danbiin lafa badiyaa naanno oromia kana fakkata

                                             

Dambii Lakk.151 /2005
Dambii Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaa 
Labsii bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk.130/1999 

raawwachiisuuf dambii baasuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;

Itti fayyadama lafa baadiyaa haala guddina misooma dinagdee fi hawaasumma tiin akka walsimu gochuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; 

Mirgaa fi dirqama ittifayyadama fi bulchiinsa lafa baadiyaa karaa iftoomina fi

ittigaafatamuumma qabuun hojii irra oolchuun barbaachisaa  ta’ee waan argameef;

Akkaataa labsii lakk. 130/1999 keewwata 29 tiin dambiin kanatti aanu bahee jira.
Kutaa Tokko

Tumaalee waliigalaa
Mata Duree Gabaabaa

Dambiin kun “ Dambii Bulchiinsaa fi Ittifayadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Lakk.151/2005 ” jedhamee waamamuu ni danda’a.

Hiika

Akkaataan  jechichaa hiika biroo kan kennisisuuf yoo ta’e malee dambii kana keessatti:
“Abbaa qabiyyee Lafaa” jechuun nama dhuunfaa  yookiin garee, yookiin hawaasa yookiin qaama  mootummaa yookiin dhaabbilee hawaasaa yookiin qaama seerummaa kan qabu kan biraa lafa baadiyaa irratti mirga itti fayyadamaa kan qabu jechuudha.

“Biiroo”jechuun Biiroo Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo Oromiyaa  fi caasaalee isaa jechuudha..

 “Ejinna“ jechuun safartuu sadarkaa ciisa yookiin hirkata lafaa agarsiisu jechuudha.

“Faayidaa ummataa” jechuun  karaa kallatii fi kallatiin alaatiin ummanni lafa irratti itti fayyadamummaa qaban mirkaneessuu.fi  misooma  dinagdee fi hawaasummaa haala itti fufiinsa qabuun raawwachuuf  qaama aangoo qabuun faayidaa ummataa jedhamee kan murtaa’uudha.  

“Jallisii aadaa” jechuun muuxannoo fi beekumsa qabaniin bishaan lagaa, burqaa,bishaan lafa jalaa fi kan kana fakkaatan fayyadamuudhaan lafa misooma qonnaatiif oolchuu jechuudha. 

“Jallisii hammayyaa”  jechuun bu’aa hawaasaa fi diinagadee qorachuudhaan bishaan lagaa, haroo, yookiin bishaan lafa jalaa fi  kan kana fakkaatan  teeknooloojii foyya ‘aa  ta’e  fayyadamuudhaan lafa misooma qonnaatiif oolchuu jechuudha. 

“Jiraataa” jechuun nama Ganda keessatti galmaa’ee faayidaa dinagdee fi     hawaasummaa argatuu fi hirmaatu jechuudha.

”Kaadastara” jechuun ragaa waa’ee qabeenya lafaa, daangaa, misooma bu’uuraa adda addaa lafa irratti argamu ilaalchisee ragaa walitti qabuu, galmeessuu fi qopheessuu jechuudha.

“Koree” jechuun qaama hojii bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa sadarkaa    gandaatti akka raawwatuuf dambii kanaan hundeeffame jechuudha.

 ”Labsii” jechuun labsii Bulchinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa Naannoo Oromiyaa  Lakk. 130 /1999  jechuudha. 

“Lafa bowwaa” jechuun lafa bishaaniin yookiin sababa  biraatiin  miidhamee eegumsaa fi kunuunsa barbaadu jechuudha.

’’Lafa haftee Bosonaa“ jechuun lafa baadiyaa bosonni uumamaa irraa manca’ee hafe yookiin lafa cittuuwwan bosonni uumamaa irratti argamu jechuudha.                                

“Lafa Kireessuu” jechuun abbaan qabiyyee lafa baadiyaa yeroo murtaa’eef qabiyyee lafa baadiyaa kaffalitiidhaan nama biraatiif waliigaltee barreeffamaatiin akka ittifayyadamu dabarsuu jechuudha.

“Lafa manaa”  jechuun baadiyaa keessatti lafa iddoo mana jireenyaa yookiin ijaarsa  manneen adda addaa kan akka mana kuusaa, mana baabura   midhaan daakuu fi kan kana fakkaatan  qabamee jiruu fi akkuma  barbaachisummaa isaatti lafa naannoo manichaa jechuudha.

“Lubbu qabeeyyii” jechuun lafa irraa fi lafa keessa akkasumas bishaan keessa kan       

      jiraatan kan lubbuu qaban kamiyyuu jechuudha.             

“Nama” jechuun nama uumamaan yookiin seeraan qaama namummaa argate jechuudha.

”Qawwisa”  jechuun lafa safaruu, ragaa walitti qabuu fi galmeessuu jechuudha.

’’Waajjira’’  jechuun Waajjira  Lafa Baadiyaa fi Eegumsa Naannoo Aanaa jechuudha.
”Waraqaq ragaa sadarkaa 1ffaa” jechuun lafa baadiyaa haala aadaatiin galmaa’ee safaruudhaan wabii mirga ittifayyadamaa mirkaneessuuf ragaa kennamuudha.

”Waraqaa ragaa sadarkaa 2ffaa” jechuun lafa baadiyaa haala hammayyaatiin galmeessuu fi qawwisuun wabii mirga ittifayyadamaa mirkaneessuuf kaartaa kennamuudha.

                                                   
Kutaa lama

Haala Argannaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyaa
Lafa Baadiyaa Argachuuf Haalawwan Barbaachisan

Namni  kana dura qaama Mootummaa dhimmi ilaalu irraa lafa  baadiyaa  argate yookiin maatii irraa dhaalmaadhaan yookiin kennaadhaan dabreef akkuma eegametti ta’ee, ganda baadiyaa jiraatu  keessatti namni qonnaaf yookiin, horsiisee buluuf yookiin  tajaajila  biroo investmentiin ala ta’e lafa baadiyaa argachuu barbaadu  iyyata Bulchiinsa Gandaatti dhiyeeffachuu qaba.

Namni lafa baadiyaa argachuuf  iyyata dhiyeeffatu jiraataa ganda lafichi keessatti argamu  ta’uu  isaa Bulchiinsa Gandichaatiin kan  mirkanaa’e ta’uu qaba. 

Keewwata  kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan tumame  akkuma eegametti ta’ee, Ganda keessa jiraatan keessatti namoota lafa gaafataniif lafti kan hin jirre yoo ta’e dhuunfaadhaan yookiin gurmaa’anii Ganda, Aanaa yookiin Godina lafti itti argamu keessatti lafa argachuu ni danda’u.

Bulchiinsi gandaa namoota lafa argachuuf iyyata dhiyeeffatanii galmaa’aniif lafti jiraachuu isaa ragaa Waajjiraaf ni erga.

Ganda keessatti lafti namaan hin qabamnee fi misooma adda addaatiif ooluu danda’u Waajjiraan qoratamee  ni qophaa’a. 

Waajjirii namoota gaaffii lafaa dhiyeessanii fi lafa qoratamee qophaa’e Mana Maree Bulchiinsa Aanaatiif dhiyeessee yoo hayyamame  waraqaa ragaa waliin lafa ni kenna.

Jiraataan umuriin isaa wagga 18 fi isaa ol ta’e ganda keessatti lafa baadiyaa hin qabne kamiyyuu iddoo mana jireenyaa argachuuf dursa qaba dursii kennamuuf akkaataa walduraa duuba gaaffii iyyannoo dhiyeefataniin ta’a. Bal’inni iddoo lafa mana jireenyaatiif kennamuu kaare meetra 500 caaluu hin qabu. 

Dhaabbileen Mootummaa, Miti-Mootummaa fi kan biroo gaaffii lafa investmentiin ala ta’e waajjiraaf dhiyeessuu ni danda’u. 

Waajjirii gaaffii dhiyaate irratti hundaa’ee lafa qoratee qopheessuudhaan Mana Maree Bulchiinsa Aanaatiif dhyeessee yoo hayyamame waraqaa ragaa waliin lafa  ni kenna.

Mirga argannaa lafa baadiyaa irratt dubartotaaf deeggarasa addaa kan godhamuuf ta’a. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan  murtaa’u taá.

Mirga argannaa lafa baadiyaa irratti qaama miidhamtoonni garaagarummaan osoo irratti hin taasifamne akkaataa rakkoo isaanitiin ilaallamee Mana Maree Bulchhiinsa Aanaatiin murtaa’e laft kan kennamu ta’a. Raawwii isaa qajeelfamn bahuun kan murtaa’u  ta’a.  

Lafti baadiyaa dhaalaan yookiin  kennaadhaan argamu kamiyyuu waajjiira biratti galmaa’uu qaba.

 Namni mirgi ittifayyadama qabiyyee lafa baadiyaa dhaalaan argachuuf dursa qabu galii qabiyyee lafa sanarraa argamuun kan bulan yookiin galii biraa kan hin qabne ta’uun isaa ragaa Mana Maree Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa’ee dhiyeeffachuu qaba.

Waajjirri ragaa Mana Maree Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa’ee dhiyaate qulqulleessee waraqaa ragaa qabiyyee lafaa qopheessee ni kenna.

