Barreessa murtii irrat kan leenjii ilqso keenne ture irrat baldhinnaan obboo alamayyoo tagane barreessa keennaan

 

Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee  Haqaa fi Qoannoo Seeraa Oromiyaa

                                           

BARREESSA MURTII

                                                        Qopheessaan:

                                                                           Alamaayyoo Taganee (LL.B, LL.M)
                                                                                                      
         Guraandhala 2001
Baafata

Fuula

Seensa … 1

Kutaa I: Barreessa Murtii Akka Waliigalatti: ————————————————- 4

             Seensa.4

 Barreessa Murtii: Sirna Common Law fi Civil Law——————————-5

Gurmaaina dhaabbataa—————————————————– 5

Sirna kenniinsa murtii———————————————————6

Kenniinsa barnootaa fi muuxannoo ogummaa—————————–7

  Qajeeltoowwan barreessa murtii———————————————————7

Kutaa II:  Barreessa Murtii: Itoophiyaa———————————————————–19

              Seensa 19

         2.1. Gosota murtii abbaa seerummaa seeroota deemmii keessatti tumaman—————20

                  2.1.1. Seera deemmii siviili keessatti——————————————————20

                 2.1.2. Seera deemmii yakkaa keessatti—————————————————–26

        2.2. Qabiyyee fi barreessa murtii——————————————————————-29

                2.2.1. Qabiyyee fi barreessa murtii siviili sadarkaa duraa———————————30

                2.2.2. Qabiyyee fi barreessa murtii yakkaa sadarkaa duraa——————————-43

                2.2.3. Qabiyyee fi barreessa murtii oliyyannoo/ijibbaataa——————————- 45

        2.3. Barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan jiran——————————————-49

                     2.3.1. Barreessa firii dubbiin walqabatee————————————————49

                     2.3.2. Barreessa ijoo dubbiin walqabatee———————————————– 50

                      2.3.3. Xiinxalaan walqabatee———————————————————— 51

                      2.3.4. Qabxiilee biroon walqabatee—————————————————– 53

Maddewwan ———————————————————————————————— 63

Miiltoo——————————————————————————————————– 64

Seensa

“Good judgments enhance the image and perception associated with the justice delivery process and increases public confidence in the judiciary. Litigant public at all times look forward to just, fair and quality justice. A well written to the point judgment based on comprehensive analysis of facts and law is not only an indication of the intellectual strength of a judge but also is a sign of a worthy judicial system. It is therefore indispensable that judges acquire the skill to write good judgments.”

                                                        B.G.Harindranath

Dhimmi mana murtiiti dhihaatu kamiyyuu akka haala isaatti xummura kan argatu barreessa abbaa seerummaan (judicial writing) waan taef abbaan seeraa kamiyyuurraa barreessutti eegama. Barreessii abbaa seerummaa kunis ibsitoota murtii abbaa seerummaa moggaaffama ajaja, decree fi murtii (judgment) jechuun beekaman kan hammatuudha. Moggaaffama kanaan murtiin abbaa seerummaa kennamu mirga bitaa fi mirgaa (lubbuu, bilisummaa fi mahallaqaa) irratti buaalee adda addaa kan hordofsisudha.

Amaluma hojii abbaa seerummaa taee manni murtii bitaa fi mirga keessaa isa tokkoof ni murteessa; isa kaan irratti immo ni murteessa. Kanaaf murtiin gareen tokko garee kaan mohuu isaa ibsudhaan kan barreeffamudha. Inni itti murtaaee ammo maaliif jechuun isaa hin oolu. Maaliif akka irratti murtaaee sababa isaa waliin beekuuf mirga mirga ol’iyyannoo burqu qaba. Murtiinis haala mirga kana dhugoomsuu dandayuun barreeffamu qaba. Kana malees inni itti murtaaes tae namni kamiyyuu murtichaa fi sababa murtichaa maal akka tae ibsa dabalataa tokko malee akka hubachuu dandayuuf murtiin qooqa salphaa fi ifa taen barreeffamu qaba.    

Manni murtii hawaasa mana murtiitin ala jiru wajjiin sararri ittiin wal-qunnamu keessaa tokko murtiidhaani. Hawaasni jabinnaa fi laafinna manneen murtii kan madaalus tae manneen murtii irratti amantaa kan gatuu murtumma kanaanii. Kanaaf murtii barreessuun hojii abbaa seerummaa isa muummee fi hojii of eggannoo olaanaa barbaaduudha.

Manni murtii hawaasaaf tajaajila haqaa kennuuf qaama dhaabatee yammuu tau haqa kanaas kan bulchu murtii kennuudhaani. Kallattii kanaan hawaasni manni murtii ariitiin/dafee murtii akka kennuu qofa osoo hin taane murtiin mana murtichaa kan qulqullina qabu akka tau barbaadu. Qulqullini murtii wantoota adda addaa irratti kan hundaaee taus kana keessaa tokko barreessa murtiiti. Barreessii murtii ammoo beekumsa seeraa qofa osoo hintaane dandeetti/ogummaa murtii barreessuu kan gaafatuudha. Dandeettiin/ogummaa kun ammoo beekumsa seeraa qofaan kan argamu osoo hin taane shakaallii yeroo dheeraa fi muxannoon kan argamuudha. Haala kanaas oggeessi seeraa tokko: “Judgment writing is an art by itself and can not possibly acquired in any perfection without adequate knowledge, long practice and experience jechuun haala dansaa taen kaayaniru. 
Dandeettii/ogummaa murtii barreessuu gabbifachuun tattaafi fi cimina tokko tokko abbaa seeraa kan gaafatu taus akka waliigalatti murtii gaarii tae tokko barreessuuf qabxiilee abbaan seeraa tokko hubachu qabu jiru. Kana waan taef qulqullina murtilee manneen murtii keenyaa mirkaneessuuf barreessa murtii irratti hubannoo abbootii seeraa cimsuun barbaachisaadha. Qabiyyee fi raawwannaa seerota barreessa murtii ilaallatanii fi kallattii kanaan qabatamaatti rakkoowwan jiraniis sakattaun murteessadha. Kaayyoon moojuulii kanaas kanuma.   

Kaayyoo kana galmaan gahuuf moojuulichi kutaa lamati qoodame akka qophaau godhameera.  Kutaa tokkoffaa keessatti barreessa murtii akka waliigalatti ni dhihaata. Kutaa lammaffaa keessatti ammo Itoophiyaatii barreessii murtii maal akka fakkaatuu fi kanaan walqabatee rakkoowwan seeraa fi raawwii jiran ni sakattaama. 

Haa tau malee moojuuliin kun qoranaa bala irratti hundaae kan kophaae waan hin taaneef leenjifamtooni muuxannoo qaban hundee godhachudhaan qabxiilee kaumsaaf moojuulicha keessatti hammatama mariidhaan ni gabbisuu jedhameetii eegama.

Dhuma leenjii kana irratti leenjifamtoonni:-

Mala barreessa murtii wantoota daangeessan ni hubatu. 

Waaee barreessa murtii hubannoo qaban ni cimsatu.

Qabiyyee fi raawwannaa seerota barreessa murtii ilaallatan ni xiinxalu. 

Barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan qabatamaatti jiran addaan ni baafatu; furmaataas ni kaayu.

Dandeettii murtii barreessuu gabbiffachuun; murtii qulqullina ykn bilichina qabu kennu ni dandayu.
                                                           

                                                     Kutaa I

                    Barreessa Murtii Akka Waliigalatti

“Justice ought to be timely delivered, but at the same time, the judgments rendered by a Court, which are the means for the delivery of justice, should be framed in the best possible manner.”

                                    Justice Mohammad Rafiq

Seensa

Murtii barreessuuf malli abbootiin seeraa fayyadaman gar gara. Burqaan garaagarummaa kanaas sadarkaa ogummaa fi muxannoo abbaa seerummaa tauu ni dandaya. Hunda caala garuu, burqaan garaagarummaa kanaa sirna seeraa (legal tradition) biyyii tokko hordoftuudha jechuun ni dandayama. Kana waan taef abbootiin seera sirna ‘Common Law fi Civil Law keessa jiran mala barreessa murtii adda addaa hordofu. 

