuf fedhii qabu;

Araara ykn Jaarsummaa irratti muuxannoo qabu ykn leenjii fudhate;

Ogummaa walfalmii hiikuu qabu fi 

Obsa fi dandeettii namaan waliigaluu qabu ta’uu qaba. 
Keewwata 7: Bakka bu’ummaa

Gareen walfalman qaamaan Adeemsa Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramu hunda irratti argamuu qabu; 

Kan keewwata kana keewwaata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, Gareen walfalman sababa humnaa ol ta’een argamuu kan hin dandeenyee fi bakka-bu’ummaa yoo kennan, qajeelfamni kun bakka-bu’oota garee walfalmanii irrattis kan raawwatiinsa qabaatu fi bakka-bu’ootni akkuma garee walfalmaniitti kan lakkaawaman ta’a;

Gareen walfalman haala addaatiin Jaarsa hayyamsiisanii ogeessa seeraa isaanii waliin ta’uudhaan Araara ykn Jaarsummaa irratti hirmaachuu ni danda’u;

Keewwata 8: Iccitii Eeguu

Waliigaltee garee walfalmaniitiin ykn seerri haala biraatiin kan dirqisiisu yoo ta’e malee, Araarri fi Jaarsummaan icciitiidhaan geeggeffamuu qaba. 

Jaarsa, garee walfalman ykn bakka bu’aa isaanii fi nama manni murtii hayyameef malee namni biraa Jaarsummaa irratti argamuu hin qabu.

Yoo seerri dirqisiisu jiraate malee, Jaarsi iccitii sababa Araaratiin ykn Jaarsummaatiin beeke baasuu hin qabu.
Kutaa Lama 

Sirna Walta’iinsaa

Keewwata 9: Yaada Bu’uraa

Seerri dirqisiisaan yoo jiraate ykn ulfinaa ykn walxaxiinsa dhimmichaa irraa kan ka’e dhimmichi Mana Murtiitiin furmaata argachuu qaba jedhee yoo amane malee dhimmi dhihaate kamuu walta’iinsa garee walfalmaniitiin akka xumuramu manni murtii ni jajjabbeessa. 
Keewwata 10: Ka’umsa Walta’iinsaa 

Murtiin dura sadarkaa falmii kamirrattuu yaadni Walta’iinsaa bu’uura armaan gadiitiin dhihaachuu ni danda’a:

Manni Murtii dhimmichi Walta’iinsan yoo xumurame irra caalaa bu’aa argamsiisa jedhee yoo amane yaada kana garee falmitootatiif kaasee yaadichis garee falmitootatiin fudhatama yoo argate;

Garee falmitootaa keessaa inni tokko dhimmicha Walta’iinsan xumurachuuf fedhii qabaachuu isaa barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibse fi gareen biraatis yaadicha yoo fudhate;

Gareen falmitootaa waliigaluudhaan dhimmicha Walta’iinsan xumurachuuf fedhii qabaachuu isaanii barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibsan;

Garee sadaffaan gareen walfalman dhimma isaanii walta’iinsaan fixachuuf fedhii kan qaban ta’uu isaa Mana Murtiif ibsee yaadni kunis gama Mana Murtiin garee walfalmaniif dhihaatee fudhatama yoo argate.

Keewwata 11: Dhimmoota Sirna Walta’iinsaan Ilaalamuu Danda’an

Sirni Walta’iinsaa sirnoota Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramu kanneen biro caalaa filatamaa kan ta’u:

Gareen walfalman dhimma irratti waldhaban ilaalchisee waliigaluu kan danda’an yoo ta’e;

Gareen walfalman adeemsa kanaan waldhabdee isaanii xumurachuu irratti kan waliigaluu danda’an yoo ta’e;

Ragaa gareen walfalman irratti waliigaluu dadhaban irratti murtii kennuun kan hin barbaachisne yoo ta’e;

Qabxii seeraa gareen walfalman  irratti waliigaluu dhadhaban irratti murtii kennuun kan hin barbaachisne yoo ta’e;

Gareen walfalman waldhabdee isaanii walta’iinsan kan hin xumuranne yoo ta’e walitti dhufeenyi, kabajni, diinagdeen fi caarran isaanii garmalee kan miidhamu yoo ta’e;

 Sirni Walta’iinsaa daran hirmaachisaa waan ta’eef, gareen walfalmitootaa bu’aa walta’iinsaa irra gahudhaf fedhii fi dandeettii kan qaban yoo ta’e;

Gareen walfalman dhimmicha walta’iinsan xumuruudhaan walqabatee adeemsa too’achuudhanis ta’ee qabxiiwwan tokkoon tokkoon falmii keessatti ka’an xiinxaluuf ogummaa gahaa qabaachuu isaanii irraa kan ka’e geddu-lixummaan Jaarsaa kan hin barbaachisne yoo ta’e;

Dhimmi falmiif ka’umsa ta’e dantaa uummataa kan of keessaa hin qabne ta’uu isaa irraa kan ka’e xiyyeeffannoo fi xiinxala uummataa kan hin barbaanne yoo ta’e;

Keewwata 12: Mirga fi Dirqama Garee Walfalmitootaa

Gareen walfalman dhimma isaanii waliigalteedhaan xumurachuuf mirga ni qabu;

Garee walfalman keessaa inni tokko yeroo barbaadetti barreeffamaan ykn haala biroo ifa ta’een fedhii isaa garee biraatiif duursee ibsuudhaan adeemsa Walta’iinsa addaan kutuu ni danda’a;