Akkaataa labsii keewwata 7 keewwata xiqqaa 2 jalatti tumameen; Naannoo Oromiyaa keessatti lafti  qubannaaf mijaawaa ta’e qoratame ni qophaa’a.   Lafa roobaan misoomu bal’inna lafa abbaa warraa tokkoof kennamu heektaara tokkoo (1) hanga heektaara tokkoof fi walakkaa (1.5) caaluu hinqabu. Raawwii isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u  ta’a. 
4. Lafa Jallisii Qooduu

Akkaataa labsii   keewwata 14 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumameen lafa Mootummaan yookiin dhaabbilee gargaarsaatiin jallisii hammayyaatiif ijaaramee qonnaan bulaa, yookiin horsiisee bulaa, yookiin gamisa horsiisee bulaan qabame bal’inni qabiyyee lafaa abbaa warraa tokko heektaara walakkaa  ol kan qabate yoo ta’e namoota ganda sanitti yookiin ganda daangessu keessatti argaman kan  lafa jallisii hin qabneef  umataan akka mirkanaa’u gochuun Mana Maree  Bulchiinsa Aanaatiin  murtaa’ee waajjiraan irra debi’amee ni qoodama.  Miseensa maatii abbaa qabiyyee lafaa umuriin isaa waggaa 18 fi isaa ol ta’ee qonnaan  jiraatuuf  dursi ni kennama.  Haalli raawwii isaa qajeelflamaan kan qophaa’u ta’a.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, lafa jallisii qabeenya  dhaabbataa kan akka Buna, Maangoo, Paappayyaa, Burtukaana,  Shankooraa ,Jimaa fi kan kana fakkaatan irratti misoomee jiru  irra deebi’amee hin qoodamu.

Lafti qabiyyee Qonnaan Bulaa, Horsiisee Bulaa, yookiin gamisa Horsiisee Bulaa qoratamee jallisii hammayyaa yookiin aadaatiif akka oolu Mana Maree Bulchiinsa  Aanaatiin murtaa’e irra deebi’amee ni qoodama. Namoota qabiyyee isaanii lafa jallisii ;projeektiin gaggeefamuuf  gadi dhiisaniif akkaataa labsii   keewwata14 keewwata xiqqaa 4 (d fi e) jalatti tumameen kan raawwatamu ta’a, namoota qabiyyee isaanii jalliisii addaatiin gaggeefamuuf gadidhiisan heektaara tokko eega kennameen booda kan hafu qonnaan bultoota dhiyeenya sanatti argamaniif heektaara 0.25 gadi kan hin taane kan qoodamu ta’a.  Haalli raawwii isaa qajeelfamaan ni qophaa’a.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan  tumame akkuma eegametti ta’ee; laga,haroo,burqaa  bishaan lafa jalaa fi kan kana fakkaatu fayyadamuudhaan Qonnaan Bulaa, Horsiisee Bulaa yookiin gamisa Horsiisee Bulaa lafa qabiyyee isaa irratti jallisii aadaa yookiin hammayyaa ofiisaatiin yookiin nama biraa waliin ta’uudhaan misoomse irra deebi’amee hin  qoodamu.

Lafa waliinii Qonnaan Bulaa yookiin Horsiisee Bulaa yookiin gamisa Horsiisee Bulaa misooma jallistiif akka oolu ta’ee qoodame namoonni lafa jallisii argatan mirgi lafa dheedichaa waliinii ittifayyadamuu kan eeggamu ta’a.

5. Itti fayyadama Lafa Baadiyaa

Akkaataa labsii   keewwata 6  keewwata xiqqaa 5 jalatti tumameen  idaa dhuunfaa sababeeffachuudhaan, raawwiin murtii oomisha qabeenya dhaabbataa kan akka Buna, Jimaa, Maangoo, Avokaadoo, Paappayyaa, Burtukaanaa fi kan kana fakkaatan irratti raawwatamu  walakkaa oomisha qaabiyyee lafaa kan hin caalle ta’uu qaba.

Namni mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa  qabu kamiyyuu  lafa roobaan misoomee faayidaa irra ooluu danda’u sababa gahaa malee waggaa tokkoof osoo itti hin fayyadamin tursiisuu isaa Koreen qulqullaa’ee yoo dhiyaate Bulchiinsa Gandaa abbaa qabiyyee lafichaatiif akeekkachiifni barreeffamaan kennuudhaan waajjira  ni beeksisa. 

Namni kamiyyuu lafa roobaan misoomee faayidaa irra ooluu danda’u,sababa gahaa malee waggaa lamaa fi isaa ol osoo itti hin fayyadamin kan tursiise ta’uu isaa Koreen yoo dhiyaatee, Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa‘e, Waajjiri dhimmicha qulqulleessee Mana  Maree Bulchiinsa  Aanaatiif dhiyeessee akka irraa fuudhamu yoo murtaa‘e lafa dhabeeyyii ganda keessatti galmaa‘aniif  kan kennamu ta‘a. 

Namni mirga ittifayyadama lafa baadiyaa jallisiidhaan misoomu qabu sababa gahaa malee osoo itti hin fayyadamin oomisha yeroo tokkoo kan dabarse ta’uu Koreen yoo dhiyaate, Bulchiinsa Gandaatiin akeekkachiifni barreeffamaan ni kennamaaf, dhimmichas Bulchiinsi Gandaa Waajjiri akka beeku ni taasisa.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti  kan tumame akkuma eegametti ta’ee; namni mirga ittifayyadama lafa jallisiidhaan misoomu qabu kamiyyuu sababa gahaa malee osoo itti hin fayyadamin ittifufiinsaan oomisha yeroo lamaa yoo dabarse Bulchiinsa Gandaatiin erga mirkanaa’ee booda Waajjiri dhimmicha qulqulleessee akeekkachiifni isa dhumaa ni kennamaaf.

Abbaan qabiyyee akeekkachiisa isa dhumaa kennameef fudhatee guyyaa misoomsuu dhaabe irraa kaasee waggaa lamaa fi isaa ol yoo dabarse Waajjiri Mana Maree Bulchiinsa  Aanaatiif dhiyeessee  akka irraa fuudhamu yoo murtaa‘e lafa dhabeeyyii gandatti iyyatanii galmaa’aniif lafich  kan kennamu ta’a.

Haati Warraa fi Abbaan Warraa yoo walhiikan qooda qabiyyee lafa nama tokkoo midhaan nyaataaf heektaara 0.5, biqiltuu dhaabbataaf heektaara 0.25, kan lafa jallisii heektaara 0.25 fi isaa gadi yoo ta’e laficha addaan qoodachuu hin danda’an. 

Qabiyyee lafa baadiyaa addaan qoodamuu hindandeenye kana Abbaa Warraa fi    

 Haati Warraa walhiikan akkaataa armaan gadiitiin itti fayyadamuu ni danda’u.

Bu’aa laficha irraa argamu shallaguun kan waggaa murtaa’ee yeroo tokko yookiin waggaa waggaan  kaffaluun akka  ittifayyadamu gochuun yookiin;

Abbaa Warraa fi    Haati Warraa    Ofi isaaniitii bifa kiraan waliigaluun yookiin Mallaqa kiraan laficha irraa argamu qoodachuudhaan yookiin;

Abbaan Warraa yookiin Haati Warraa dabare dabareen ittfayyadamuudhaan yookiin;

Qonnaan bulaa beenyaa kafalee fudhatuuf mirga ittifayyadamaalafaa  dabarsuudhaan yookiin

Tokkoon isaanii fedhii mataa isaatiin isa tokkoof beenyaa fudhatee gadhiisuudhaan itti fayyadamuu ni danda’u. Tilmaamni beenyaa akkaataa seeratiin kan raawwatamu ta’a.

Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 8(c,d fi e)tiin waligaltee irra yoo ga’ame    waliigaltichi Waajjiran erga galmaa’een booda   maqaa  abbaa qabiyyee haaraatiin waraqaan ragaa ni kennama.

 Keewwata kan keewwata xiqqaa 8 (c ,d fi e) jalatti kan  tumame akkuma eeggametti  ta’ee; Haati Warraa fi Abbaan Warraa walhiikan sababa xiqqeenya qabiyyee lafa isaanii irraa kan ka’e qooddachuu kan hin dandeenye yookiin waliigaluudhaan isa tokkoof kan hin dabarsine yoo ta’e lafichaa maqaa lamaaniitiin galmaa’ee waliin kan ittifayyadaman ta’a. 

Abbaa Warraa fi Haati Warraa yoo addaan bahan qabiyyeen lafaa ijoollee isaaniitiif kan kennan yoo ta’e maqaa ijoollee kennameeftiin  ni galmaa’a. 

 Akkaataa labsii keewwata 6 keewwata xiqqaa 14 jalatti tumameen  namni sababa umuriin, qaama miidhamummaadhaan, dhibeedhaan hojjechuu kan hin dandeenye yoo ta’e qabiyyee lafa isaa hunda kireessuu, yookiin kan misoomsu waliin galii qooddachuu, yookiin humna namaa qacaruudhaan fayyadamuu ni dandaa’a. 

Abbaa Warraa fi Haati  Warraa yoo addaan bahan yookiin miseensi maatii  isaanii qabiyyee lafaa yoo addaan hiratan lafa qabiyyee manaa addaan qooddachuu yookiin waliigalteedhaan waliin ittifayyadamuu ni danda’u.

Abbaan qabiyyee lafti mana isaa misooma jallisiif jalaa oole  lafa  manaa addatti safaramee giddugaleessaan bal’ina lafa mana jiraattota naannoo isaaniitiin ilaalamee iddoo biraatii lafa namaan  hin qabamne  yookiin abbaan  qabiyyee  lafa isaa fudhate lafa roobatiin jijjiiraadhaan bakka bu’uufii qaba.

Namoonni   lafti  mana  isaanii  misooma  jallisii  jala  oole akkaataa  karoora  itti fayyadama  lafaa  qoratamee  qophaa’uun  lafti  mana jirrenyaa  qopha’ee  ni kennamaaf.