Haa tau malee abbootiin seeraa sirnoota seeraa lameenuu murtii gaarii tae tokko barreessuuf qajeeltoowwan hordofu qaban jiru. Qajeeltoowwan kunis qajeeltoowwan barreessa murtii (Principles of judgment writing) jedhamu. Dabalataaniis abbootii seeraa sirnoota seeraa lameeninuu murtiin barreeffamu qabxiilee hammachu qabu jiru. Qabxiileen kunis firii dubbii, ijoo dubbii, xiinxala, guduunfaa (conclusion) fi decreedha. Kallattiidhaaniis tae al-kallattiidhaan barreessii murtii barreessa qabxiilee kanaa kan ilaallatu yammuu tau barreessii qabxiilee kanaas kutaa lammaffaa keessatti balinaan kan ilaallu taa.  
Barreessa murtii biyya keenyaa sirritti xiinxaluufi madaaluuf duraan dursee barreessii murtii  sirna Common Law fi Civil Law keessatti maal akka fakkaatu fi qajeeltoowwan  barreessa murtii maal akka taan ilaalluun barbaachisaadha.  Kaayyoon kutaa kanaas qabxiilee kana dursa ilaalluun kutaa itti aanuf buuura kaayuudha.
Leenjifamtooni kutaa kana erga xumuran booda:-

Mala barreessa murtii wantoota daangeessan keessaa tokko sirna seeraa biyyii tokko hordoftu akka tae ni hubatu.

Barreessii murtii sirna Common Law fi Civil Law keessatti maal akka fakkaatu ni hubatu.

Qajeeltoowwan barreessa murtii ni dhaqinneefatu; hojirraas oolchuu ni dandayu.

Qajeeltoowwan barreessa murtii hundee godhachuun barreessa murtii kamiyyuu madaalu ni dandayu.

 1.1. Barreessa murtii: Sirna Common Law fi Civil Law

Akkuma gubaati ibsuuf yaallametti abbootiin seeraa sirna Commoun Law fi Civili Law keessa jiran murtii barreessuuf malli hordofan garaagarummaa qaba. Sirnootiin kunneen gurmaaina dhaabbataatiin, sirna keenniinsa murtii seeraatiin, kenniinsa barnoota seeraatiin fi muuxannoo ogummaatiin gargar tauun isaanii buuura garaagarummaa gama kanaan mulatuuti. Isaan kanaas akka itti aanu kanaati gabaabinaan ilaalluuf yaallaa. Dura gurmaaina dhaabbataa.

Gurmaaina dhaabbataa

SirnaCommon Lawkeessatti seerotni barreeffaman baayinaan jiraachuu dhabuun isaanii abbootiin seeraa gahee seera baasummaa akka qabatan taasisuun isaa ni beekama. Gahee isaanii kanaas dhimmoota kanaan dura murtaahanitti gargaaramuudhan cimsanii itti fufu. Waan taeefis, hojii seera baasummaa hojjechuu akka isaan dandeessisu kuufama galmeelee hirisuun dirqama. Fakkeenyaaf, Mana murtii sadarkaa isa dhumaa (House of Lords) Ingilaandiif oliyyannoo dhiheeffachuuf hayyama argachuun barbaachisaa dha. Dirqamni hayyamaa kun jiraachun isaa manni murtichaa waggaa keessatti galmeelee muraasa qofa akka ilaallu haala mijeessuuf waan taeef, firii dubbii gadi fageenyaan xiinxalee murteessuf akkasumas dirqama seera baasummaa isaa bahuuf haala mijaawaa ni qabaata.

Gama birootiin, abbootiin seeraa biyya sirnaCivil Law keessa jiran aangoo seera baasummaa hinqaban. Fakkeenyaaf biyya Faransaay ilaaluu ni dandayama. Biyyaa sirna Civil Law hordoftu keessa abbootiin seeraa hojjatan hojiin isaanii seericha dhimmoota qabatamaa taaniin wal simachiisuu bira kan darbu miti. Manni murtii sadarkaa dhumaa Faransaayi, waggaa keessatti lakkofsi, galmeelee ilaalu toora 4,000 ni taa. Kanaafuu, abbootiin seeraa murtiiwwan duraanii, imaammatoota filannoo fi firii dubbii tokko tokkoon hin ilaalan. Murtiiwwaan barreessanis daran gaggabaaboo dha.

Gara mana murtii sadarkaa duraatti yoo gadi buunu ammo, biyyoottan Civil Law kan akka Faransaayitti, firiin dubbii abbootii seeraaf osoo hin dhihaatin dura abbaa seeraa sakattau (instructing judge) ni jira. Abbaan taayitaa kun abbootii seeraa dhimmicha boodarra ilaalan keessaa isa tokko tau ni dandaya. Innis iyyata himannaa fi ragaalee qoachuudhaan mana murtiif yaada isaa gabaabsuudhaan ni dhiheessa. Kana waan taeef, abbootiin seeraa firii dubbii tokko tokkoon dubbisuu fi jecha shaayidaa dhagahuu irratti hin bobbayan. Yaada ibsaa isaanif dhiyaate irratti haala sioomina qabuun ni murteessu.

Biyyoottaan sirna Common Law hordofan keessatti firii dubbii tokko tokkoon isaa fi ragaalee, qulqulleessitootni firii dubbii hawaasa keessaa filataman (jury) manneen murtii sadarkaa duraatti fuudhudhaan ni qoatu.

Manneen murtii ol’iyyata dhagahan ilaalchisee biyyoottan Civil Law keessatti firii dubbii fi gaaffii seeraa falmiif kaumsa taan deebianii kan qoatan yoo tau, biyyoottan Common Law keessatti garuu, firiin dubbii falmiif kaumsa taan jury dhan ilaalamanii kan xumuraman mana murtii sadarkaa duraatti waan taeef dhaddachi oliyyannoo kan xiyyeeffatu gaaffii seeraa qofa taa.

Sirna kenniinsa murtii 

Sirna Common Law keessatti abbaan seeraa tokkoon tokkoon isaa murtii mataa isaa ni barreessa. Murtii dhumaa irratti kan waliigalan yoo taellee akkaataa deemsa fi falmiitin gargar tauu ni dandau. Abbaan seeraa tokkoon tokkoon isaa wixinee murtii abbaa seeraa biraatti ni argisiisa. Waan taeefis yaadni garaagarummaa murtii kan kennamu wixinee sana ilaalluun taa.

Sirna Civil Lawkeessatti garaagarummaan yaada murtii galmee murtii irratti hin barreeffamu. Haayyootin sirnichaa, manni murtichaa yaadan gargar bahuu isaa argisiisun, murtichi ummata biratti ulfinni barbaachisaa tae akka hin kennamneef ni taasisa jechuudhan sababa dhiheessu.

Abbaan seeraa Common Law murtii osoo hin kennin dura murtilee duursanii kennaman qorachuu qaba. Murtiilee kanneen cinatti dhiisudhaaf sababa fi falmii cimaa dhiheessutu isa irra jiraata. Gama birootin ammo abbaan seeraa dhaddacha ijibbaataa murtiilee duraanii mana murtichaa salphumatti cinatti dhiisuu ni dandaa.

Kenniinsa barnoota seeraa fi muuxannoo ogummaa

Biyyoottan Civil Law keessatti barnootni seeraa kennamu barattoota rakkoolee qabatamaan hojii irratti isaan qunnamuu dandayuu kan akka mala barreessa murtiif kan isaan qopheessu miti. Barumsi seeraa, akka yaada buuuraatti yaada waliigalaa (general concept) irratti malee dhimmoota teknikaalawaa irratti kan xiyyeeffatu miti. Sirumaayyuu barnootni kennamu falasamaa fi yaadaabstracttae irratti kan xiyyeeffatee dha. Ogumman balinaan Yunivarsiitii booda shakaalaan ykn leenjii dabalataa addaatiin kan haguugamuu dha.