Gareen kamiyyuu Walta’iinsi kan hin milkoofne yoo ta’e falmii idilee isaa itti fufuuf mirga ni qaba;

Gareen walfalman mirga namoomaa garee kaanii ni kabaju;

Gareen walfalman hanga danda’ametti Walta’iinsi akka milkaa’u tattaaffii olaanaa ni taasisu;

Gareen walfalman jechoota miira namaa miidhuu danda’an, seeraan walitti bu’uu ykn Walta’iinsa gufachiisuu danda’anitti fayyadamuurraa of qusatu;

Gareen Walfalman waldhabdeen yeroo gabaabaa keessatti Walta’iinsan akka xumuramu waanta danda’an hunda ni raawwatu;

Gareen walfalman adeemsa Walta’iinsa keessatti bifa sammuu fayyaalummaa qabuun ni hirmaatu. 

KUTAA SADI

SIRNA ARAARAA

Keewwata 13: Ka’umsa Araaraa

Murtiin dura sadarkaa falmii kamirrattuu yaadni Araaraa bu’uura armaan gadiitiin dhihaachuu ni danda’a:

Manni Murtii dhimmichi Araaran yoo xumurame irra caalaa bu’aa argamsiisa jedhee yoo amane fi yaada kana garee falmitootatiif kaasee yaadichi fudhatama yoo argate;

Garee falmitootaa keessaa inni tokko ykn lamaan isaanii dhimmicha Araaraan xumurachuuf fedhii qabaachuu isaa/isaanii barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibse;

Jaarsi falmiin kun Araaraan akka xumuramu Mana Murtiif yaada dhiheessee yaadni kun Mana Murtichaa fi garee falmitootatiin fudhatama yoo argate dha. 

Keewwata 14: Jaarsa Araaraa Bakka Buusuu

Jaarsi Araaraa erga filameen booda hojii Araaraa bifa gartummaa irraa bilisa ta’een gaggeessuu akka hin dandeenye yoo barame;

Jaarsi Araaraa filatame fedhii isaatiin ykn sababa biraa humnaa oliitiin hojii Araaraa sababa itti fufuu hin dandeenyeen hojii Araarsuu yoo dhaabe; 

Iddoo Jaarsa Araara irraa ka’ee, Jaarsi Araaraa biroon bu’uura Kewt.28 (2 fi 3) tiin bakka ni buufama. 

Keewwata 15: Gurmaa’ina Jaarsa Araaraa

Jaarsi Araaraa, ulfina dhimmichaa irraa kan ka’e ykn gareen walfalman fedhii isaanitiin  kan filatan yoo ta’e malee, nama tokko ta’a;

Kan gareen walfalman filatan akkuma eegametti ta’ee, Abbaan Seeraa Jaarsa alaa yommuu filu, Kewt 10(2) qajeelfama kanaa geddu-galeessa godhachuu qaba. 
Keewwata 16: Dhimmoota Araaraan Xumaraman

Dhimmi hariiroo hawaasaa seeran hin dhorkamne kamuu sirna Araaratiin xumuramuu ni danda’a;

Dhimma yakkaa ilaalchisee,  hanga seerri dhimmootni biro Araaraan xumuramuu ni danda’an jedhee hin tumnetti, himannoowwan iyyannoo nama dhuunfaa irratti hunda’anii dhiyaatan Araaran xumuramuu kan danda’an ta’a. 

Keewwata 17: Gahee Jaarsa Araaraa

Jaarsi Araaraa adeemsa Araaraa keessatti gahee fi shoora armaan gadii ni qabaata:

Gareen walfalman kaayyoo, faayidaa fi adeemsa akkasumas qajeelfama Araaraa irratti hubannoo akka cimsatan ni taasisa;

Gartummaa irraa bilisa ta’ee marii gareen walfalman taasisan ni gaggeessa;

Gareen walfalman faayidaa walfalmii sana irraa eegan xiinxaluudhan faayidaa waliinii isaanii irratti akka xiyyeeffatan ni gargaara;

Gareen walfalman adda durummaadhaan fedhii isaanitiin waliigalteerra akka gahan ni gargaara. Yoo gareen walfalmitootaa waliigaluu dhaban akkuma haala dhimmichaatti jaarsi yaada Araaraa ofii isaatiin ni kenna; 

Adeemsa Araaraa ni too’ata;

Gareen walfalman adeemsa Araaraa keessatti gara wal loluutti akka hin deemne fi jechoota hin malle fi haamilee garee kaanii tuquu danda’anitti akka hin fayyadamne ni to’ata;

Gareen walfalman yaada fi kabaja namooma garee kaanii akka kabajan fi miira irraa bilisa ta’anii akka marii taasisan ni jajjabeessa;

Gareen walfalman yaadan gara tokkotti dhufuu kan hin dandeenye yoo ta’e kallattiiwwan gara tokkotti isaan fiduu danda’an itti argisiisudhaan yaadaan adeemsicha ni gargaara;

Gareen walfalman yeroo qabame keessatti waliigalteerra gahuu ykn adeemsi Araaraa kan xumuramu ta’uu isaa ni mirkaneessa; 

 Bu’aa Araaraa garee walfalmaniif barreessufiidhaan ni gargaara; tattaaffii walfalmitoota walitti araarsuu danda’an hunda ni taasisa. 