Lafa manaa jedhamee murtaa’ee kennameen alatti namni kamiyyuu lafa faayidaa adda addaa kan akka qonna, dheedicha, bosonaa fi  kan kana fakkaatan oolu  waajjira irraa hayyama osoo hin argatin gara lafa manaatti jijjiiruun dhorkaadha.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 16 jalatti  kan  tumame yoo jiraatellee horsiisee bulaa yookiin gamisa horsiisee bulaa mana yeroof keessa jiraatan waliigaltee isaaniitiin iddoo yeroof qubatutti ijaarrachuu ni danda’u.
6. Lafa Baadiyyaa Investimentiif Oolchuu

Biiroon uummata hubachiisuudhaan lafa baadiya invastimantiidhaaf oolu karoora ittifayyadama lafa baadiyaa irratti hundaa’ee qorannoo gaggeessuun qopheessee ragaa lafa qopha’ee Komishinii Investimentii  Oromiyaatiif  ni kenna.

Qonnaan bulaan, horsiisee bulaan yookaan gamisa horsiisee bulaan qabiyyee dhuunfaa isaa investmentiif oolchuu ni danda’a.  Haalli raawwii qajeelfamaan ni qophaa’a.

 Biiroon lafa investimentiif akka oluu murtaa‘e  waraqaa ragaa qabiyyee lafaa waliin qaama murtaa’eef  ni kenna.

Lafa investimentiif murtaa’u ialaalchisee Biiroon tilmaama beenyaa qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; beenyaanis mallaqaan  yookiin akaakuun akka raawwatamu ni hordofa.

Namoota qabiyyee lafa isaanii irraa ka’anii beenyaan maallaqaan kaffalamuuf fedhii isaanii irratti hundaa’ee  misooma barbaadan irratti akka bobba’aniif  Biiroon qaama dhimmi  ilaallatu waliin pirojeektiin qophaa‘ee deebi’anii akka ijaaraman  ni hordofa, ragaa ni qabata, raawwii isaa yeroo yeroon gabasa ni dhiyeessa.

 

7. Lafa Baadiyaa Kireessuu 

Akkaataa Labsii keewwata 10 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumameen bal’inna lafa qabiyyee midhaan nyaataaf heektaara 0.5, biqiltuu dhaabbataaf heektaara 0.25, lafa jallisiin misoomuuf heektaara 0.25 fi isaa gadi ta’e kireessuun dhorkaadha.

 Keewwata kana keewwata xiqqaa  1  jalatti  kan tumame akkuma eggametti ta’ee; 

Namni sababa umuriitiin yookiin qaama miidhamummaa yookiin dhibeedhaaan ofii isaaniitii hojjechuu  kan hin dandeenye ta’uu bulchiinsa gandaatiin mirkanaayee   qabiyyee isaa hunda kireessuu ni danda’a.

Bal’inna  qabiyyee lafa midhaan nyaataa heektaara 0.5 fi isaa gadi ta’e misooma qonna hammayyaa  kan akka horsiisa lukkuu, misooma horii annanii, horii furdisuu, fi kan kana fakkaatan  kan gaggeessu yoo ta’e Waajjiraan mirkanaa’ee hanga walakkaa kireessuun ni danda’a. 

Abbaan mirga itti fayyadama qabiyyee lafa jallisii karaa hammayyaatiin  yookiin aadaatiin misoomu qabu qabiyyee isaa irraa hanga walakkaa kireessuu ni danda’a.

Qabiyyee dhuunfaa yookiin waliinii kan kireeffamu yoo ta’e mirga itti fayyadama qabiyyee sanaa kan qaban Abbaa Warraa fi Haadha Warraa yookiin namoota qabiyyee waliin qabaniin irratti waliigalamuu qaba. Waliigalteen kireessuu lafaa  haala kanaan alaatiin raawwatamu fudhatama hin argatu.

Akkaataa labsii keewwata 10  keewwata xiqqaa 8 jalatti tumameen abbaan qabiyyee  lafaa  abbaa qabeenyaa   yookiin nama  biroo  waliin waliigaltee uumuudhaan lafa, maallaqa, beekumsaa fi teeknooloojii walitti qindeessuudhaan qonna hammayyaa yookiin aadaatiin  waliin lafa misoomsanii fayyadamuu ni danda’u. 

Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, waliigalteen raawwatamu qabiyyicha irratti dhuunfaadhaan yookiin waliin namoota mirga itti fayyadamaa qaban waliin kan irratti waliigalame ta’uu qaba. Lafti misoomu  qonna aadaa yoo ta’e hanga waggaa 3 qonna hammayyaa yoo te’e  hanga  waggaa  kudha shanii yeroo hin caalleef ta’ee, fedhii abbootii dhimmaatiin waliigaltee   haaromsuun ni danda’ama. 

Qonna hammayyaas ta’e kan aadaa qabiyyee lafaa kireessuu yookiin waliin misoomsuu ilaalchisee waliigalteen taasifamu kamiyyuu barreeffamaan ta’ee, Waajjira biratti mirkanaa’ee galmaa‘uu qaba.

Kewwata kana keewwata xiqqaa 7 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee sababa qabiyyee lafaa waliin misoomsuutiin laficha abbaa qabiyyee irraa  kara kaminiyyuu gara qaama waliin misoomsuuf waliigalametti dabarsuun dhoorkaadha. 

Lafa waliin misoomu ilaalichisee waliigalteen yeroo taasifamu bal’inna lafa waliin  misoomuu, gahee waliigaltootaa maal akka ta’e, yoo addaan bahan haala qoodiinsa qabeenya dhaabbataa kan akka Bunaa, Maangoo fi kan kana fakkaatan, qoodiinsa baasii adda addaa fi  qabeenya waliinii kan biroo waliigaltee keessatti ifatti taa’uu qaba,kan hin ibsamne yoo ta’e waliigaltichi fudhatama hin qabu. 

Lafa horsiisee bulaa dhuunfaan qabame kireessuun yookiin abbaa qabeenyaa yookiin  namoota biroo waliin misoomsuun fudhatama kan qabaatu Waajjiraan yoo mirkanaa’e qofa ta‘a.

Namni lafa kireeffate waliigaltee kireessuu lafaa keessatti yoo ibsame malee laficha dabarsee kireessuun dhoorkaadha.

Waliigaltee abbaa qabiyyee fi kireeffataa jidduutti taasifamu sababa du’aatiin mirgi itti fayyadama dhaaltoota kireessaa fi kireefataa hin tuqamu.

Namni lammummaan isaa biyya alaa ta’e qaama seeraan aangoon  kennaameef irraa hayyama  yoo qabaate malee lafa Qonnaan Bulaa, gamisa Horsiisee Bulaa yookiin Horsiisee Bulaa kireeffachuu hin danda’u.

Qabiyyee lafa  baadiyaa  Qonnaan  Bulaa, Horsiisee Bulaa  yookiin gamisa  Horsiisee  Bulaa  irratti qabeenya kireeffataadhaan  horatame  sababa  idaa  dhuunfaa  isaatiin  bara  waliigaltee  kiraatiin  ala qabamuu  hin danda’u.

Lafa qabiyyee dhuunfaa qotee bulaa adda addaa walitti fiduudhaan qonna babaldhaaf kireeffamu daangaan isaa  akka beekamu kaartaan daangaa lafa qotee bulaa dhuunfaa agarsiisu qophaa‘uu qaba.  
8.  Waliigaltee Kireessuu Lafa Baadiyaa Mirkaneessuu fi Galmeessu
Akkaataa labsii  keewwata 10 keewwata xiqqaa 3 jalatti tumameen waliigalteen kireessuu lafa baadiyaa mirkanaa’uu fi galmaa‘uuf   waantoonni  armaan gadii guutamuu qabu.       

Waraqaa ragaa abbummaa qabiyyee lafa  baadiyaa dhiyeessuu.

Yeroo waliigaltichaa  fi  qonna  aadaa yookiin  hammayyaa ta’uu isaa ibsuu.

Kireesitoonni  Abbaa Warraa fi Haadha Warraa yoo ta’an ragaa fuudhaa fi heerumaa yookiin Abbaa Warraa fi Haadha Warraa ta’u isaan ragaa mana murtii hawaassummaa gandaatiin mirkanaa’e dhiyeessuu qabu.

Gatii lafichi ittiin kireeffamu;

Gosa misooma qonnaa gaggeeffamu kan akka midhaan biilaa, dibata, dheedhii yookiin buna, yookiin kuduraa fi muduraa yookiin horsiisaa fi kan kana fakkaatan

Waliigaltichi bakka bu’ummaan kan gaggeefamu yoo ta’e ragaa bakka bu’ummaa 

Mirgi itti fayyadama qabiyyee lafa waliigaltee kiraan argame  haala ittiin hafuu  danda‘u 
      Waliigalteen kireessuu yookiin waliin misoomsuu  qabiyyee lafa Qonnaan Bulaa, Horsiisee Bulaa yookiin gamisa Horsiiee Bulaa  erga raawwatamee booda  mirgi itti fayyadama qabiyyee lafaa sababa armaan gadiitiin hafuu ni danda’a.

Kireeffataan  kunuunsaa fi eegumsa  raawwachuu dhabuutiin lafichi kan manca’e ta’uu  Waajjiraan yoo  mirkanaa’e;

Kireessaa fi kireefatan yoo waliigalan;

Laficha Mootummaan  faayidaa uummataatiif kan barbaadu ta’uu Waajjiraan yoo mirkanaa’e;

Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan tumame akkuma eeggametti ta’ee; kireeffataaf qabeenya laficha irraa qabuu fi baasii laficha misoomsuuf  baase koree bulchiinsi Aanaa hundeessuun tilmaamamee  kan kafalamuuf ta’a.