Biyya Ameerikaatti garuu haala kan armaan olitti ibsameen adda taeen barumsi seeraa barumsa ogummaati. Akkasumas, barumsa eebba duubatii. Xiyyeeffannon isaatis toofta (method) jechuunis firii dubbii fi seera barbaachisoo taan kan addaan baasu, firii dubbii baayinaan kennaman bifa qabsiisuudhan barreessuun, xiinxala seera gaggeessuu (legal analysis) fi kan kana fakkaataan irratti dha. Qabiyyee keewwattoota seeraa hubachuun salphadha jedhamee waan tilmaamamuuf barataan ofuma isaatiif dursuudhaan dubbisee akka dhufu taasifama.

Qixa leenjii ogummaatiin yammuu ilaallu ammo biyyoottan fakki Civil Law taan keessumattuu abbootii alangaa fi abukaatootaf Yunivarsiitii booda leenjiilleen ogummaa gosa adda addaa ni kennamu. Buuuruma kanaan sirni barnootichaa gama tokkoon theory fi leenji shaakalaa addaan bahee akka kennamu kan godhu yoo tau gama birootiin ammo hojilee seeraa bakka adda addaatti ni hira. Kanaafuu, abbootiin seera, abbootii alangaa fi abukaatotni tokkoon tokkoon isaanii jifaara jifaaraan ogeessota idileedha. Kanas jechuun haala salphaa taeen bifa hojii tokko irraa gara birootti jijjirramun kan hin dandaamne tauu isaa ni argisiisa.

Sirna Common Law keessatti garuu eebbifamtootni seeraa dimshaashumatti ogeessota seeraati. Kunis abbaa seeraa, abbaa alangaa, ykn abukaatoo tauudhaan gosa hojii tokko irra gara hojii birootti ceehuudhaan hojjachuun kan dandaamu tauu isaati argisiisa.

Gabaabumatti gurmaawin, sirni kenniinsa murtii, barnootaa seeraa fi leenjii ogummaa mala kenniinsa murtii irratti dhiibbaa kallattii tae akka qabu hubatamu qaba. 

Sababoota kanarraa kan kae malli barreessa murtii abbootii seeraa Common Law fi Civil Law garaagarummaa akka qabu ni mulisa. Barreessii murtii Civil Law walumaagalatti hima dheeraa tokkoon kan xumuramudha. “Kan taee argamuu isaatiif, Kana tauun isaa waan mirkanaaeef kkf akkana jedhamee murtaaee jira. Sirni kunis manni murtichaa afuura seeraa irraa kauudhaan kallattiidhan firii dubbii hiikuu isaa argisiisudhaaf kan filatamedha. Kana waan taeefis, manni murtichaa falmiilee filannoo xiinxaluudhaan tokko kan birootiin madaalchisuudhaan murteessu isaa hin argisiisu. Tarreeffamni firii dubbiitis daran gabaabbatanii himaa muraasan ni ibsamu. Murtichi waliigalaa cuunfamuudhaan yeroo baayee kan fuula walakkaatti ykn fuula tokkotti dhumudha. Dhimma kanaan alatti murtichi haalleen darbanis taee of-afootti dhufuun dandaan irratti yaada hin kennu.

Barreessii murtii abbaa seerummaa Common Law gama biraatiin, tarreeffama firii dubbii keessa gadi fageenyaan ni gala. Bifa seenessuutiin/narration/ balinaan ni tarreessa. Mormiilee tokkoon tokkoon teechisuudhaan hunda isaaniitiifuu deebii ni laata. Yaada murtii filannoodhaan jiran ifatti teessisudhaan isaan keessayis tokko isaa ni ibsa. Dheerinni isaa akkuma baayina dhimmichaatiin gargar taus galmeelee murtii Civil Law caalaa kan dheeratuudha. Murtiin abbaa seerichaatiin kennamu dhimmoota gara fuula duraatti dhiyaachuu dandayan irratti kan eeramu akka tae waan beekuuf kaumsa mormii fi firii dubbii sirritti calaluudhaan ni argisiisa.
1.2. Qajeeltoowwan barreessa murtii

Akkuma armaan olitti tuqameetti murtii barreessuuf malli abbootiin seeraa fayyadaman gar gara. Mana murtii tokko keessattu dhaddachuuma tokko irratti malli fi bifitti muxannoon abbaan seeraa tokko murtii ittin dabarsu kan birootiin gargara. Kana waan taef qajeeltoowwan barreessa murtii kaayuun rakkisaa akka tae hayyootin dhimmi ilaallatu ni ibsu.

Haa tau malee qajeeltoowwan barreessa murtii hayyootni dhimmi ilaallatu harka caala irratti waliigalan jiru. Qajeeltoowwan kana keessaa isaan muraasa akka itti aanu kanatti gabaabinaan ilaalluuf yaalla.

 Murtiin qooqa ifa, salphaa, baratamee fi lallaaffaa taen barreeffamu qaba.

Akkuma seensa moojuulichaa keessatti tuquuf yaallametti manneen murtii hawaasa mana murtitiin ala jiru wajjin sararrii ittiin walqunamu keessaa tokko murtitiidhaani. Murtiin jalqaba oggeessota seeraa ykn falmitoota hundee godhachuun kan barreeffamudha. Haa tau malee dubbistooni murtii oggeessota seeraa fi garee falmitootaa qofa osoo hin taane ummata naanoo sanaa fi naannoo biraa ykn biyya biroo tau ni dandayuu. Kana waan taef murtiin qaama murticha dubbiisuu tilmaama keessaa galchuun barreeffamu qaba. Jecha biraatiin abbaan seeraa yammuu murtii barreessu qaama murticha dubbisuu xiyyeeffannoo keessa galchudhaan murticha namiin kamiyyuu haala salphaadhaan akka dubbisu fi hubachuu dandayutti barreessuu qaba. Inni itti murtaes tae namootni biroo dhimma tokko irratti murtii kennamee maal akka taefi sababa maalitiin akka kenname ibsa dabalataa tokko malee murticha dubbisuun qofaan hubachu dandayu qabu. Kallattii kanaan murtiin rakkina qabu murtii kaayyoo isaa galmaan gaheedha jechuun hin dandayamu. 

Kaayyoo murtii galmaan gahuuf qabxiin xiyyeeffannoon itti kennamu qabu tokko qooqa murtiin itti barreeffamu waan taef qajeeltoowwan barreessa murtii keessaa tokko qooqa murtiin ittiin barreeffamu kan ilaallatudha. Akka qajeeltoo kanaatii afaan kammiyyu haa tau murtiin qooqa ifa fi salphaa (clear and simple) taen barreeffamu qaba. Jecha birootiin qooqinni murtiin itti barreeffamu kamiyyuu nama beekummsa seeraa qabufis tae kan birotiif hundumaf haala ifa fi salphaa ta’en barreeffamu qaba. Jechoota ogummaa (technical words) ykn jechoota seeraa (legal jargons) hanga dandaameen murtii keessaa hanbisun barbaachisaadha. Jechoota, akkanaa kanniif jechoota biroo bakka buu dandaan barbaadunif barbachisaadha. Jecha akka filannootti dhiyaatee kana mallattoo hammattu keessa tessisudhan dubbistootnnis taan manni murtii ol’iyyannoo dhagahu afurri murtichaa maal akka tae haala salpha taen akka hubatan ni gargara. 

Ibsi soorkoo ykn sokkoo ykn jechi dacha gonkuma murtii keessatti argamuun irra hin jiratu. Akkasumas, jechoota yeroon fida (slang) fi jechoota qeee keessaa ykn duda tokko qofatti dubbataman itti fayyadamun iftooma murtichaa kan hirisu tau isaa caalayyuu kabaja mana murtii (decorum) tuqu waan taef jechootni akkaanaa kun murtii keessaa hanbisuun barbaachisaa akka tae qajeeltoon barreessa murtii ni gaafata.