Keewwata 18: Gulantaa Araaraa

Gulantaa tokkoffaa: Jaarsi Araaraa of barsiisudhaan gareen walfalman Araaramuuf fedhii qabaachuu isaanitiif erga galatoonfatee booda, faayidaa, kaayyoo, deemsa fi qajeelfama Araaraa garee walfalmaniif ibsuudhaan gareen walfalman waliigalteerra akka gahan ni jajjabeessa;

Gulantaa Lammaffaa: Jaarsi Araraa, Gareen walfalman dabaree dabareedhaan ka’umsa walfalmii isaanii fi miidhaa isaan irra gahe akka ibsan caarra kennuufidhaan, fedhii fi dantaa isaanii akkasumas fedhii fi dantaa garee biraa adda baasanii yaada Araaraa akka dhiheessan ni taasisa;

Gulantaa Sadaffaa: Jaarsi Araaraa, gareen walfalman marii waliinii taasisuudhan ijoo walfalmii irratti akka yaada kennan ni taasisa; Walfalmiin garee lamaanii maal akka ta’es adda ni baasa;

Gulantaa Afraffaa: Jaarsi Araaraa, garee walfalman tokkoo tokkoon dhuunfatti mariisisuudhaan cimina fi laafina falmii isaanii akkasumas yaada furmaataa haaraya dhihaachuu danda’u irratti ni mari’atu; Ijoon dhuunfaadhaan mariin irratti taasifame fedhii garee mariin waliin taasifameetiin yoo ta’e malee, garee biraatti hin himamu;

Gulantaa Shanaffaa: Jaarsi Araaraa garee walfalman tokkoon tokkoon isaanii waliin marii dhuunfaatti erga taasiseen booda gareen walfalman walitti deebisuudhaan marii waliinii ni taasisa;

Gulantaa Jahaffaa: Gareen walfalman marii taasifameen waliigalteerra kan gahan yoo ta’e, waliigalteen irra gahan barreeffamee gareen Araaraman akka irratti mallatteessan ni taasifama.

Keewwata 19: Naamusa Jaarsa Araaraa

Jaarsi Araaraa:

Garee walfalman walqixa ilaaludhaan walfalmitoonni gara Araaratti akka dhufan carraaqqii cimaa gochuu qaba;

Walfalmii garee walfalmanii keessaa bu’aa ykn dantaa kan qabu yoo ta’e, duursa hojii Araarsuutti osoo hin seeniin kanuma garee walfalmaniif ibsuudhaan itti gaafatamummaa kana ofirraa buusuu qaba;

Dhimma Jaarsa Araaraa ta’ee ilaalen walqabatee yoo seerri gaafate malee iccitii baasuu hin qabu;

Dhimma Jaarsa Araaraa ta’ee ilaalen walqabatee falmii gara fuula duraatti ka’u irratti raga ta’ee hin dhihaatu;

Walfalmiin garee walfalmanii bifa gartummaarraa bilisa ta’een akka hin xumuramne gochawwan taasisanii fi badii naamusaa biro irraa of qusachuu qaba.  

Keewwata 20: Mirga fi Dirqama Garee Walfalmanii

Gareen walfalman dhimma isaanii walta’iinsaan ykn Araaraan xumurachuuf mirga ni qabu;

Garee walfalman keessaa inni tokko ykn lamaan isaanii yeroo barbaadetti barreeffamaan ykn haala biro ifa ta’een Jaarsa Araaratiif duursee beeksisuudhaan Araara addaan kutuu ni danda’a;

Gareen kamuu Araarri kan hin milkoofne yoo ta’e falmii idilee itti fufuuf mirga ni qaba;

Gareen walfalman mirga namoomaa garee kaanii ni kabaju;

Hanga danda’ametti Araarri akka milkaa’u tattaaffii olaanaa ni taasisu;

Jechoota miira namaa miidhuu fi Araara gufachiisuu danda’anitti fayyadamuurraa of qusachuu qabu;

Walfalmiin yeroo gabaabaa keessatti Araaran akka xumuramu deggeersa barbaachisaa ta’e hunda gochuu qabu;

Araara keessatti bifa fayyaalummaa qabuun ni hirmaatu. 

Gareen tokko yommuu yaada isaa ibsatu, gareen kaan bifa adeemsicha miidhuu danda’uun gidduu lixuu ykn dabaree isaa malee dubbachuu hin qabu. 

Keewwata 21: Sababoota Araara Addaan Kutan

Araarri walfalmii tokko irratti taasifamaa jiru sababoota armaan gadiitiin addaan cituu ni danda’a:

Garee walfalman keessaa inni tokko Araara addaan kutuuf yoo barbaade fi kanuma barreeffamaan ykn haala ifa ta’een Jaarsa Araaraa yoo beeksise;

Jaarsi Araaraa walfalmichi Araaraan xumuramuu isaa irraa  abdii kan hin qabne ta’uu isaa barreeffamaan Mana Murtii fi garee walfalman yoo beeksise fi 

Gareen walfalman Araaramuudhaan waliigaltee Araaraa kan mallatteessan yoo ta’e dha. 

Keewwata 22: Bu’aa Araaraa

Bu’aan Araaraa ulaagaa seeraa guutudhaan garee walfalmaniin yoo mallattaaye garee waliigalticha mallatteessanirratti dirqama raawwatiinsaa ni qabaata;

Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, Jaarsi Araaraa Aadaa naannichaa irratti hunda’uudhaan akkasumas fedhii walfalmitootaa irratti tilmaamama keessaa galchuudhana dhimmicha Jaarsummaadhaan xumuruu ni danda’u. 