10. Qabiyyee lafa baadiyaa dhaalaan yookiin kennaan dabarsuu
Akkaataa labsii keewwata 9 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumameen namni mirga ittifayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu qabiyyee dhuunfaa yookiin waliin qabu lafa dhabeeyyii miseensa maatii isaa galii laficha irraa argamuun jiraatan, yookiin  galii biraa kan hin qabnee fi dhaabbataan abbaa qabiyyee waliin  jiraatu dursa dhaalaan argachuu ni qabaata.

Akkaataa labsii keewwata 9 keewwata xiqqaa 5 jalatti  tumameen Qonnaan Bulaan, Horsiisee Bulaan yookiin gamisa Horsiiee Bulaan mirga ittifayyadama qabiyyee lafa baadiyaa kennaadhaan dabarsuu kan danda’u .

Ijoollee isaa kan galii lafa saniitiin bulan; 

Nama biraa galii biraa hin qabneef dhaabbataan abbaa qabiyyee waliin kan jiraatan;

Lafa dhabeeyyii ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa galii biraa hin qabne;

           ta’uu isaanii ragaa Mana Maree Bulchiinsa Gandaatiin mirkanaa’e yoo dhiyaate qofa ta’a. 

Namni mirgi  ittifayyadama lafa baadiyaa seeraan hayyamameef  kamiyyuu lafa  baadiyaa  dhaalaan yookiin kennaadhaan argachuuf  saalaan garaagarummaan taasifamuu  hin qabu.

Akkaataa labsii  keewwata 9 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumameen  namni mirga itti fayyadama lafa baadiyaa dhaaluuf dursa hin qabne oomisha qabeenya dhaabbataa kan akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo, fi kan kana fakkaatan  irraa argamu oomisha waggaa 3 namoota dursa dhaalaa qabiyyee lafaa qaban waliin baasii barbaachisaa ta’e danda’uun oomisha yookiin galii qoodachuu ni danda’a.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti  kan tumame yoo jiraatellee: oomisha waggaa 3 booda mirgi lafichaa fi  oomisha qabeenya dhaabbataatti fayyadamu  kan nama mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa dhaaluuf dursa qabu ta’a. 

Akkaataa labsii keewwata 9 keewwata xiqqaa 2 jalatti tumameen dhaaltoota galii qabiyyee lafa san irraa argamuun jiraatan yookiin galii biraa hin qabne kan hin jirre yoo ta’e, qabeenya dhaabbataa kan akka Buna, Jimaa, Maangoo, Abukaadoo fi kan kana fakkaatan dhaaluun akkaataa seera dhaalaatiin kan murtaa’u ta’a. 

Qabeenya dhaabbataa qabiyyee lafa baadyaa irratti horatame abbaan qabiyyee miseensa maatii  isaatiif  kennaadhaan dabarsuu ni danda’a. 

Namni qabiyyee lafa baadiyyaa kan midhaan nyaataaf heektaara 0.5, biqiltuu dhaabbataaf heektaara 0.25 kan jallisiin misoomu heektaara 0.25 fi isaa gadi qabu kennaadhaan dabarsuuf qabiyyicha addaan qooduun hin danda’u.

Lafa Misooma qonnaa hammayyaa kan akka horsiisa lukkuu ,horii aanaanii,horii furdisuu fi kan kana fakkaataniif oolu bal’inna lafaa kennaan dabrsuun danda’amu ilaalchisee qajeelafama Biiroon bahuun kan murtaa’u ta’a.

Akkaataa labsii  keewwata 9 keewwata xiqqaa 2  jalatti  tumameen qabiyyicha namoota mirga dhaalaatiin dursa qabaniif gaheen nama tokkoo lafa midhaanii heektaara  tokko, lafa jallisii heektaara 0.25 fi qabeenya dhaabbataa heektaara 0.25 kan hin caalle kennameefii kan hafu irratti miseensa maatii biraa waliin mirgi dhaalaa ni eeggamaaf. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
Qabeenya lafa gubbaatti horatame yookiin qabiyyee lafa waljijjiiruu
Qonnaan  Bulaa, gamisa Horsiisee Bulaa yookiin  Horsiisee Bulaan qabeenya qonnaa qabiyyee lafa isaa  irratti   horate qabeenya qonnaa lafa biraa irra jiru nama biraa waliin wal jijjiiruu ni danda’a.

 Akkaataa labsii keewwata 8 jalatti tumameen  qonna hammayyaatiif  yookiin oorruu fageenya irra jiru naannoo tokkotti fiduuf  abbootiin qabiyyee   oorruu isaanii waljijjiruu ni danda’u. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
12. Lafa Baadiyaa Tajaajila Hawaasaatiif Oolchuu

Akkaataa labsii  keewwata 13 keewwata  xiqqaa 1 fi 2 jalatti tumameen ummanni  lafa  iddoo tajaajila hawaasummaa kan akka gabaa,  bakka amantaa, bakka awwaalaa fi kan kana fakkaatanii oolu argachuu ni danda’a,

Abbaan qabiyyee lafa ummanni tajaajila hawaasummaatiif barbaadu irra jiraatu faayidaa qabiyyicha irraa argatu akaakuun yookiin maallaqaan  uummataan yookiin Mootummaan tilmaama qabeenyichaa akkaaata seera kaffaltii beenyaatiin kan kaffalamuuf ta’a,

Lafa tajaajila hawaasummaatiif  Bulchiinsa Gandaatiin gaafatame Waajjiraan qoratamee mana maree Bulchiinsa  Aanaatiif dhiyaatee kan murtaa’u ta’a,

Lafti baadiyaa  tajaajila hawaasummaatiif oolu  maqaa abbaa hayyamameetiin safaramee galmaa’ee Bulchiinsi Gandaa ni bulcha.

Lafa baadiyaa keessatti lafa tajaajila hawaasummaatiif  akka oolu murtaa’e keessaa qabiyyee lafa dhuunfaa kan ta’e kan akka  mana jireenyaa, daldalaa fi kan kana fakkaatan safaramee galmaa’ee waraqaan ragaa dhuunfaadhaan ni kennama.
Kutaa  Sadii

Qabiyyee lafa baadiyaa  galmeessuu, qawwisuu, fi mirga ittifayyadamaa mirkaneessuu
13. Qabiyyee lafaa galmeessuu fi ragaa qopheessuu
Qabiyyeen lafaa galmaa’u maqaa abbaa qabiyyee, baraa fi haala argannaa, bal’ina, daangessitoota, hanga danda’ameen gabbina lafaa, ittifayyadamaa fi ragaa kan  kana fakkaatan  kan qabatu ta’ee, ragaan  galmee  irratti  kan guutamu ta’a.

Ragaan lafaa galmaa’ee Bulchiinsa Ganda Baadiyaa fi Waajjira  biratti sirnaan qabamuu qaba. 

Sirni qabiinsa ragaa lafaa Biiroon qophaa‘ee  hojii irra kan oolu ta’a .

Sababa jijjiirama abbummaa qabiyyee lafaatiin ragaan lafa baadiyaa galmaa’e yeroo yeroon kan haaromsamu   ta’a.

Namni mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa qabu ragaa qabiyyee isaa galmaa‘ee jiru argachuu yookiin  beekuuf  mirga qaba.

Namni ragaa dogongoraa galmeesse yookiin ragaa qophaa’e balleessee argame seeraan kan  gaafatamu ta’a. 

14.  Qawwisa Lafa Baadiyaa 

Lafti  baadiyaa tajaajila ooluu qabuutiin adda bahee qawwisamee ni qophaa’a .

Qabiyyee lafa baadiyaa kan dhuunfaa, kan waliinii, kan dhaabbilee misoomaa,  kan Hawaasaa fi kan Mootummaa  qawwiasamee ragaan ni qophaa‘a. 

Lafa galmaa’ee qawwisamee koodiin addaa ni kennama, mallattoon daangaa agarsiisu ni kaawwama.

Yeroo Lafti galmaa’e qawwisamu abbaan qabiyyee fi hanga danda’ameen daangessitoonni akka argaman  ni taasifama. Daangessitoonni akka argaman waamichi dabreefii  kan hin argamne yoo ta’e qawwisuun lafaa kan raawwatamu ta’a.

Namni hojii lafa safaruu irratti ittigaafatumummaa qabu haala seera qabeessa  ta’een raawwachuuf dirqama qaba.

Lafa qawwisuu ilaalchisee namni komii qabu iyyata Waajjiratti  dhiyeessuudhaan irra deebi’amee akka qawwisamu gaafachuu ni danda’a.

Abbummaan qabiyyee lafaa dhaalaan, kennaadhaan fi kan kan fakkaatan kan jijjiiramu yoo ta’e, akka barbaachisummaa isaatti lafichi  irra deebi’amee akka qawwisamu taasisuun ni dandaa‘ama.

Haala adda ta’een akka turu kan murtaa‘e yoo ta’e malee, namni kamiyyuu qabiyyee lafa isaa galmessisuu fi qawwisuufdirqama qaba.
15. Waraqaa ragaa abbummaa qabiyyee lafaa mirkaneessu kennuu

Biiroon qabiyyee dhuunfaa  lafa baadiyaa  kan  akka  lafa qonnaa, lafa dheedichaa, lafa manaa, lafa bosona dhuunfaa fi kan kana fakkaatan  maqaa nama  mirga itti fayyadamaa qabuun  galmeessee qawwisuudhaan  waraqaa  ragaa  ni kenna. 

Waraqaan  ragaa kennamu  maqaa abbaa qabiyyee, koodii qabiyyee, daangeestoota fi bal’ina lafaa kan qabatuu ta’a.