Akkasumas, akka qajeeltoo barreessa murtiiti murtiin qooqa baratamee fi lallaaffaa (sober and temperate) taen barreeffamu qaba. Qooqinni murtiin ittin barreeffamu tokko haala nama aja’ibsiisun garee tokko olkaasudhaan kan biro ammo gadi xiqqeessuudhaan kan ibsu tau hin qabu. Abbaan seeraa yaada isaa yammuu ibsuus tae ibsa yammuu kennuu qooqa lallaaffaa taen fayyadamu qaba. Ibsi murtii keessa jiru abbaan seeraa tokko ejannoo dursudhaan waan qabate kan isa fakkeessisu tau hin qabu. Ibsi isa hundinu, abbaan seerichaa garee tokko kan deeggaru tau isaa kan argisisu osoo hin tain logiimaleessummaan ykn logiirraa bilisa tae dhimmicha kan ilaalee tau isaa kan argisisu tau qaba. Kanaafuu, al-loogummaan mana murtichaa shakkii keessa akka hin gallee qooqinni murtiin ittiin barreeffamuu qabxii xiyyeeffannaa itti kennamu qabu akka tae hubatamu qaba.

Murtiin gar-malee kan dheeratte tau hin qabu.

Dheerinni murtii tokko hanganaa fi hangas tau qaba jechuun kaayuun hin dandayamu. Murtiin fuula tokkoo dheeraa dha; kan fuula dhibba tokko ammo gabaabaadha jedhamu ni dandaya. Dheerinni murtii gosaa fi haala falmichaati irratti hundaaa. Haa ta’u malee murtiin tokko gar-malee dheerachuu hin qabu. Murtiin dheeran yeroo hunda murtii gaarii miti. Murtiin gar-malee dheeratee yeroo barreeffamus rakkisaadha/nuffisiisaadha; yeroo dubbifamus rakkisadha/nuffisiisaadha. A prolix judgment is atorture to write, and atorture to readjedhama. 

Murtiin tokko gar-malee akka dheeratu sababota godhu dandayan baayeedha. Kana keessaa tokko akkaataa fi daangaa firiiwwan dubbiitti. Maddi firiiwwan dubbiis himata/iyyata, deebii, falmii afaanii, ragaa barreeffamaa fi jecha shaayidoota tau ni dandaya.  Haa tau malee murtii keessatti himatni/iyyatni, deebii, falmii afaanii fi jechii shaayidootaa akkuma jirutti gargalfamu hin qabu. Kana gochuun murtiin gar-malee akka dheerattu waan godhuuf qajeeltoon barreesa murtii kun murtii keessatti firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf rogummaa qaban qofa sirritti filatamani barreeffamu qaba jedhu. Firiiwwan dubbii rogummaa qaban kanaas jechootaa fi hima gagabaabaan fayyadamun barreessuun barbaachisaadha.

Qabiyyeen murtii firiiwwan dubbii dhimmicha murtessuuf rogummaa qaban qofa akka hammatu gochuuf abbaan seeraa murtii barreessuu eegaluun duraa galmicha sirritti qorachuun himata/iyyataa, deebii, falmii afaanii, ragaa barreeffamaa fi jecha shaayidootaa keessaa firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf rogummaa qabanii fi hin qabne addaan baafachuu qaba. Abbaan seeraa duraan dursee firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf rogummaa qaban osoo addaan hin baafatni himata/iyyata; deebii; falmii afaani fi jecha shaayidootaa akkuma jirutti murtii keessatti gargalchu hin qabu. 

Murtii keessatti himata/iyyata; deebii; falmii afaanii fi jecha shaayidootaa akkuma jirutti garagalchuun murtichi gar-malee akka dheeratuu fi murtichi dubbisuuf nuffisiisa akka tau waan godhuuf, murtiin kun murtiwwan badaa keessatti kan ramadamu waan taef wanta maqasamu qabu dha. 

Sababni biroo murtii keessatti jechoota barbaachisoo hin taane fayyadamudha. Murtiin tokko jechoota barbaachisoo hin taaneen guutamu hin qabu. Murtiin jechoota barbaachisoo hin taaneen guutame murtii murtiwwan badaa keessatti ramadamuudha.

Akkasumas, murtii keessatti yaadota ykn jecha shaayidoota irra deddebiudhaan barreessuun murticha gar-malee akka dheeratuu sababoota godhan keessaa isa birooti. Murtii keessatti yaadotni ykn jechootni irra deddebi’udhaan barreessuun, keessumattuu, jechi shaayidootaa, murticha gar-malee akka dheeratu fi dubbisuuf nuffisisaa gochuun irra darbee wanti inni fayyadu waan hin jirreef kun wanta maqasamu qabu akka tae qajeeltoon barreessa murtii ni gaafata. 
Qajeeltoon barreessa murtii murtiin gar-malee dheerachu hin qabu jedhu kun murtiin bakka bua galmee tau hin qabu isa jedhuus akka dabalatu hubatamuu qaba. Kunis qabiyyeen murtii qabxiilee hammatamu qaban kan hammate tau qaba. Haa tau malee murtiin falmii bitaa fi mirgaa akkuma jirutti bifa garagalchaatiin kan hammatee tae bakka bua galmee tau hin qabu. Murtiin tokko firii dubbii gurguddo deemsa falmichaa gabaabbinaan of keessatti qabachu qaba. Kana boodas ijoowwan dubbii kaan tarreessudhaan, seera waliin erga ilaallameen booda xiinxalli seera taasifamee; guudunfaa fi akkaataa murtichi itti raawwatamu kan ibsu tau qaba. Kutaan xiinxala firii dubbii fi seeraa hanga dandaametti qaama murtii irra caalaa fudhachu qaba. 
Murtiin falmii bitaa fi mirga bifa garagalchaan hammatee bakka bua galmee tae gabaasa firii dubbii gareen falmiitoota dhiyeessanidha malee murtii ijannoo mana murtii fi hiikkaa seeraa kan argisisudha jechuun hin dandayamu.
Murtiin ijoo dubbii irratti kan xiyyeefatee fi walqabataa tau qaba. 

Murtiin gabaabbatee garuu, dhimmoota kaan hundaa kan haaguugu ta’u qaba (precise and concise). Murtiin gabaabachun isaa gaaridha jedhamus ijoo dubbii fi falmii kaaniif kan deebii hin laane ta’u hinqabu. Murtiin tokko ijoowwan dubbii ka’aniif xiinxala seeraa barbaachisoo ta’an; akkasumas firiiwwan dubbii ka’anii ragaalee dhihaatan wajjiin waliin bira qabuun ibsu qaba. 

Akkasumas, yaadni murtii wal-duraa duubaa fi walitti hidhamiinsa (linkage and cohesion) qabaachu qabu. Manni murtii xumura irra gahuudhaaf sababootni inni kaase adeemsa walduraa duubaa qabaachu qabu. Murtiin mana murtii gamanaa fi gamas ijaajudhan qabxiilee asiif achitti tuttuqudhaan xummura waliigalaa kan kaayu (sketchy judgment) ta’un irra hin jiraatu. Kun akka hin taaneef murtii keessatti qabxii kaee tokkoof battalumatti deebii itti laatamu qaba.

Wal-duraa duubummaan yaada murtii ammo qabxiilee firii dubbii fi seeraa kaan murtii wajjin wal-simachiisuun yaadni hin barbaachisne akk hin kaane gargaara. Dabalataanis xumurichi buaa sababa qabu logical out-come tauu isaa argisisa. Kun ammoo inni itti murtaaees tae inni murticha dubbisu manni murtii haala akkamiini fi maaliif xummura/ guudunfaa irraa gahu akka dandayee rakkina tokko malee akka hubatu gargaara. 

Walumaagala murtiin tokko gabaabbatee barreeffamu qaba yammuu jennu ijoowwan dubbii fi falmilee ka’aniif abbaa seerummaa irratti kennamu qaban osoo bira hin darbini wal-duraa duubaan tartiba isaanii eegatee sirritti xiinxalu qaba jechuus akka dabalatu hubatamu qaba.

Murtiin jecha gabaabaatiin kan ibsamuu tau hin qabu.