Abbaan Seeratis bu’aa Araaraa kana seera qabeessa ta’uu isaa erga madaaleen booda mirkaneessudhaan qaama murtii ni taasisa. 

Kutaa Afur

Sirna Jaarsummaa

Keewwata 23: Ka’umsa Jaarsummaa

Dhimma Seerri Jaarsummaan akka hin ilaallamne dorke malee, murtiin dura sadarkaa falmii kamiittuu yaadni Jaarsummaan walfalmii xumuruu bu’uura armaan gadiitiin dhihaachuu ni danda’a:

Manni Murtii dhimmichi Jaarsummaan yoo xumurame irra caalaa bu’aa qabeessa jedhee yoo amane yaada kana garee walfalmitootaaf kaasee yaadichi garee walfalmitootaan fudhatama yoo argate;

Gareen walfalman dhimma isaanii Jaarsummaadhaan xumurachuuf fedhii qabaachuu isaanii barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibsan,

Walfalmitoota keessaa nama tokkoon ykn sanaan oliin dhimmichi Jaarsummaadhaan akka xumuramu fedhii qabaachuu isaa barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibsame fi falmitoonni kaanis yaadicha yoo fudhatan ykn 

Jaarsi Dhimmichi Jaarsummaadhaan akka xumuramu yaada Mana Murtiif dhiheessee yaadni kun garee walfalmitootaa fi Mana Murtiitiin fudhatama yoo argate dha.  

Keewwata 24: Baayyina, Ulaagaa fi Akkaataa Filannaa Jaarsaa

Aadaan ykn Seerri dirqisiisaan yoo jiraate malee, akkuma salphina fi ulfinaa dhimmichaatti, baayyinni Jaarsaa nama tokko, sadii ykn shan ta’a. 

Jaarsi amanamaa, kan haqaaf dhaabbate, garee lachuu irraa bilisa kan ta’en ykn dhimma Jaarsummaan ilaalu keessaa bu’aa ykn faayidaan eeggatu kan hin jirree fi hawaasa keessatti waan gaarii hojjechuudhaan maqaa gaarii qabaachuu qaba. 

 Jaarsi tokko qofa yoo ta’e, gareen walfalman irratti waliigaluu qabu. Sanaan ol yoo ta’e, gareen walfalman Jaarsa walqixa kan filatan ta’ee walitti qabaa waliigalanii filatu.

Gareen walfalman walitti qabaa Jaarsaa waliigalteedhaan filachuu kan hin dandeenye yoo ta’e, jaarsoliin garee lamaanii sagalee guutuudhaan ni filu; Jaarsoliin waliigaluu yoo dadhaban, Manni murtii ni fila.

Gareen tokko ykn lamaanuu guyyaa hojii 5 keessatti sababa adda addaatiin Jaarsa gama ofii filachuu yoo dhabe, manni murtii ni filaaf. 

Jaarsi gareen tokko filate gareen biraa sababa gahaa fi amansiisaa dhiyeessuudhaan yoo morme malee jarsa ta’ee itti fufa.  

Keewwata 25: Dhimma Gara Jaarsummaatti Qajeelchuu

Manni murtii Jaarsa filatameef  filatamuu fi aangeffamuu isaa ibsuudhaan kallattii ittiin dhimmicha ilaaluu qaban ibsuufii qaba; Jaarsi dhaddacha irratti kan hin argamne fi bakka inni hin jirretti filatameera yoo ta’e, kanuma karaa garee walfalmaniitiin erguufii qaba.  

Manni murtii dhimma tokko Jaarsummaatti yoo qajeelchu fedhii fi hayyama garee walfalmanii irratti hunda’uudhaan akkuma barbaachisummaa isaatti ijoo dubbii bitaa fi mirgaa guutuu ykn gartokkee isaa irratti murtii akka kennan taasisuu ni danda’a.

Keewwata 26: Bilisummaa fi Jiddugaleessummaa Jaarsolii

Jaarsi dhiibbaa kam irraa iyyuu bilisa ta’ee Jaarsummaa geggeessuu qaba. 

Jaarsi Jaarsummaa osoo hin eegalin dura bu’uura aadaa isaatiin dhugaa fi haqaaf kan dhaabbate ta’uu garee walfalman duratti waadaa seenuu qaba. 

Jaarsi dhimma Jaarsummaan ilaalaa jiru waliin walqabatee garee kamuu waliin walqunnamtii bilisummaa fi jiddugaleessummaa isaa miidhuu danda’u hunda irraa of qusachuu qaba. 

Keewwata 27: Sababoota Jaarsa Jaarsummaa irraa Kaasuu Danda’an 

Jaarsi tokko haqummaa kan hin qabne ykn garee tokko irraa bilisa ta’uu dhabuu isaa dhimmi agarsiisu yoo argame ykn shakkiin qabatamaan yoo dhiyaate, gahumsaan dirqama isaa bahuu yoo dhabe, irra deeddebi’ee Jaarsummaa irraa kan hafu yoo ta’e, tumaalee qajeelfama kanaa isaan dirqisiisoo keessaa tokko ykn sanaa ol cabsuun isaa yoo mirkanaa’e, akkasumas sababa gahaa birotiin  iyyannoo garee walfalman irraa dhiyaatu, ykn  gaaffii fedhii isaarratti hundaayee dhihaatu irratti hunda’ee murtii kennamuun Jaarsummaa irraa ka’uu ni danda’a,  

Gareen Jaarsi Jaarsummaa irraa akka ka’u gaafatu sababa isaa barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtii ykn Jaarsatti dhiyeessuu qaba. Manni murtii ykn jaarsi iyyannoon itti dhiyaate iyyannoon sun garee walfalmitootaa isaan kaan akka gahu ni taasisa. 