Dhaabbilee Mootummaa, Miti-mootummaa, Abbootii qabeenyaa, Dhaabbileen Hawaasaa fi  kan kana fakkaatan  qabiyyeen lafa isaanii  galmaa‘ee   waraqaan ragaa ni kennamaaf.

Waraqaan ragaa sadarkaa tokkoffaa dhawaataan waraqaa ragaa sadarkaa lamaffaatiin kan bakka bu’u ta’a,

Namni waraqaan ragaa sadarkaa lammaffaa argate kamiyyuu mirga abbaa qabiyummaa isaa kabachiisuu kan danda’u warqaan ragaa sadarkaa lammaffaa kennameef yoo dhiyyeefate qofa ta’a.

Namni qabiyyee lafa baadiyaa bakka adda addaatii qabu waraqaa ragaa tokkoo  fi isaa ol qabaachuu ni danda‘a. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.

Qabiyyeen waliinii Horsiisee Bulaa, gamiisa Horsiisee Bulaa yookiin Qonnaan Bulaa kan akka lafa dheedichaa, lafa bosonaa, bishaanii kan akka madda, eela, haroo fi kan kana fakkaatan   maqaa namoota waliin itti fayyadamaniitiin waraqaan ragaa qabiyyee lafaa ni kennama.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 jalatti kan  tumame akkuma eeggametti ta’ee; waraqaa ragaa qabiyyee lafa waliinii bakka bu’aa abbootiin qabiyyee filatan  yookiin Bulchiinsa Gandaa harka akka taa’u ni taasifama.

Mirgi itti fayyadamaa lafa baadiyaa dhaalaan yookiin kennaadhaan nama biraatiif yoo dabru waajjira  biratti galmaa‘ee waraqaan ragaa nama qabiyyee lafaa dabarfameef ni kennama.

Qabiyyee lafa baadiyaa gaheen nama tokkoo bal’ina lafa midhaan nyaataa heektaara 0.5 lafa biqiltuu dhaabbataa heektaara 0.25, lafa jallisiin misoomu heektaara 0.25 fi isaa gadi yoo ta’e qabiyyicha addaan qooduudhaan waraqaa ragaa kennuun dhorkaadha.

Abbaa Warraa fi Haadha Warraa qabiyyee lafa baadiyaa waliin qaban waraqaan ragaa waliinii ni kennamaaf. 

Abbaan Warraa yookiin  Haati Warraa yoo du’an waraqaan ragaa lamaan keessaa kan jiranii fi dhaaltotaan qabamee kan itti fufu yoo ta’u lamaan isaanii yoo  du’an qabiyyichi maqaa dhaaltotaatiin waliin  yookiin dhuunfaa isaaniitiin  waraqaan ragaa ni kennamaaf

 Abbaa warraa fi haati warraa addaan yoo bahan  bal’ina qabiyyee  nama  tokkoo qoodaan argatu  kan  midhaan  nyaataa heektaara 0.5, kan biqiltuu dhaabbataa 0.25,  kan jallisiin misoomu heektaara 0.25 fi isaa ol yoo ta’e waraqaan ragaa waliin kennameef  jijjiiramee dhuunfaa isaaniitiin   ni  kennamaaf.

Namoonni qabiyyee lafaa waliin qaban waliigalteedhaan yoo addaan  qoodatan gaheen nama tokkoo lafa midhaan nyaataa heektara 0.5 lafa biqiltuu dhaabbataa heektaara 0.25 lafa jallisiin misoomu heektaara 0.25 fi isaa ol  yoo ta’e waraqaan ragaa waliin kennameef jijjiramee dhuunfaa isaaniitiin  akka argatan ni taasifama.

Namoonni  qabiyyee lafa baadiyaa waliin qaban waraqaan ragaa qabiyyee lafaa waliin ni kennamaaf.

Namoonni waraqaan ragaa waliin kennameef mirga itti fayyadama qabiyyee lafaa wal-qixa ta’e ni qabaatu.

Namoonni jireenyi isaanii waliin ta’e, qabiyyee lafa baadiyaa addaan kan qabaatan yoo ta’e waraqaa ragaa dhuunfaadhaan argachuu ni danda’u.

Lafa baadiyaa dhaalaan yookiin kennaadhaan   yookiin mootummaa irraa namni argate lafti qawwisamee erga galmaa’ee booda waraqaan ragaa ni kennamaaf.

Namni qabeenya dhaabbataa kan akka Bunaa, Shankoraa, Maangoo, Avokaadoo fi kan kana fakkaatan akkasumas lafa dheedichaa  bosona uummamaa keessaa qabu qoratamee haalli waraqaa ragaa itti argachuu danda’uu fi  bosonni itti eeggamuu danda’u ni mija’a. Raawwiin isaa qajeelfamaa bahuun kan murtaa’u ta’a. 

Namni yeroo dheeraaf  jireenyi  isaa lafa tabbaa, gaara yookiin   lafa bosonaa keessa qonnaan yookiin horsiisaan  jiraatu qoratamee haala lafichi itti eegamuu fi kunuunfamu waliigaltee taasisuudhaan waraqaa ragaa qabiyyee lafaa akka argatu ni taasifama. Raawwiin isaa qajeelfamaa bahuun  kan murtaa’u ta’a. 

Lafa gaaraa, tabbaa fi tulluuwwan qoratamee misoomaaf  kennamu waggaa lamaaf kan tajaajilu waraqaan ragaa yeroo kan kennamu ta’ee lafichi misooma ittifufiinsa qabuuf ooluu isaa qoratamee yoo mirkanaa’e waraqaan ragaa qabiyyee lafaa kan kennamuuf ta’a. 

Lafa haftee bosonaa akka misoomu, eeggamuu fi kunuunfamu gochuudhaan namoota dhuunfaadhaan  yookiin gurmaa‘anii  laficha kunuunsanii itti fayyadamaniif waraqaan ragaa qabiyyee lafaa kennamuufii ni danda’a. 

Abbaa mirga ittifayyadama qabiyyee lafaa qabu kamiyyuu qabiyyee isaa galmeessisuu, safarsiisuu fi waraqaa ragaa fudhachuu kan didu yoo ta’ee fi  Bulchiinsi Gandaa xalayaa barreeffamaan yeroo sadi  akka isa gahu taasifamee kan hin fudhanne ta’uu Waajjiraan yoo mirkanaa’e Mana Maree Bulchiinsa Aanaatiif dhiyaatee mirga ittifayyadama lafa isaa haqamee namoota lafa dhabeeyyii qonnaan yookiin horsiisaan jiraachuu barbaadaniif lafichi kan kennamu ta’a. 

  Kaffaltii tajaajila ragaa lafa baadiyaa

1. Abbaan qabiyyee kamiyyuu odeeffannoo ragaa qabiyyee lafa isaa argachuuf mirga ni qabaata.

2. Abbaan qabiyyee kamiyyuu lafa seeraan kennameef irratti waraqaa ragaa argachuuf mirga qaba.

3. Namni  mirga ittifayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu akkaataa seeraatiin mirga ittifayyadama isaa yoo dabarssuu waraqaa ragaa qabiyyee lafaa isa haaromsuu, jijjiruu qaba.

4. Keewwata kana keewwata 1,2 fi 3 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, abbaan qabiyyee tajaajila argatuuf kaffaltii madaalawaa kan kaffalu ta’a.  Raawwiin isaa qajeelfamaan kan murtaa’u ta’a.

Eegumsaa fi qabiinsa ragaa lafa

1. Ragaan qabiyyee lafa baadiyaa waajjiraa fi gandatti galmee irratti kan galmaa’u  ta’a,

2. Sirna bulchiinsa ragaa lafa baadiyaa Biiroon kan qophaa’u ta’a.

3. Hojjataan  ragaa lafaatiif eegumsaa fi qabiinsa sirrii ta’e raawwachuu dhabuun badii raawwatameef seeraan kan itti gaafatamu ta’a,
18.     Waldiddaa fi waldhabiinsi  qabiyyee lafaa irratti uummamu hiikuu 

Akkaataa labsii   keewwata 16 keewwata xiqqaa 1 jalatti tumameen waldiddaa fi waldhabiinsa daangaa yookiin abbummaa qabiyyee lafaa Qonnaan Bulaa,  Horsiisee Bulaa yookiin gamisa Horsiisee Bulaa kan akka oorruu, lafa manaa, lafa dheedicha, lafa bishaanii, lafa jallisii fi kan kana fakkaatan ilaalchisee uummamu mana murtii dhaquun dura iyyata bulchiinsa gandaati dhiyaatee jaarsolee araaraa abbootiin dhimmaa filataniin kan ilaallamu ta’a.

Bulchiinsi Gandaa nama  iyyatni irratti dhiyaate guyyaa shan keessatti waamsisuudhaan abbootii dhimmaa lamaan jaarsolee araaraa akka filatan tasisuudhaan dhimmichi jaarsummaan akka ilaallamu ni taasisa.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan  tumame akkuma eeggametti ta’ee; namni  iyyatni irratti dhiyaate guyyaa waamichi isa dhaqqabe irraa kaasee guyyaa hojii shan  keessatti sababa gahaa hin taaneen kan hin dhiyaanne yoo ta’e Bulchiinsi Gandaa jaarsoolee araaraa nama iyyatni irratti dhiyaateen filatamuu qaban   filachuudhaan dhimmichi bakka inni hin jirreetti ni ilaalama.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan tumame akkuma eeggametti ta’ee   namni  iyyanni irratti dhiyaate jaarsoleen araaraa dhimmicha  ilaaluu eega  jalqabanii booda   guyyaa torba(7) keessatti sababa gahaa  yoo dhiheeffate jaarsolee filatee dhimichi  irra deebiin kan ilaalamu ta’a.