Qajeeltoon kun murtiin jecha gabaabaatiin kan ibsamuu tau hin qabu jedha. Murtiin tokko inni itti murtaae maaliif irratti murtaau akka dandayee mirga beeku qabu haala dhugoomsuu dandayun barreeffamu qaba. Mirga kana dhugoomsuuf qajeelfamani barreessa murtii murtiin jecha gabaabaatiin kan ibsamuu tau hin qabu jedha. Murtiin jecha gabaabaatiin ibsamu (laconic judgment) murtii haalaan gabaabbatee garee irratti murtaae maaliif akka irratti murtaae kan ifatti himu hin dandeenyee jechu dha. 

Murtiin haalaan gabaabbatee barreeffame tokko gareen irratti murtae tokko maaliif akka irratti murtae ifatti kan itti himu hin dandeenyee qofa osoo hin taane murtichi hanqina iftoomaa kan qabu waan taef yeroo oliyyannoon irratti gaafatame, manni murtii oliyyannoo dhagahu dhimmicha mana murtii jalatti akka gadideebisu (remand) ykn manni murticha oliyyanna dhagahu falmii irra deebie akka dhagahu waan afeeruuf murtii isa murtiwwan badaa keessatti ramadamuudha.

Murtiin madaallii isaa kan eeggatee fi kan hin jallane tau qaba. 

Murtiin tokko wanta kamiyyuu caalaa dhihaatina yaadatin fi tauumsa ijoo dubbitiin madaalli isaa kan eegatee tau qaba. Murtiin miraa fi feii keessaa (sentiment and emotion) kan callaqisiisu tau hin qabu. Abbaan seeraa isa wanta gaarii jajjabessu wanta badaa ammo balaleeffatu tau hin qabu. Hojiin abbaa seeraa dhimma nama tokkof kan bira ykn dhuunfa fi mootumma jiddutti garaagarummaa osoo hin uumin haqa bulchudha. Kanaaf ammo abbaan seeraa firii dubbii ragaa dhihaatee wajjin ilaalludhaan buuura seeraatiin murtii kennuu isaa haala dhugoomsuu dandayuun barreessuu qaba malee kan midhameef gaddudhaan, kan balleessee ammo balaleeffachuudhan barreeffamu hin qabu. Kana malees, abbaan seeraa tokko ilaalcha dhunfaa inni dhaaba siyaasaa, ykn mootummaa ykn abbaa taayitaa mootummaa irratti qabu murtii keessatti callaqisiisuu hin qabu. 

Akkasumas, murtiin kan hin jallanne (lopsidedness) tau qaba. Murtiin jallate(lopsided judgment) ijoowwan dubbii kaan keessaa isa kaan olguddisudhaan isa kaanif ammo iddoo kennu dhiisudhaan murtii kennamudha. Ijoowwan dubbii kaan haala wal-qixee taen iddoon barbaachisaa tae kennameefii keessummeeffamu qaban. Seericha gar-tokkee falmii irratti hundaudhaan kanuma irratti xiyyeeffanna kan godhu yoo tae gar-tokkeen hafe ammo xiyyeeffanna barbaachisa tae dhabu fi irranfatamu ni dandau. Kana irra kan kae murtichi kan jallate ni taa. 

Murtiin qabiyyeen isaa guutuu tau qaba. 

Qabiyyeen murtii guutuu tau qaba. Akka haala falmichaati ijooowwan dubbii hundeeffaman hedduu tau ni dandayu. Yeroo kun tae argame abbaa seerichaa murtii barreessuu ijoowwan dubbii hundaaawan hunda isaaniitif deebii itti kennu qaba. Murtii keessatti ijoon dubbii osoo deebii hin argatin hafe jiraachu hin qabu jechuu dha. Murtii keessatti ijoon dubbii osoo deebii hin argatin hafe jiraachuun isaa qabiyyee murticha hir’uu godha. 

Ijoo dubbiif yammuu deebiin kennamu ammoo duuchumatti haala waliigala ta’en ta’u hin qabu.  Kunis ijoon dubbichaa akkamitti deebii argachuu akka qabu ibsamuun irra jiraata jechuudha. Kallattii kanaan dubbisaan akka guutu qaawwi dhiifamuuf jiraachu akka hin qabnee qajeelfamani barreessa murtii kun jala mura. Isuma kanaa cimsuun oggeessii seeraa Muhammad Bashir jedhaman:

“Judgment should be complete in itself and contain within its four coners the manadate of the court without extraneous references, and leaving open no matters of description or designation out of which contention may arise as to the meaning. It should not leave open any judicial question to be determined by others” jechuun kaayu.  

Walumaagala qabiyyeen murtii guutuu tau qaba yammuu jedhamu murtichi hiikkoof kan saaxilame tau hin qabu kan jedhu akka dabalatu isa Muhammad jedhan kanarraa hubachuun ni dandayama. 

Akkuma beekamutti dhimma mana murtiiti dhihaate tokko irratti ragaalee fi falmileen adda addaa garee falmitootaani ni dhihaatu. Ragaaleen kunis kan abbaan seeraa itti amanu wajjin kan walitti buan tau ni dandayu. Akkasumas, falmileen dhihaatan kan abbaa seeraa tokkotti hin fakkanne tau ni dandayu. Yeroo kana tae dhimmootiin akkana yeroo murtiin kennamu cinatti dhiifamuun ykn irra darbamuun irra hin jiraatu. Murtii keessatti tokkoo tokkoon falmii kaaniifi ragaa dhihaate ifatti ibsuun barbaachisaadha.

Yeroo tokko tokko himataan wanta isaaf hin mallee tokko yeroo gaafatu ykn himatamaan mormii tokko yeroo kaasuu baddaa irraa yammuu ilaallaman callisamani wanta kaafaman fakkaachu ni dandau. Manni murtiis dhimma akkanaatiif gatii osoo hin kennin, falmiin kaef deebii osoo itti hin kenninni bira darbuu hin qabu. Murtiin tokko yammuu kennamu ragaan dhihaate tokko wanta abbaan seeraa itti amanun kan wal-falleessu taus ykn falmichi kan gatii hin qabne fakkaatuus murtii keessatti iddoon barbaachisa tae itti kenname xiinxalamu fi gatii dhabeessummaan ragichaa fi sababa falmiin sun gatii itti dhabe ifatti murtii keessatti ibsamu qaba. Kun tau dhabuun isaa qabiyyee murtii hiru godha.  

Walumaagala qabiyyeen murtii guutuu tau qaba yammuu jedhamu wantoota sadii of keessatti akka hammatu ibsa armaan olitti dhihaate irraa hubachuun ni dandayama. Inni duraa murtii keessatti ijoowwan dubbii deebii barbaadan hundii tokko tokkoon deebii argachuu qabu kan jedhudha. Inni lamaffaa murtichi hiikkoof kan saaxilame tau hin qabu kan jedhu yammuu tau inni dhumaa ammoo murtiin falmii hunda kan ibsu fi xiinxalu tau qaba kan jedhudha.

Murtii fi ibsi manni murtii ragaadhaan kan deegarame tau qaba.

Qajeeltoon barreessa murtii kun ragaadhaan akka deeggaramu kan gaafatu waan lama. Inni duraa murtii yammuu tau inni itti aanu ammoo ibsa mana murtiiti. Inni duraas murtiin ragaa galmeen walqabatee qofa irratti hundaaee kennamu qaba jedha. Ragaa galmeedhaan wal-qabateen ala ragaan kamiyyuu dhimmicha waliin walitti dhufiinsa qabaatuus murtiif buuura tau irra hin jiraatu. Dhimmi abbaan seeraa dhuunfatti beekus akka ragaatti lakkawwamudhaan buuura murtii tau hin qabu. Kanaafuu, murtiin tokko ragaa barreeffama ykn shaayidaa hin dhihaanne irratti buureeffame barreeffamu akka hin qabnee fi beekumsi fi hubannoon dhuunfaa abbaa seerichaa ragaa taudhaan murtii keessatti eeramun akka hin qabnee qajeeltoon barreessa murtii jala muru.