Qaamni Jaarsi Jaarsummaa irraa akka ka’u gaafatu sababiin Jaarsa Jaarsummaa irraa kaasu jiraachuu guyyaa beeke irraa kaasee guyyoota hojii itti aanan 5 keessatti gaaffii dhiyeessuu yoo dhabe gaaffii isaa akka dhiisetti fudhatama. 

Gareen yeroo keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti ibsame keessatti iyyannoo isaa sababa humnaan ol ta’een utuu hin dhiyeeffatiin hafe iyyannoo isaa Mana Murtii ykn jaarsoleetti dhiyeeffachuudhaan hayyamsiifachuu ni danda’a. 

Jaarsi iyyannoon irratti dhiyaate Jaarsummaa irraa ka’uu kan danda’u:

Iyyanni Jaarsummaa Jaarsa tokkoon geeggeeffamuu, Jaarsa Manni Murtii Muudee fi Jaarsolii harka caalaa irratti dhiyaatu kamiyyuu Mana Murtiitiin murta’a; 

Kan keewwata kana keewwaata xiqqaa 5(A) jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee; iyyanni jaarsolii harka xiqqaa irratti dhiyaatu jaarsolii hafaniin kan murta’u ta’a. Jaarsoleen iyyannoo irratti murtii kennan sagalee walqixa iddoo lamatti yoo bahee yaadni walitti qaban deeggeran fudhatama qabaata. 

Iyyanni walitti qabaa Jaarsaa fi Jaarsolii kaan irratti yoo dhiyaate fi sagaleen Jaarsolii murtii kennanii walqixa yoo ta’e iyyannichi Mana Murtiitiin murta’a. 

Keewwata 28: Jaarsa Bakka Buusuu

Namni Jaarsummaatti filatame filannoo sana fudhachuu yoo dide, fedhii isaatiin Jaarsummaa irraa yoo ka’e, yoo du’e, dandeettii yoo dhabe, yoo dhukkubsate ykn sababa biroo kamiinuu Jaarsummaa irraa akka ka’u yoo murta’e akkaataa Keewwata kanaa keewwata xiqqaa (2 fi 3) jalatti tumameen jaarsi bakka ni bu’a. 

Jaarsummaa Jaarsa tokkoon gaaggeeffamaa ture irraa Jaarsi sun yoo ka’u; Jaarsi haaraan adeemsa Jaarsi inni duraa ittiin filatame hordofuudhaan ni filatama. 

Jaarsummaa Jaarsa sadii fi sanaan oliin gaaggeffamaa ture irraa Jaarsi yoo ka’u; Jaarsolii hafaniin dhimmicha itti fufanii ilaaluun kan hin danda’amne yoo ta’e Jaarsi haaraan adeemsa Jaarsi inni duraa ittiin filatame hordofuudhaan ni filatama.  

Keewwata 29: Adeemsa Jaarsummaa

 Seerri dirqisiisu yoo jiraate ykn gareen walfalman seera, aadaa ykn amantaa walqixxummaa garee walfalmanii eegsisuu danda’uun Jaarsummaan akka geeggeffamu yoo waliigalan malee, Jaarsummaan hundi bu’uura qajeelfama kanaatiin gaggeeffama. 

Dhimmoota qajeelfama kana keessatti hin hammatamne ilaalchisee, Jaarsummaan, seerota rugummaa qaban ykn waliigaltee garee walfalmaniitiin kan gaggeeffamu ta’a. 

Jaarsummaan adeemsa gareen walfalman bilisa ta’anii dhimma isaanii guutummaan guututti ittiin dhiyeeffachuu danda’an kamiyyuu hordofuudhaan gaggeeffamuu ni danda’a. 

Jaarsi jalqaba irratti gareen walfalman adeemsa hordofuu qaban irratti akka waliigalan gargaarsa gochuu qaba. 

Keewwata 30: Jaarsummaan Guutuu Kan Ta’u

 Jaarsummaan Jaarsa sadiin gaggeffamu miseensonni hundi yoo argaman qofa adeemsifama.  

Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, hojiiwwaan bu’aa Jaarsummaa irratti dhiibbaa fiduu hin dandeenye kanneen akka iyyannoo (himannaa ykn deebii) barreeffamaa fi ragaa barreeffamaa fuudhuu fi beellama jijjiiruu jaarsolii argaman qofaan hojjetamuu danda’a. 

Keewwata 31: Iddoo Jaarsummaan itti Geeggeeffamu

 Iddoon Jaarsummaan itti geeggeffamu fedhii garee walfalmanii fi Jaarsaa jiddugaleessa godhachuu qaba. 

Gareen walfalman yoo waliigaluu dhaban, yaada keewwata kana keewwata xiqqaa tokko keessatti tumame jiddugaleessa godhachuudhaan, bifa walqixxummaa garee walfalmanii mirkaneessun, jaarsoliin iddoo Jaarsummaan itti gaggeeffamu ni murteessu. 

Iddoon Jaarsummaan itti geggeeffamu kan jijjiiramu yoo ta’e, walitti qabaan Jaarsaa guyyaa beellamaa duursee barreeffamaan ykn meeshaalee walqunnamtii rugummaa qabaniin garee walfalman beeksisuu qaba.