Bulchiinsi Gandaa guyyaa iyyaticha jaarsoleef qajeelche irraa eegalee guyyaa  kudha shan(15) keessatti bu’aa araaraa akka dhiyeessan ni taasisa.

Jaarsoleen araaraa abbootii dhimmaa dhimmi isaanii jaarsolee araaraatiin akka ilaalamuuf dhiyaatan karaa aadaatiin dhimmicha qulqulleesanii galmeessanii ni qabatu.

Namni iyyatni irratti dhihaate  qaamaan kan hin dhiyaanne yoo ta’e ragaawwan iyyataadhaan  dhiyaatan bakka namni iyyatni irratti dhihaate  hin dhiyaannetti dhimma irratti mari’atame jaarsoleen araaraa galmeessanii ni qabatu.

Akka barbaachisummaa isaatti jaarsoleen araaraa lafa falmiin irratti ka’e irratti argamuudhaan yaada walitti  qabu ni danda’u.

Walitti qabaan  jaarsolee araaraa yaada walitti qabame mariin akka irratti gaggeeffamu ni taasisa.

Jaarsoleen araaraa yaada tokko irratti kan waliigalan yoo ta’e yaada irratti walii galame abbootii dhimmaatiif ibsamee akka araaraman ni taasifama. Bulchiinsi Gandaa araara jaarsoleen taasifame guyyaa kudha shan (15) keessatti kan raawwachiisu ta’a. 

Keewwata kana keewwata xiqqaa 10 jalatti  kan tumame akkuma eeggametti ta’ee; jaarsoleen araaraa araarsuu kan hin dandeenye yoo ta’e yaadi isaanii barreeffamaan dhiyaatee Bulchiinsi Gandaa mana murtii Aanaatiif kan ergu ta’a.

Dhaabbilee Mootummaa yookiin dhuunfaa iyyatni irratti dhiyaate dhimmichi jaarsaan akka ilaallamu barreeffamaan waamichi yeroo lama ibsameefii guyyaa xalayaan jalqabaa isaan gahe irraa kaasee guyyaa kudha shan keessatti kan hin dhiyaanne yoo ta’e kunumti ibsamee mana murtii Aanaatti himata dhiyeeffachuu akka danda’u bulchiinsi gandaa abbaa dhimmaatiif xalayaa kan kennu ta’a.  

Iyyatni  dhiyaatu dura taa’aa Bulchiinsa Gandaa irratti yoo ta’e itti aanaa yookiin barreessaa Gandaatiin haalli jaarsolee  araaraatiin dhimmichi itti ilaallamuu danda’u ni mijaawa.

Bulchiinsni Gandaa iyyata abbaa dhimmaa yeroo murtaa’e keessatti kan hin raawwanne yoo ta’e seeraan kan gaafatamu ta’a.
Kutaa Afur

Lafa Kunuunsuu fi Eeguu
19.  Karoora itti fayyadama lafa baadiyaa qopheessuu

Biiroon guddina diinagdee-hawaasummaa, haala qabeenya uummamaa, itti fayyadama yeroo ammaa jiruu fi kan kana fakkaatan  bu’uura kan godhate qorannaa gaggeessudhaan karoora itti fayyadama lafa baadiyaa misooma sululaa irratti hundaa’e hirmaannaa ummataatiin sadarkaa hundatti ni  qopheessa.

Karoorri ittifayyadama lafa baadiyaa qoratamee qophaa’u qaama Mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniin kan mirkanaa’u ta’a.  

Hojii lafa baadiyaa irratti gaggeeffamu kamiyyuu akkaataa karoora itti fayyadama lafa baadiyaa qoratamee qophaa’u irratti hundaa’ee kan raawwatamu ta’a.

Ragaan karoora itti fayyadama lafa baadiyaa  Biiroon qophaa’ee itti fayyadamtootaaf ni kennama.

Misoomni kamiyyuu akkaataa karoora ittifayyadama lafaatiin akka raawwatamu hojii  hordoffii fi to’annaa kan gaggeefamu ta’a.
20. Lafa qotamu kunuunsuu

Lafa baadiyaa qonnaaf oolu heeyyamaan ala ibiddaan gubuun dhorkaadha. Raawiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.

Namni mirga itti fayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu lafa isaa akkaataa dhiqama biyyeetiif saaxilamuun qotuun dhorkaadha.

Namni lafa qonnaaf fayyadamu xaa’ummaa lafa qotamuu eeguu fi hojiiwwan biyyoo gabbisan hojjachuuf dirqama qaba. 

Namni kamiyyuu summii dhorkamaa ta’e qabiyyee lafa isaa irratti fayyadamuun  lubbu qabeeyyii balaaf saaxiluun dhorkaa dha.  

Namni kamiyyuu mirga ittiifayyadama lafa jallisii qabu ijaarsa jallisii eeguu, kunuunsuu fi suphuuf dirqama qaba. 
21.   Lafa dheedichaa fi bishaanii kunuunsuu

Lafa dheedichaaf  oolu irratti hojiiwwan laficha bowwummaa fi kan kana fakkaatuuf saaxilan raawwachuun dhoorkaadha. 

Lafa dheedichaaf oolu humnaa ol fayyadamuudhaan laficha dhiqama biyyoof saaxiluun margi akka deebi’ee hin biqille taasisuun dhoorkaadha.

Namni naannoo madda bishaanii, laggeen, haroowwan babaldhaa namaan hojjataman, caffee fi kan kana fakkaatan qabiyyee lafa baadiyaa qabu meetra digidamii shan(25) akkasumas kan naannoo bishaan itti  kuufamee fi haroowwan uumamaa yoo ta’e daangaa isaa  irraa fageenya meetira dhibbaa gadii (100) irratti lafa  qonnaaf  fayyadamuun dhoorkaadha.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti  kan tumame akkuma eeggametti ta’ee; qaama dhimmi ilaalatuun yoo hayyamame akka  barbaachisummaa   isaatti bosona yookiin  marga misoomsanii  fayyadamuun ni danda’ama.

Namni mirga ittifayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu, lafa misooma midhaanii madda bishaanii, dawoo mana jireenyaa irratti biqiltuuwwan dhiibbaa fidan kan akka baargamoo fi kan kana fakkaatan dhaabuun dhorkaadha. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
 22.   Lafa tabbaa, bowwaa, tulluuwwanii fi gaara eeguu fi kunuunsuu

Lafa gaaraa,tabbaa,bowwaa fi tulluuwwanii qoratamee eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu gaggeessuudhaan misoomaaf akka oolu ni taasifama. Raawwiin isaa qajeelfamaa bahuun  kan murtaa’u ta’a.

Namni mirga itti fayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu lafa tabbaa, tulluuwwanii fi gaara haala ejinna isaa ogummaadhaan murtaa’een faayidaa irra ooluu qabu qofaaf fayyadamuu qaba.

Lafa bowwaa, lafa biyyeen dhiqame yookiin jijjige yookiin  miidhamuu danda’u,   biqiltuu kan akka Buna, Maangoo, Avokaadoo, biqiltuu mukaa, nyaata beeyiladaa fi  kan biroo biyyee kunuunsuuf faayidaa kan qaban yoo ta’e malee qonna biraatiif oolchuun yookiin beeyilada irratti bobbaasuudhaan dheedichaaf  fayyadamuun dhoorkaadha.

Akkaataa labsii  keewwata 18 keewwata xiqqaa 7 jalatti tumameen: lafa gar-malee hubame yeroo murtaa’eef tuttuqaa namaa fi beeyiladaa irraa akka eeggamu taasisuudhaan  Waajjirri Bulchiinsa Gandaa  fi Waajjiri Qonnaa waliin ta’uun qoratamee fooyya’uun  isaa yoo mirkanaa’e namoota abbaa qabiyyee lafaa ta’an marga haamanii yookiin misooma kannisaa gaggeessuu fi  kan kana fakkaataniif akka itti fayyadaman  nitaasifama.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan  tumame akkuma eeggametti ta’ee; lafa tuttuqaa namaa fi beeyiladaa irraa akka eeggamu taasifame kan hin fooyyofne yoo ta’e akka barbaachisummaa isaatti lafa biraa namoota qabiyyee isaanii gadidhiisaniif kan bakka bu’u ta’a. 

Lafa tabbaa, bowwaa, tulluuwwanii fi gaara ta’an iddoo jireenyaa taasiisuudhaan qabeenya uumamaa mancaasuun dhoorkaadha. 
23.   Lafa haftee bosonaa kunuunsuu

Lafa haftee bosona uummamaa dabre dabree lafa qonnaa naannoo oorruu, lafa dheedichaa, laggeen, madda bishaanii, tulluuwwanii fi kan kan fakkaatan irratti argamu mancaasuudhaan hojii misooma qonna midhaanii irratti geggeessuun dhoorkaadha.

Lafa haftee bosonaa namoonni gurmaa’anii yookiin dhunfaadhaan akka eeggamu, kunuunfamuu fi tajaajila akka kennu qoratamee waraqaan ragaa qabiyyee lafaa kan kennamu ta’a. 

Mukoota haadhoo oorruu yookiin lafa dheedichaa irratti argamu ciruun yookiin balleessuun dhoorkaadha.
24.  Lafa Kunuunsuu fi Eeguu Dhiisuu Ilaalchisee Tarkaanfii Fudhatamu.

        Namni kamiyyuu akkaataa karoora itti fayyadama lafa baadiyaa qophaa’ee hojii irra ooluutiin kan hin raawwanne yoo ta’e yookiin qabiyyee lafa isaa kunuunsuu fi eeguu  yoo dhiise haala itti aanuun tarkaanfiin kan fudhatamu ta’a.