Inni lamaffaan ibsi manni murticha waaee himataa, himatamaa ykn shaayidootaa, dhimmaa dalagame jedhamee irratti kennu buuura ragaa dhihaateetin kan beekame ykn kan mirkaneeffame tau qaba (remarks to be based on evidence).  Fakkeenyaaf, nama daguudhaan nama ajjeesse the murderer jechuun ibsuun sirrii miti. Guduunfaan (conclusion) abbaan seeraa tokko irra gahee fi ibsi godhu himanaa dhiyaate ykn gaaffii abbaa seerummaa gaafatameen ykn balleessummaa murtaau deemuun ol bifa taeen ibsamu hin qabu. Jecha biraatiin dhimmi abbaan seeraa tokko xummura irraa gahe tokko haala wanta ragaan argisisee alatti deemee mul’atun ibsamu hinqabu. Akkasumas, qaamni falmii keessa hinjirree ykn dhimmi falmii keessatti hin kain murtii keessatti caqasamu hin qabu. 
Murtii keessatti sanadootni, barreeffamootni fi seerotni rogummaa qaban sirritti eeramu qabu.

Murtii kennuuf sanadootni fi barreeffamootni barbaachisoo taan adda addaa jiraachu ni dandayu. Murticha kennuuf sanadootni barbaachisoo taan yoo jiraatan sandootni mana hojii irraa mana murtiif dhihaatanii murtii keessatti eeraman, guyyaa itti barreeffaman fi lakkoofsa isaanii maqaa mana hojii sanadicha baasee dabalatee sirritti barreeffamu qaban.

Akkasumas, murtii tokko keessatti barreeffama tokko eeramun isaa barbaachisaa tae yeroo argame maqaan barreessaa barreeffamichi itti maxxanfame sirritti eeramu qaba. Duuchumatti oggeessi seeraa tokko akka jedhetti jechuun barreeffamu hin qabu. 

Haaluma walfakkaatuun murtii keessatti seerootni barbaachisoo tani fi rogummaa qaban sirritti erramu qabu. Seerootni garee falmitootiin kaan gama isaanitiin nu fayyada jedhani kan abdatanidha. Garuu, gareen falmitoota seeraa gama isaaniitiin eerun isaanii, manni murtii seeroota eeraman irratti hundaudhan murtii akka dabarsu kan taasisu miti. 

Kanaafuu, manni murtii yeroo murtii kennu garee falmitootatin eeramus, dhabus seera kallattiidhaan dhimmichan wal-qabatu eerudhan murtii kennuun irra eeggama. Ijoowwan dubbiitif tumaalee barbaachisaa taan barbaduun dirqama mana murtii akka tae hubatamu qaba. Akkasumas, tumaaleen seeraa eeraman dhimmichaan kallattiidhaan walitti dhufiinsa kan qabaatan tauun irra jiraata. 

Walumaagala qajeeltoowwan barreessa murtii keessaa isaan muraasni kan armaan olitti dhihaatan yammuu taan qajeeltoowwan kunis murtii gaarii tae tokko barreessuuf qofa osoo hin taane barreessa murtii tokko madaaluuf akka ulaagaa safartuutii kan gargaaran akka tae hubatamu qaba.

Qabxiilee Marii

Walitti dhufeenyii barreessa murtii fi qulqullina murtii akkamitti ibsama? 

Qajeeltoowwan barreessa murtii isaan moojuullicha keessatti caqasamaniin ala kan biroo kaasuun itti mariadha.

Yeroodhaa yerooti baayina galmeelee dabalaa deemu irraa kan kae rakkinni manneen murtii biyyootaa alaa baayeen dhimmoota isaaniifi dhihaatan irratti yeroo gabaabaa keessatti murtii qulqullina ykn bilichina qabu kennuudha. Rakkinni kunis rakkina manneen murtii biyya keenyaatii jechuun ni dandayama.

Rakkina kana haala akkamiin hiikkuun dandayama jettani yaadduu?  Ykn dhimmoota manneen murtiitti dhihaatan irratti haala akkamiin yeroo gabaabaa keessatti murtii qulqullina isaa eeggate kennuun dandayama? Humna abbootii seeraa dabaluun? Dandeettii/ogummaa murtii barreessu abbootii seeraa gabbisuun? Formiiwwan ykn boccawwan murtiin itti kennamu qopheessuun? Toftaa biroo fayyadamuun?

Oggeessii seeraa tokko “Increase in the quantity of the decided casescan not be a substitute for the quality of judgments jedheera. Yaada kanarratti waliigalattu? Maaliif? 

Murtii gaarii tae tokko kennuuf murtiin barreessuun duraa abbaa seeraa tokko irraa maaltu eegama jettu? Tokko tokkoon ibsa.  

Qajeeltoowwan barreessa murtii hordofu dhabuun kaayyoo murtii galmaan gahu irratti dhiibbaan fidu jiraa? Ni jira kan jettan yoo tae dhiibbaan kun maal akka taefi haala akkamiin akka ibsamu qajeeltoowwan barreessa murtii tokko tokko isaanii wajjin wal bira qabuun ibsaa. 

“Murtiin bakka bua galmee tau hin qabu jechuun maal jechuu akka tae itti mariachuun qajeeltoo barreessa murtii kana dhaqinneeffachuuf yaalaa. 

Naamusni abbaa seerummaa fi barreessii murtii walitti dhufeenya qabu jettani yaadu? Deebiin keessan eyyee yoo tae walitti dhufeenyii isaanii maal akka tae fakkeenyaan deegaruun irratti mariadha.

                                                                   Kutaa II

                        Barreessa Murtii: Itoophiyaa

“Effectiveness of a judgment can be measured by the manner how best the judgment conveys what judge wants to communicate to its readers. The judgment should be self contained document from which it should appear what were the facts of the case and what was the controversy involved which has been decided by the court and in what manner. Structure of the judgment should be such that a reader while reading it without any difficulty understands the facts delineated and may be able know every reason and the way, in which it has been decided. It should be simple, brief and clear.” 

                                                          Justice Mohammad Rafiq

Seensa

Itoophiyaatii barreessii murtii seenaa yeroo dheeraa kan qabu taus bifa ammayyummaa kan qabate seerri deemmii falmii sivilii fi yakkaa amma hojirra jiran erga bahaan booda jedhama. Haa tau malee erga seerootni deemmii kun bahani kaasee hanga ammaatti sirni barreessa murtii sirritti raawwatamaa akka hin jirree murtiilee manneen murtii irraa hubachuun ni dandayama. Kanaaf sababootni baayee taaniis kana keessaa tokko seerootni deemmii amma hojira jiran kun tumaalee barreessii murtii ittiin qajeelfamu qabu guutummaan guututti hammachu dhabu isaanitiifi isaan hammatamani jiraniis rakkina kan qaban tau isaanitti. 

Kanaafuu, dandeetti barreessa murtii abbootii seeraa cimsuuf qabiyyee fi raawwannaan tumaalee seerota deemmii barreessa murtii ilaalatan; akkasumas qabatamaatti barreessii murtii maal akka fakkaatuu fi kallattii kanaan rakkoowwan jiran maal akka taan xiinxalun barbaachisaadha.  Kaayyoon kutaa kanaas kanuma.

Kutaan kun kutaa xixxiqaa sadii qaba. Kutaa xiqqaa tokkooffa keessatti seeroota deemmii keessatti gosota murtii abbaa seerummaa tumaman fi kanaan walqabatee rakkoowwan jiran ni sakattaamu. Kutaa xiqqaa lamaffaa keessatti qabiyyee fi barreessii murtii ni xiinxaalama. Kutaa xiqqaa sadaffaa, isa dhumaa, keessatti ammo barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan jiran sakattauf ni yaallama.     

Leenjiifamtooni kutaa kana erga xumuran booda:

Seera deemmii falmii sivilii fi yakkaa keessatti gosota murtii abbaa seerummaa tumaman ni hubatu.

Barreessa murtii gama qajeelchuutiin tumaalee seeroota deemmii ni madaalu.

Qabiyyee fi barreessa murtii siviilii fi yakkaa sirritti ni hubatu. 

Barreessa murtii siviilii fi yakkaan walqabatee rakkoowwan jiran addaan ni baafatu; yaada furmaataas ni burqisiisu.