Murtiin kan kennamu iddoo Jaarsummaan itti adeemsifametti ta’a. 

Keewwata 32: Seera Raawwatiinsa Qabu

 Seeran haala biraatiin yoo tumame malee dhimmi Jaarsummaa seera gareen walfalman filataniin ilaallama. 

Kan keewwata kana keewwaata xiqqaa tokko jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, seerri dhimma sanaa irratti dirqisiisaa ta’e, haalli waliigalaa dhimma sanaa fi hojimaatni naannoo sana jiru tilmaama keessa galee seerri Jaarsummaan ittiin geeggeffamu filatamuu qaba. 
Keewwata 33: Qabiyyee Himannaa 

 Himannaan tokko qabiyyee itti aanu qabaachuu qaba:

Maqaa fi teessoo garee walfalmanii,

Sababa himannaaf ka’umsa ta’e fi gaaffii sana deeggaru, seerummaa barbaadamu fi yoo mallaqni akka kaffalamuuf barbaadame, hanga mallaqichaa,

Tarree ragaa himannaa sana mirkaneessu, garagalcha ragaa sanaa ykn ragaan sun harka isaa kan hin jirre yoo ta’e ajajaan akka dhiyaatuuf gaafachuu qaba. Ragaan footo koppii orijinaala waliin walbira qabamee madaalama. 

Himannaa fi ragaan Jarsaa fi garee waliin falmu gahuu akka danda’utti dhiyaachuu qaba. 

Himannaa fi ragaan dhiyaate ulaagaa barbaadamu kan hin guunne yoo ta’e, yeroo Jaarsoliin murteessan keessatti sirreeffamee akka dhiyaatu ni taasifama. 

Keewwata 34: Qabiyyee Deebii 

Deebiin qabiyyee armaan gadii qabaachuu qaba:

Maqaa fi teessoo garee walfalmanii,

Moarmii sadarkaa duraa yoo qabaate, ibsa isaa waliin,

Sababoota himannaa irratti ibsamanii fi seerummaa gaafatame irratti deebii ifaa fi gabaabaa ta’e,

 Himannaa himatamummaa ykn gaaffii waldandeessisuu sababa isaa waliin qabaachuu ni danda’a. 

Keewwata 35: Yeroo Deebiin Itti Dhihaatu

Himatamaan guyyaa deebii isaa akka dhiyeessu ajajame keessatti dhiyeeffachuuf dirqama qaba. 

Himatamaan deebii isaa guyyaa akka dhiyeessu ajajame keessatti sababni dhiheessuu dhabeef kan Jaarsolee amansiise yoo ta’e, deebii isaa akka dhiyeeffatu yeroon dabalataa kennamuufii danda’a.  

Sababni dhihaate amansiisaa yoo hin taane, mirgi deebii kennuu bira darbamee Jaarsummaan itti fufa. 

Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1-3 jalatti tumame akkuma barbaachisummaa isaatti himannaa himatammummaa irrattis raawwatiinsa qabaata.

Garagalchi himannaa himatamummaa fi ragaan dhihaate karaa walitti qabaa Jaarsaatiin himataa dhaqqabee deebiin guyyaa ajajame keessaatti dhihaachuu qaba.  

Keewwata 36: Iyyannoo Fooyyessuu

 Gareen kamuu osoo adeemsi Jaarsummaa hin xumuramiin dura himannaa, himannaan himatamaa ykn deebii isaa fooyyeffachuuf iyyannoon gaaffachuu ni danda’a.

Iyyannaan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame dubbii dheeressuuf ykn garee isa biraa dhamaasuuf malee haqa argamsiisuuf akka hin taane jaarsoliin yoo itti amanan iyyannaa sana kufaa godhanii dhimmicha ilaaluu itti fufuu danda’u. 
Keewwata 37: Jaarsummaa Gaggeessuu fi Ragaa Dhiyeessuu

 Falmiin garee walfalmitootaan barreeffamaan dhiyaate akkuma jirutti ta’ee falmiin afaanii akka gaggeeffamu ni taasifama. 

Jaarsummaa nama tokkoon geeggeffamu irraa jaarsi sun yoo ka’u ykn Jaarsummaa jaarsota hedduutiin geeggeffamu irraa walitti qabaan Jaarsaa yoo ka’u falmiin afaaniin taasifame akkuma barbaachisummaa isaatti irra deebi’amee ni gaggeeffama. . 

Falmii afaanii biraa geeggessuun yoo barbaachise ykn falmiin afaanii calqabamee utuu hin xumuramiin yoo hafe, yeroo itti aanutti geeggessuuf beellamni kennamuu ni danda’a.

Falmii yeroo lammaffaaf gaggeessuuf beellamni kennamu beellama idilee caalaa gabaabbachuu qaba. 

Gareen tokko himannaa ykn deebii isaa keessatti dhimma ibse mirkaneessuuf dirqama qaba. 

Gareen raga namaa dhiheessuu barbaade, dursee maqaa fi teessoo isaanii jaarsolii fi garee kaan beeksisuu qaba.

Ragootni jaarsolii duratti dhiyatanii erga sirna kakuu raawwatan booda jecha isanii kennuu qabu. 

Ragaan tokko Jaarsa biratti dhiyaatee jecha ragummaa isaa kennuu kan hin dandeenye ta’uun isa yoo mirkanaaye, ragummaa isaa barreeffamaan ykn haala biraa jaarsi itti amaneen akka kennu taasisuun ni danda’ama. 