Miidhaan qabiyyee lafaa irratti raawwatame Koreen qoratamee dhiyaatee Bulchiinsi Gandaa akeekkachiisa kennuudhaan Waajjirii akka beeku ni taasisa.

Abbaan qabiyyee lafaa yeroo lammaffaaf qabiyyee lafa isaa irratti miidhaa geessisee argame yookiin kunuunsaa fi eegumsa barbaachisu raawwachuu dhiise Bulchiinsa Gandaatiin qoratamee dhiyaate Waajjirii dhimmicha qulqulleessee akeekkachiisa dhumaa ni kenna.

Abbaan qabiyyee lafaa Waajjira  bulchiinsa gandaatiin akeekkachiisni kennameef fudhachuu dhiisuudhaan miidhaan qabiyyee irratti gahu ittifufuu isaa Koreen qoratamee bulchiinsa gandaatiin dhiyaate Waajjirri qulqulleessee Mana Maree Bulchiinsa  Aanaatiif dhiyeessee  akka irraa fudhatamu taasisuudhaan namoota lafa dhabeeyyii ganda keessa jiraataniif  kennamee eegumsaa fi kunuunsa gochuudhaan akka ittfayyadaman ni taasisa.

Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti  kan tumame akkuma eeggametti ta’ee; abbaan qabiyyee murtii keenname kan hin fudhanne yoo ta’e akkasumas miidhaa lafa irratti gaheef Waajjirri yookiin Bulchiinsi Gandaa Mana Murtii Aanatti himata 

dhiyeessuu ni danda’a.
Kutaa Shan

Gahee hojii fi ittigaafatamummaa qaamolee adda addaa
25.  Gahee hojii fi ittigaafattammummaa Biiroo Lafa Badiyaa fi Eegumsa Naannoo  Oromiyaa

 Biiroon lafa baadiyaa ni galmeessa, ni qawwisa, hojii kaadastara ni gaggeesa.  Nama mirga itti fayyadamaa qabuuf waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa lafa baadiyaa  ni kenna, waraqaa ragaa seeraan ala kename ni sirreessa ni haqa. Raawwii isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.

   Waliigaltee lafa waljijjiiruu, kireessuu, waliin misoomsuu fi kan kana fakkaatu abbaa qabiyyee lafaa fi qaama biroo jidduutti raawwatamu ni galmeessa, ni mirkaneessa ni to’ata; gocha seeraan alaa irratti tarkaanffii sirreeffamaa ni fudhata.

   Namni mirga itti fayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu seeraan ala mirgi isaa akka hin tuqamne ni hordofa, ni to’ata, tarkaanfii barbaachisaa ta’es ni fudhata.

  Sirna ragaa bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa diriirsuudhaan ragaa barbaachisaa ta’an ni qopheessa, itti fayyadamtootaaf ni kenna.

   Sulula irratti hundaa’ee karoora itti fayyadama lafa baadiyaa ni qopheessa, itti 

fayyadamni lafa baadiyaa akkaataa karoora qophaa’een hojii irra oolu isaa ni hordofa ni mirkaneessa.

   Kaartaa qabiyyee lafa baadiyaa qopheessee itti fayyadamtootaaf ni kenna.

   Lafa baadiyaa akkaataa seeraatiin namaan hin qabamin yookiin gadi dhiifamu qoratee qoopheessuudhaan ragaa ni qabata, yeroo hayyamamu ittifayyadamtootaaf nikenna.

   Namoota qabiyyee lafa isaanii akka gadi dhiisan murtaa’e qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan akkaataa seeraatiin beenyaa ni shallaga, namoonnis deebi’anii akka ijaaraman ni hojjata.

   Lafa baadiyyaatiif eegumsaa fi kunuunsa barbaachisaa ta’e akka taasifamu ni to’ata, ni hordofa, miidhaa gahe qoratee tarkaanfii seeraa ni fudhata yookiin akka fudhatamu ni taasisa. .

    Seera bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa hojii irra oolchuuf hojiiwwan dandeetii raawwachisummaa cimsan ni raawwata.

   Raawwii seera bulchiinsaa fi ittfayyadama lafa baadiyaa irratti rakkoowwan qunnaman qorachuudhaan tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata, yaada furmaataa ni dhiyeessa.

   Qaama dhimmi ilaalu hirmaachisuu fi deeggaruudhaan seerri bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa akka hojii irra oolu ni taasisa.

   Ragaa gatii gabaa lafa kireeffamuu fi tilmaama bu’aa bara lafichi kireeffamu keessatti argamuu danda’u odeeffannoo nama lafa kireessuuf ni kenna.

   Qabiyyee lafa baadiyaa qawwisuu, galmeessuu, waraqaa ragaa keennuu ilaalchisee raawwii seeraan alaa ni hordofa, ni to’ata, tarkaanfii seeraa ni fudhata.

   Lafa Investimetneentiif ooluu danda’u qoratee qopheessuudhaan ragaa komishiinii Investimentii Oromiyaatii fi waajjiraalee isaa sadarkaa sadarkaan jiraniif ni erga.  Yoo hayyamame waraqaa ragaa waliin qaama hayyamameef lafa ni kenna.

   Lafa tajaajila adda addaatiif oolu qoratee qopheessuudhaan mana maree bulchiinsa sadarkaa sadarkaan jiraniitti ni dhiyeessa. Yeroo hayyamamu waraqaa ragaa waliin lafa qaama hayyamameefi ni kenna.

  Lafa baadiyaa ilaalchisee akkaataa seera bulchiinsaa fi ittifayaadama lafa baadiyaa  keessatti  tumameen ala kan  raawwatan  ni to’ata, ni hordofa, tarkanifii sirreeffamaa ni fudhata yookiin akka fudhatamu ni taasisa.

  Lafa  Mootummaa  yookiin ummanni  waliin  ittifayyadmu  kamiyyuu  ni hordofa,  ni to’ata, ni eega  namoota seeraan ala   qabatan   yookiin akka qabatamu taasisan seeratti dhiyeessee  tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ni taasisa.
26.   Gahee hojii fi ittigaafatamummaa Waajjira Bulchiinsa Godinaa 

Seera bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyaa akka hojii irra ooluu deeggarsa 

barbaachisaa ta’e ni kenna.

Hojiiwwan lafa daangeessuu, karoora ittifayyadama lafaa qopheessuu, lafa

 inveestimentiif oolu qorachuu fi kan kana fakkaatan ilaalchisee deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna. 

Hojii lafa baadiyaa galmeessuu fi kaadastara gaggeessuu, waliin walqabatee rakkoo daangaa Aanaalee gidduutti ka’u furmaata akka argatu ni taasisa.

Qubannaa seeraan alaa ni hordofa ,tarkanfiin seeraa akka fudhatamu ni taasisa.

Seera bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa hojii irra oolchuu irratti rakkoowwan quunnaman qoratamanii furmaata akka argatan ni taasisa.

Itti fayyadamni lafa baadiyaa akkaataa karoora ittifayyadama lafaa qoratamee qophaa’een raawwatamu isaa ni hordofa ni mirkaneessa.
27.  Gahee hojii fi Itti gaafatamummaa  Waajjira Bulchiinsa Aanaa

Seeri bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa akka hojii irra oolu ni taasisa.

Seera bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa ilaalchisee hubannoon uummataa akka cimu ni taasisa.

Hojii bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa gahumsaan raawwachuuf deeggarsa barbaachisu ni kenna.

Hojii lafa daangeessuu, sulula irratti hundaa’ee karoora ittifayyadama lafa baadiyaa qopheessuu, fi kan kana fakkaatan ilaalchisee deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna, ni hordofa, ni to’ata.

Akkaataa karoora ittifayyadama lafa baadiyaatiin hojiin ittifayyadama lafaa akka raawwatamu ni to’ata, ni hordofa, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.

Waldiddaa fi waldhabiinsa daangaa fi qabiyyee lafa baadiyaa irratti ka’u akkaataa seeraatiin yeroodhaan furmaata akka argatu ni  hordofa, ni too’ata, tarkaanfii ni fudhata.

Hojiin lafa galmeessuu, fi kaadastara gaggeessuu hirmaannaa ummataatiin qulqullinaan akka raawwatamu Koreef deeggarsi barbaachisu akka godhamu ni taasisa.

Lafa baadiyaa seeraan ala akka hin qabamne ni hordofa, ni to’ata, tarkaanfii seeraa ni fudhata.

Lafti Investimentiif ooluu danda’u akka qophaa’u deeggarsa barbaachisu ni kenna.

Namoota qabiyyee lafa isaanii irraa akka gadidhiisan murtaa’e beenyaa akka argatan taasisuudhaan deebi’anii akka ijaaraman ni taasisa. 

Raawwii karoora hojii bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa ni qorata, ni hordofa, ni to’ata tarkanfii sirreeffamaa ni fudhata.

Lafa jallisiin misoomu qoodinsa isaa ilaalchisee ni hordofa, ni too’ata tarkanffii siirreefama ni fudhata.
28.   Gahee hojii fi ittigaafatamummaa bulchiinsa gandaa 

Seeri Bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa akka hojii irra ooluu hubannaa ummataa ni cimsa.

Miseensonni koree ummataan akka filataman ni taasisa, hojii isaanii akka raawwatan deeggarsa ni kenna, ni to’ata.

Hojiin bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa hirmaannaa ummataatiin akka raawwatamu ni taasisa.

Ragaa sirrii ta’ee fi qulqullinna qabu akka qophaa’u ni hordofa, deeggarsa barbaachisu ni kenna, qaama ilaallatuuf ni dabarssa.