Qajeeltoowwan barreessa murtii hundee godhachudhaan barreessa murtiileen manneen murtii ni madaaluu.
2.1. Gosota murtii abbaa seerummaa seerota deemmii keessatti tumaman.

 Seera deemmii falmii sivilii fi yakkaa keessatti gosoonni murtii abbaa seerummaa tumaman harka caala kan wal fakkaatan taus xiinxaluf akka tolu gosoota murtii abbaa seerummaa seera deemmii siviilii fi yakkaa keessatti tumaman qopha qophaa ilaalluuf yaalla. Dura isaan seera deemmii sivilii keessatti tumaman. 
2.1.1. Seera deemmii sivilii keessatti 

Seera deemmii falmii sivilii Itoophiyaa bara 1958 bahee keessatti gosoonni murtii abbaa seerummaa lakkofsaan afur taan jiru. Isaanis ‘biyyin’, ajaja (order), murtii (judgment) fi ‘decree’ dha. Haala dhimmootni sivilii ittiin guduunfaman irratti hundaauudhaan gosoota murtii abbaa seerummaa kana bakka lamatti qooduudhaan ilaalluun ni dandaama. Inni duraa himanni siviilii tokko buuureffamee hanga xumuramutti falmii adeemsifamu keessatti mannii murtiichaa iyyannoowwan dhihaataniif irratti hundaaudhaan abbaa seerummaa inni kennuu baasii gochuudhaaf kan mooggaafamu yammuu tau inni itti aanu ammoo moggaafama abbaa seerummaa himatni tokko erga buuureffame booda hanga taeenis taee guutumaan guutuutti mirga himatamaa ykn himataa murteessuuf kan kennamuudha. Isa duraa keessatti biyyin fi ajajni kan ramadaman yammuu tau murtii fi decree ammo isa lammataatiin kan haguuggamaniidha. Isaan kanaas akka itti aanu kanaati ilaaluuf yaalla. Durabiyyin”.

Biyyin”

Gostii murtii abbaa seerummaa s/d/f/s/ keessatti ibsame keessaa tokko isa afaan amaarriffaan “biyyin’ jedhamudha.  Haa ta’u malee maalummaan gosa murtii abbaa seerummaa kanaa seericha keessatti hin ibsamne. Hiikaan kennameefis hin jiru. Akkasumas, tumaalee adda addaa jalattis gosti murtii abbaa seerummaa kun yoom sirnaan akka hojii irra oolu wanti ibsame hinjiru.  

S/d/f/s kew. 3 jalatti jechii biyyin’ jedhu kan tuqame murtii jechuun maal jechuu akka tae himaa waraabbii afaan Amaariiffaa fi ajaja jechuun maal jechuu akka ta’e himaa waraabbii afaan Ingiliiffaa keessatti. Tumaa kun inni Amaariffaa murtii jechuun “ፍርድ፡” ማለት የትእዛዝ ወይም የውሳኔ ወይም የብይን መሰረት ሆኖ በፍርድ ቤት የተሰጠ የፍርድ ቃል ማለት ነው.” Kana gara Oromiffaatti yammuu jijjiru murtii jechuun ‘buuura ajajaa, decree ykn ‘biyyin’ taee jecha murtii manni murtii kenname jechuu dha. Waraabbii isa Ingliffaa seerichaa yammuu ilaallu akkana jedha:“Judgment shall mean the statement given by a court of the grounds of decree or order. 

Ajaja(order) jechuun maal jechuu akka tae Order shall means the formal expression of any decision of a court which is not a decree. As keessatti jechi ‘biyyin’ manni murtii abbaa seerummaa itti ibsu waan jiru fakkaata. Kun ammo ajajni fi ‘biyyin’ akka wal-fakkatan taasiisa. Kanaafuu, seerichi jecha ‘biyyin’ jedhu decision isa jedhu saniif bakka buusuu waan barbaade fakkaata. 

Haa tau malee, jechi ‘biyyin’ (decision) jedhu maal akka taee fi murtiidhaan ykn decree dhaan maaltu akka adda taasisu, akkasumas, jechi abbaa seerummaa yoom jecha ‘biyyin’ jedhuun baasii taasifamuu akka qabu seerichi wanta ibsu hin  qabu.  

Kanaafuu, biyyinjechuun maal jechuu akka tae hubachuuf maddewwan biroo ilaalluun fayyida qaba.  Blacks Law Dictionary jechi decision jedhu akka itti aanu kanatti hiika.

 “Decision is a judicial or agency determination after consideration of the facts and the law; especially a ruling, order or judgment pronounced by a court when disposing of a case.”

Akka hiikaa kanaatti decision jechi jedhu murtii, ajaja ykn decree fi murtilee qaamota bulchiinsaatiin kennaman ibsuuf kan gargaarudha. Akkasumas ibsitootni abbaa seerummaa hiikni seera deemmii falmii siviilii keessatti kennameef hundi isaanii fooyyiinsa tokko malee akkuma jiranitti s/d/f/sivilii biyya Hindii irraa warraabbamanii kan fudhataman waan taef  ‘biyyin jechuun maal akka tae hubachuuf seera deemmii falmii siviilii biyya Hindii ilaaluun barbaachisaadha. Biyya Hinditti, seerichi order, decree fi judgment abbaa seerummaa buaa adda addaa qabaniif akka oolan kan dirqisiisu yammuu tau seericha keessatti, ‘biyyin’ (decision) jedhamee kan beekamu akkuma barbaadametti kan itti fayyadaman fi abbaaa seerummaa kamiyyuu ibsuu kan dandayuudha. 

Gabaabumatti decision ykn biyyin jechi jedhu jecha seeraa (legal term) osoo hin taane jecha ummatni ajaja, decree fi murtii ibsuuf itti fayyadamu akka tae maddewwan armaan oli irraa hubachuun ni dandayama.

Ajaja 

Ajaja jechun ibsa ‘murtii’ mana murtii taee decree irraa adda tae akka tae seera sivilii kew. 3 jalatti hiikni itti kennameera. Haa tau malee seerichi ajajni decree irraa adda tauu isaa haa ibsu malee garaagarummaan jiru maal irratti akka tae ykn tauu qabu gama ilaallun wanti dubbatu hin jiru. Kana irraa kan kaes manneen murtii ajaja fi decree wal-jijjiirudhaan yammuu itti fayyadamuu ni mul’atu.

Akkuma armaan olitti tuqameetti seera deemmii falmii siviilii keenyan hiikni jecha ajaja jedhuuf kenname jijjiirrama tokko malee akkuma jirutti seera biyya Hindii irraa kan fudhatamee dha. Seerichi biyya Hindiitiis order fi decree kan ittiin wal fakkaatan fi garaagar taan yammuu ibsu, inni decree jedhamu yoomiyyuu taanan oliyyatni duraa irratti gaafatamuu kan dandauu fi buuura seerri kun hayyameen, haala hayyamameen oliyyatni lammataa kan irratti gaafatamuu dandayu yoo tau, inni order jedhamu garuu seerichi oliyyatni irratti ni gaafatama yoo jedhe malee oliyyatni duraa kan irratti hin gaafatamne tauu isaatiin gamatti oliyyatni lammataa gonkumaa kan irratti hin gaafatamnee dha.

Gaaragarummaan biroo, akka seerichi jedhutti, ammo decree jedhamee kan waamamu, kan mana murtii tiin kennamu, manni murtiichaa dhimmicha qorachuudhan mirga bitaa fi mirgaa, mana murtiichaa gama ilaaluun, yeroo dhumaatiif kan ittiin murteessu dha. Decree inni kunis kan duraa preliminary decree ykn kan dhumaa final decree tauu ni dandaa. Fakkeenyaaf, Aaddee Boontun beenya abbaa warraa ishee akka kaffalamuuf kaampaanii tokko yammuu himattu, manni murtii duursudhaan haada warrummaa ishee irratti mormii kaeef yeroo murteessu, kun preliminary decree jedhama. Kanaan boodas manni murtichaa beenya kaffalamuufii qaba jedhee yeroo murteessu ammo final decreejedhma jechuudha.