Murtii haqaa qabeessa ta’e kennuuf jecha gareen walfalman ykn gareen tokko ragaan dabalataa akka dhiyaatuuf Jaarsa gaafachuu ni danda’a. Haa ta’u malee ragaan dabalataa yeroo akka dhiyaatu ajajamu haala alloogummaa fi haqummaa jaarsolii hin faalleessineen ta’uu qaba.

Ragaan dhiyaate fudhatama, rogummaa fi ulfina qabaachuu fi dhiisuu isaa jaarsoliin madaaluu qabu.  

Keewwata 38: Ogeessa Muuduu

 Jaarsoliin murtii haqaa kennuuf ni gargaara jedhanii yeroo itti amanan, ogeessi tokko ykn sanaa ol dhimma falmiif sababa ta’e qoratee bu’aa isaa barreeffamaan akka dhiyeessu ajajuu ni danda’u. Muudama ogeessa kanaatis garee walfalman beeksisuu qabu. Ogeessotnis haalli addaa yoo dirqisiise malee qorannoo isaanii iddoo gareen walfalman argamanitti gaggeessuu qabu. 

Garagalchi gabaasa ogeessaa garee walfalman gahee gareen fedhii qabu yaada isaa akka barreeffamaan dhiyeeffatu carraan ni kennnama. 

Gabaasni ogeessi dhiheessu ifa ta’uu yoo dhabe ykn gareen walfalman mormii gabaasicha irratti yoo kaasan ogeessoonni sun qaamaan dhiyaatanii bu’aa qorannoo ifa akka godhan Jaarsoliin taasisuu danda’u. 

Keewwata 39: Beellama irraa Hafuu

 Guyyaa deebii eeguuf beellamametti himatamaan deebii qabatee dhiyaatee himataan garuu yoo hin dhiyaatiin, deebiin himatamaa irraa fuudhamee galmeetti qabamee beellamni falmii afaaniif ni qabama. 

Guyyaa deebiin eegamu himataan dhiyaatee waraqaa yaamichaa himatamaan gahuu isaa yoo mirkaneesse fi himatamaan ykn bakka bu’aan isaa sababa gahaa malee osoo hin dhihaatiin yoo hafe, iddoo himatamaan hin jirretti falmiin afaanii ni gageeffama ykn dhagahuuf ni beellamama. 

Himatamaan guyyaa deebii kennuu qabu irraa eegalee guyyoota hojii 5 itti aananii jiran keessatti dhiyaatee sababa gahaa qabaachuu isaa yoo mirkaneesse deebii akka kennu jaarsi hayyamuufii ni danda’a.  

Gareen yeroo murta’e keessatti ragaa akka dhiyeesu ykn hojii biraa raawwate akka dhiyaatu ajajame tokko dhiyaatee sababa gahaa agarsiisuu yoo baate ragaa fi falmii duraan gaggeffame irratti hunda’amee murtiin ni kennama.

 Keewwata 40:  Falmii Xumuruu

Gareen walfalman falmii fi ragaa isaanii dhiyeessanii xumuruu isaanii yoo ibsan ykn jaarsoliin falmiin xumuramuu yoo mirkaneeffatan falmiin xumuramuu isaa garee walfalmaniif ibsuu qabu. 

Erga falmiin xumuramuun beeksifameen booda, jaarsoleen haalli addaa falmiin akka hin xumuramne ykn akka irra deebi’amuu qabu agarsiisu Jiraachuu isaa hubatan ykn walfalmaitoota keessaa gareen tokko yoo hubachiise falmiin irra deebi’amee dhagahamuu danda’a. 

Keewwaata 41:  Bu’aa Jaarsummaa 

Jaarsummaan Jaarsa sadii fi sanaan oliin geeggeffamu hanga dada’ametti sagalee guutuudhaan murtaa’uu qaba. 

Jaarsi yaada addaa qabu yoo jiraate yaada isaa sababan deggeree barreeffamaan dhiyeessuu qaba. 

Jaarsi yaada addaa qabu yaada isaa barreeffamaan dhiyeessuu yoo dhabe manni murtii murtii Jaarsolii sagalee caalmaan kenname galmeessee garee walfalmaniif ni kenna. 

Keewwata 42: Qabiyyee fi Amala Bu’aa Jaarsummaa  

Bu’aan Jaarsummaa barreeffamaan ta’uu qaba. 

Bu’aan Jaarsummaa falmii garee walfalmanii, ragaa dhihaate fi sababa murtii sana kennisiisuu dandeessise akkasumas ajaja raawwatamuu danda’u qabaachuu qaba. 

Bu’aan Jaarsummaa, guyyaa, maqaa Jaarsaa, maqaa walfalmitootaa, fi mallattoo Jaarsaa qabaachuu qaba. 

Jaarsi fuula bu’aa Jaarsummaa hunda irratti mallatteessuu qaba. 

Gareen walfalman haala biraatiin yoo waliigalan malee bu’aan Jaarsummaa dirqisiisaa, isa dhumaa fi kan raawwatamuu dha. 

Kan keewwaata kana keewwata Xiqqaa 5 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, Jaarsi akkuma haala qabatamaa dhimmichaatti dhimma walfalmitoota jidduu jiru Jaarsummaadhaan erga xummureen booda garee walfalman walitti araarsuu ykn waltaasisuu ni danda’a. 