Koreef waajjira ni qopheessa deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna.

Waldiddaa fi waldhabiinsa daangaa fi qabiyyee lafaa irratti ka’u seera bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyaatiin yeroodhaan furmaata akka argatu ni to’ata, ni hordofa.

Lafa dhabeeyyii ganda keessa jiraatan galmeessee ragaa ni qabata. 

Lafa gandicha keessatti hin qabamne adda baasee Waajjiraaf ni gabaasa.

Eegumsaa fi kunuunsa lafaaf barbaachisu akka raawwatamu ni hordofa, ni to’ata tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.

Sulula irratti hundaa’ee karoora ittifayyadama lafa baadiyaa hirmaannaa ummatatiin akka qophaa’u deeggarsa ni kenna, karoorri qophaa’e akka hojii irra  oolu ni taasisa.

Namni mirga ittifayyadama lafa baadiyaa qabu kamiyyuu qabiyyee isaa osoo itti hin fayyadamin oommishaa yeroo tokkoo fi isaa oliif yoo dhiise yookiin qabiyyee isaa 

irratti miidhaan akka gahu yoo taasiise ni akeekkachiisa, kan hin sirreesine yoo ta’e Waajjiraaf gabaasuudhaan qabiyyicha akka irraa fuudhamu ni taasisa. 

Seeraan alaa lafa baadiyaa qabachuuf gocha raawwatamu ni too’ata, seeratti dhiyeessee tarkaanfii sirreeffama akka fudhatamu ni taasisa.

Lafa tajaajila hawaasummaatiif oolu kan akka iddoo gabaa, awwaalaa fi kan kana  

fakkaataniif oolu ni  too’ata, ni hordofa.
29. Hundeeffamaa fi itti waamama koree bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyaa gandaa. 

Koreen miseensota shan  qabu dambii kanaan hundeeffamee jira.

Itti waamamni koree kanaa bulchiinsa gandaatiif  ta’a.

 koreen raawwii hojjii isaa Waajjiraa fi bulchiinsa gandaatiif gabaasa ni dhiyeessa.

Miseensonni koree jiraattota gandichaatiin kan filamanii fi waggaa afuriif  kan tajaajilan ta’a. 

Miseensonni koree waggaa afuriin kan jijjiiraman ta’ee miseensi hojii irratti badii raawwate yookiin dirqama kennameef  kan  hin baane yoo ta’e yeroo waggaa afurii osoo hin eegin miseensummaa irraa haqamee namni biraa akka filatamu ni taasifama.

Miseensi koree yeroo  lammaffaatiif deebi’ee filatamuu ni danda’a. Miseensi koree walitti’aansee yeroo lammaffaaf filatame yeroo sadaffaaf filatamuu hin danda’u.
30. Gahee fi itti gaafatamummaa koree bulchiinsaa fi ittifayyadama 

     lafa baadiyaa gandaa

Kaayyoo lafa  baadiyaa galmeessuun legaal kaadastara gaggeesuu fi waraqaa ragaa kennuu ilaalchisee uummataaf  barumsa ni kenna. 

Qajeelfama Biiroon baasuu irratti hundaa’uudhaan hojii lafa safaruu fi galmeessuu ni raawwata. 

Hojimaanni koree qajeelfama Biiroo basuun kan murta’u ta’a.

Sulula irratti hundaa’ee karoora itti fayyadama lafa baadiyaa qophaa’e akka hojii irra oolu ni taasisa, eegumsaa fi kunuunsa lafaaf barbaachisu akka raawwatamu ni hordofa, ni to’ata, rakkoo jiru irratti tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatamu bulchinsa gandaatiif ni dhiyeessa.

Waldiddaa fi waldhabiinsa daangaa fi qabiyyee lafaa irratti  ka’u akkaataa  furmaata  itti argatu ilaalchisee hubannaa uummataa ni cimsa.

Ragaa lafa safaramee galmaa’ee haala sirrii ta’een ni qabata, abbaan qabiyyee waraqaa ragaa akka argatu ragaa lafa safaramee galmaa’e bulchiinsa gandaatiin mirkanaa’ee  Waajjiraaf  ni erga.

Mirga itti fayyadama lafa baadiyaa kennaan dabarsuu gaaffii dhiyaatu akkaataa labsii  keewwata 9 keewwata xiqqaa 5 fi dambii kana keewwata 10 keewwata xiqqaa 2 jalatti  tumameen ta’uu  isaa qulqulleessee bulchiinsa gandaatiif ni dabarsa.
31.  Gahee fi ittigaafatamummaa qaamolee adda addaa 

         Qaamoleen Mootummaa, Dhaabbileen adda addaa fi qaamni kamiyyuu dambii kan    raawwachuu fi raawwachiissuuf ittigaafatamuummaa qabu.
Kutaa Ja’a

Tumaalee Adda Addaa

  32. Darbiinsa yeroo lafa seeraan ala qabamee

         Namnii  lafa badiyaa seeraan  ala qabatee argame kamiyyuu  hanga wagga 12 tti gadidhisisuuf darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu.
  33.Adabbii 

 Lafa baadiyaa osoo hin kennamniif  seeraan al qabachuun yookiin qabachuu yaaluun yookiin  mana ijaaruun yookiin dallaa ijaaruun yookiin qotuun yookiin qotuu yaaluun dhorkaadha, namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu: lafa badiyaa seeraan ala  qabatee yookiin qabachuu yaale yookiin mana ijaare yookiin dallaa ijaaree yookiin qotee yookiin qotuu yaalee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii fi qarshii kuma lamaa hanga kuma jahaatiin adabama.

Hojjataan mootummaa yookiin namni ragaa lafa badiyaa akka qopheessu akka kennu akka jijjiiru angoon seeraan kennameef ragaa lafa baadiyaa dogongoraa kennuun yookiin qopheesuun yookiin jijjiiruun dhoorkaadha; namni kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu: ragaa qabiyyee lafa baadiyaa sobaa yookiin dogongooraa kenne yookiin jijjiiree yookiin qopheesee  argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii fi qarshii kuma sadii hanga kuma jahaatiin adabama.

Abbaan qabiyyee lafa baadiya mirga ittifayyadama lafa baadiyaa seeraan ala kennuun yookiin kennuu yaaluun, ragaa dogongoraatiin fayyadamuun lafa baadiyaa qabachuun yookiin qabachuu yaaluun,  ragaa dogongoraa qopheessuun yookiin qopheessisuun,  waraqaa ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala fudhachuun yookiin fudhachuu yaaluun dhoorkaadha; namni  kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu: mirga ittifayyadama qabiyyee lafa baadiyaa seeraan ala kenne yookiin kennuu yaale, ragaa dogongoraatiin fayyadamuun lafa baadiyaa qabate yookiin qabachuu yaale,  ragaa dogongoraa qopheesse yookiin qopheessise,  waraqaa ragaa qabiyyee lafaa seeraan ala fudhate yookiin fudhachuu yaalee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa waggaa tokkoo hanga  waggaa sadii fi qarshii kuma tokkoo hanga kuma sadiitiin adabama.

Namni lafa baadiyaa ittifayyadamu  irraan gadee qotuun, daagaa hojjatame diiguun,daagaa bakka barbaaddametti ijaaruu dhisuun,  karaa lolaa irra gadee baasuun lafa biqiltuu yookiin lafa eegumsa biyyee fi bishaantiif  ittifame beelada itti gadi dhiisuun dhoorkaadha; namni  kamiyyuu osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu: lafa baadiyaa ittifayyadamuu irraan gadee qotee yookiin daagaa hojjatame diigee yookiin daagaa bakka barbaaddametti ijaaruu dhisee yookiin  karaa lolaa irra gadee baasee  yookiin lafa biqiltuu yookiin lafa eegumisa biyyee fi bishaantiif ittifame beelada itti gadi dhiisee yoo argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbii hidhaa salphaa hanga ji’a  sadii  fi hanga qarshii  kuma tokkootiin adabama.

Bulchiinsi Gandaa dhimma mirga qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaatu  fuudhee yeroo seeraan murta’ee keessatti deebii qaama barbaachisuu kennuu diduun dhoorkaadha;  bulchiinsi gandaa osoo beekuu yookiin beekuu osoo qabuu: dhimma mirga qabiyyee lafa baadiyaatiin walqabatuu irratti iyyata dhiyaate yoo fuudhuu dide yookiin iyyata fuudhee jaarsolee araaraa filachiisuun raawwachuu yoo dide yookiin bu’aa araaraa raawwachisuu yoo dhiise yookiin yeroo seeraan murta’ee keessatti qaama barbaachisuuf deebii yoo kennuu dhabee argame seera biraatiin kana caalaa kan adabsiisu yoo ta’e malee, hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga ji’a sadii fi qarshii dhibba shanii hanga kuma tokkootiin adabama.             

34. Aangoo Qajeelfama Baasuu

Biiroon   dambii kana raawwachiisuuf  angoo qajeelfama baasuu ni qabaata. 
33.  Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne

Dambiin Bulchiinsaa fi Itti fayyadama lafa baadiyaa Lakk. 39/1996  Dambii kanaan haqamee jira.

Dambiin, qajeelfamnii fi barmaatileen hojii dambii kanaan wal-faallessan kamiyyu dhimmoota dambii  kanaan  hammataman  irratti  raawwatiinsa hin qabaatan
34. Yeroo Dambiin kun hojii irra oolu 

Dambiin kun sadaasa 28  bara 2005 irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a. 

       

Alamaayyoo Atoomsaa

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Guyyaa sadaasa 28  bara /2005                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                        

Finfinnee

Advertisements

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s