Garagalchi bu’aa Jaarsummaa, chaaphaa Mana Murtii akka qabaatu taasifamee garee walfalmanii fi walitti qabaa Jaarsaatiif ni kennama. 

Bu’aan Jaarsummaa kun raawwiif ykn qaama dhimmi ilaalatu biratti galmaa’ee akka taa’u yoo barbaadame qaama bu’aa Jaarsummaa kana raawwachiisuuf ykn galmeessuuf garagalchi isaa chaaphaa Mana Murtii akka qabaatu taasifamee ni ergamaaf. 

Keewwata 43: Bu’aa Jaarsummaa Sirreessuu

Gareen walfalman guyyaa garagalcha bu’aa Araaraa fudhatan irraa eegalee guyyaa hojii 10 keessaatti waanti ifa hin taane, ifa akka ta’uuf ykn dogoggorri barreeffamaa ykn herregaa akka sirreeffamu ykn dhimma Jaarsummaan akka ilaalamu gaafatame irratti Jaarsummaan utuu hin ilaaliin bira darbe irra deebi’ee akka ilaalu  Jaarsa gaafachuu ni danda’u.

Gaaffiin ykn iyyannaan dhiyaate fudhatama kan qabu ta’uu jaarsi yoo itti amane ibsa gaafatame ni kenna, dogoggora uumame ni sirreessa ykn yaada garee kaanii tilmaama keessa galchuudhaan bu’aa Jaarsummaa dabalataa ni kenna. 

Iyyanni dhiyaate fudhatama yoo dhabe, sababni isaa barreeffamaan ibsamuu qaba. 

Ol’iyyannoo gaafachuu fi bu’aan Jaarsummaa akka diigamu mormii dhiyeessuu ilaalchisee tumaaleen seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa raawwatiinsa ni qabaatu. 

Kutaa Jaha 

Tumaalee Adda Addaa

Keewwata 44: Baasii

Jaarsoliin haala qabatama aadaa naannoo Jaarsummaan itti gaaggeeffamee, ulfina dhimmichaa fi jiruu fi jireenya garee walfalmanii tilmaama keessa galchuudhaan haala biraatiin yoo murteessan malee gareen Jaarsummaadhaan itti murta’e baasii fi dhamaatii garee murtaa’eef kaffaluu qaba. 

Gareen walfalman walfalmii isaanii walta’iinsaa ykn Araaraan yoo xummuratan, baasii kan mataa mataa isaanii ni danda’u. 

Keewwata 45: Afaan Hojii

Bu’aan Walta’iinsaa, Araaraa fi Jaarsummaa Mana Murtiitti kan dhiyaatu yoo ta’e Afaan hojii naannichaatiin dhiyaachuu qaba. 

Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame akkuma eegametti ta’ee, bu’aan Jaarsummaa afaan biraatiin kan barreeffame yoo ta’e afaan hojii naannichaatti hiikkatee dhihaachuu qaba. 

Keewwata 46: Itti Gaafatamummaa Jaarsolii

Jaarsi dhimma Araaraan ykn Jaarsummaan ilaaleen walqabatee dubbii dubbate ykn sababa bu’aa Araara ykn murtii Jaarsummaa keessatti barreesseef itti gaafatamummaa yakkaas ta’ee hariiroo hawaasaa hin qabaatu.  

Keewwaata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, Jaarsi itti yaadee balleessaa raawwate seerota rugummaa qabaniin kan itti gaafatamu ta’a. 

Keewwata 47: Yeroo Dhimmi Tokko itti Xumuramuu qabu

Dhimmi tokko gara Walta’iinsaatti, Araaraatti ykn Jaarsummaatti yommuu qajeelfamu, yeroon inni itti xumuramuu qabu Mana Murtii dhimmicha qajeelcheen kan murtaa’u ta’a. 

Abbaan Seeraa yommuu dhimma qajeelchu, daangaa yeroo dhimmootaa tilmaama keessa galchuu qaba. 

Keewwata 48: Walitti Dhufeenya Jaarsa fi Mana Murtii

Jaarsi hojii Araaraa ykn Jaarsummaa keessatti rakkoo isa mudate irratti gargaarsa Mana Murtii gaafachuu ni danda’a. 

Manni murtii sadarkaa Araarri ykn jaarrsummaan irra jiru akka gabaasu yoo gaafatu, walitti qabaan Jaarsaa ibsa gahaa, qabatamaa fi dhugaa ta’e Mana Murtiif dhiyeessuu qaba.

Keewwata 49: Hojii Beeksisuu fi Dirqama Qajeelfama Kana Hojii Irra Oolchuu

Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiran qajeelfamni kun  qaamolee dhimmi ilaallatu hunda akka gahan fi akka beekan gochuudhaaf dirqama qabu,

Hooggantootni Manneen Murtii fi Abbootiin Seeraa qajeelfamni kun yeroo hundaa qixa sirrii ta’een hojii irra akka oolu adda dureedhaan ni hojjetu; 

Qaamoleen hojii dhaddachaa keessaatti qooda qaban hunduu qajeelfama kana hojii irra oolchuudhaaf tumsa barbaachisaa ni taasisu. 

Keewwata 50: Haala Qajeelfamni Kun Itti Fooyya’u

Barbaachisaa ta’ee yoo argame, Gumiin Waliigalaa qajeelfama kana fooyyeessuu ni danda’a. 

Keewwata 51: Yeroo Hojiirra Oolmaa

Qajeelfamni kun ___________________ irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a. 
Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Advertisements

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s