Seera deemmii sivilii keessatti garuu, dhimmota akkanaa fi akkanaa irratti oliyyatni duraa ni gaafatama; kunneen biroo irratti ammo oliyyatni lammataa ni gaafatam wanti jedhamee ifatti lafa kaayamee hin jiru. Haala addaatiin wanti keewwata 466 jalatti ibsame, baasii fi kisaaraa ilaalchisee ajaja kenname irratti sia tokko erga oliyyatameen booda murtiin oliyyannoo kana irratti darbu isa dhumaati jedhame tumamee jira. Kana jechuunis, ajaja qixa kanaan kenname irratti oliyyatni kan gaafatamu sia tokko qofa jechuu dha. Kan kannaarraa hafe, seera keenya keessatti dhimmootni erga ajajani irratti darbeen booda yeroo tokkoof qofa oliyyatni irratti gaafatamu fi yeroo lammataatiif garuu kan hin hayyamamne hin jiru.

Karaa biraatiin ajajoota bu’aa adda addaa qaban kennuun akka dandaamu seera deemmii siviilii irraa hubachun ni dandayama. Kunneen keessaa ajajootni bu’aa himata haquu qabaachuu isaatiin oliyyatni irratti dhiyaatu jiru. Fakkeenyaaf, buuura s/d/f/s/kew. 244 (2) tiin himatni tokko eerga dhihaate booda himatamaan himannichi kan yeroon irraa darbee dha jechuudhuun mormiin kaasee yoo fudhatama argatee ajajni kennamu isa dhumaa waan taeef oliyyatni irratti ni gaafatama. Karaa biraatiin garuu, mormiin kun kufaa yoo ta’e ajajni akkanaa oliyyatni kan irratti dhihaatu, dhimmichi mana murtiichaatiin yeroo dhumaatiif kan murtii argate yoo tae fi gareen mormicha kaase murtichaan mooatamaa yoo argame qofa dha.

Akkasumas, ajaja buaa himatna haquu hin qabnee garuu oliyyatni irratti gaafatamus jira. Fakkeenyaaf, akkaataa s/d/f/s/kew. 166 tiin qabeenyii harka garee tokko bahee gara birootti akka darbu ajajni taasisu yeroo kenname, buuura s/d/f/s/ kew. 320 (4) tiin, dhimmi falmichaa inni muummeen fala kan hin arganne taus, ykn manni murtichaa murtii mirgaa gareewwan falmitootaa miidhu kan hin kennines taus battalumatti ajaja darbe irratti oliyyachuun ni dandaama.

Dabalataanis ajajni gonkumaa oliyyannoon irratti hin gaafatamne ykn oliyyannoof sababa hin taane jiru. Ajajootni gosa akkanaa jalatti kufan mirga himataa fi himatamaa kan hin mine taanii himatni banamee hanga murtaautti kan keennamnii dha. Fakkenyaaf, shaayidotni garee tokkoo guutamanii kan hin dhihaanne yoo tae himatni hin dhagahamu; ykn himataan komatus waamichi yeroo lammataaf himatamaa yaa dhaqqabu ajajni jedhu yoo darbe, ajaja kana irratti oliyyannoon hin dhiyaatu. Sababa oliyyannootis tauu hin dandau.

Murtii fi ‘decree’

 Armaan olitti eeruf akka yaallametti murtii jechuun jecha abbaa seerummaa ajajaaf ykn decree dhaf buuura tau jechuu dha. Buuura s/d/f/s/kew. 180-182 tiin manni murtii dhimma sivilii irratti murtii erga kennee booda ykn manni murtii himata dhihate irratti yaada kennuudhaan himataman itti gaafatama tau isa erga ibseen booda jechi murtii kun akkamitti raawwatamuu akka qabu kan agarsiisu s/d/f/s/kew.183 jalatti buuura tumameen qaama murtii decree jedhame kennamuudha. 

Murtiin jecha ykn yaada mana murtii malee, ofii isaatiif isa raawwatamu waan hin taaneef murtiin erga kennameen booda decree jechuun kaayuun baayee barbaachisaadha. Murtichi akka raawwatamu manni murticha murtiin akkamitti raawwatamuu akka qabu ykn himatamaan maal kaffaluu akka qabu decree ykn ajaja jalatti ifatti kaayuu qabu.

Ajajinni kun ajaja yeroo raawwatiinsa kennamu wajjiin kan wal fakkaatuu miti. Ajajinni yeroo rawwitinsaa kennamu murtiin buuura ajaja mana murtii murtii dabarseetin akka raawwatamuuf jecha yommuu gaafatame ajaja qabeenya ykn maallaqa murtiin abbaa idaa irratti kennamuudha. Ajajjiin yeroo murtiin kennamu decree garuu murtii keessatti himataman ittii gaafatamaadha yoo jedhame ajajichi:-

Himatamaan mahaallaqa himannaan irratti dhihaate guutamaan guututti ykn gamiisaan kaffaluu akka qabu.

Himatamaan idaa sana irratti dhala haa kaffalu yoo jedhame dhibbentaa meeqaniifi yoomirra eegalee akka kaffaluu qabu 

Idaan dhaabbata tokko herregamuu kan qabu galii isaa yoomii hanga yoomitti tauu akka qabu 

Himatamaan baasii kisaaraa haa kaffaluu kan jedhamu yoo tae himatamaan tarreeffama baasichi fuula duratti dhiheessu qaba kan jedhuu fi kkf of keessatti hammachuu qaba.

Adeemsa hojii manneen murtii keenya yammuu ilaallu kun seeran kan kaaame tauus hojimata baratame miti. Manneen murtii yeroo baayee yammuu murtii kennan murtii dhaaf decree kana walimakuudhaan ni barreessu. Gochi akkanaatis rakkoon isaa kan mulatu yeroo murtiin gara raawwititti galuu eenyu maal gochuu akka qabu fi itti gaafatamummaan isaa hangam akka tae murtii keessa adda baasun kan nama rakkisu waan taee fidha. Yeroo raawwitis ergamani murticha kanadha, kana mitii jechudhan wal-dhabiinsi hikkaa murticha irratti kaus wal-makiinsa murtii fi ajajaatinidha. 
Decreedhaaf buuurri murtii dha. Kunis dhimma seeran tumamee dha. Murtii tokko keessatti ajajjiin akka murtichi ittiin raawwatamu ibsuu tokko yoo jiratee, kan raawwatamu ajaja waan taeef murticha eerudhaan ajajjicha komachuun hin dandaamu. Waan taeefu murtiin tokko yammuu kennamu akkamitti raawwatamuu akka qabu bifa decree tiin adda baasanii teechisuun gareen falmitootaa haala salphaa taeen murtiin abbaa idaa enyuu akka tae fi hangi itti gaafatamummaa hangam akka tae addaan baasanii akka beekan ni dandeessisa. Akkasumas, manni murtii raawwachisuuf ifa waan tauuf afuura murticha hubachuudhaaf hin rakkatu; hiikaa mataa isaa kennuufidhaan murticha raawwachiisu irrayis ni hafa. 
Walumaagalatti murtichi akka raawwatamu ykn gareen irratti murtaee murtii keessatti itti gaafatamaa dha yoo jedhame dhuma irratti kutaan daangaa itti gaafatamummaa ibsu decree kophaatti barreeffamuun isaa yeroo raawatiinsa abbaa mirgaa naaf murtaaee jira, abbaan idaa ammoo ana irratti hin murtoofne falmiin jedhu akka hin kaane; mana murtii murticha raawwachiisisu hiikkan murtii akka-nadha jedhu irra kan hanbisu waan taeef adda baratamuu malu qofa osoo hin tain kan seeran haala dirqisiisuun tumamee dha. 

2.1.2. Seera deemmii falmii yakkaa keessatti 

Seera deemmii falmii yakkaa keessatti gosoonni murtii abbaa seerummaa lakkofsaan sadii taan jiru. Isaaniis ajaja, ‘decision (ውሳኔ) fi ‘murtii’ dha. S/d/f/yakkaa gosotni murtii abbaa seerummaa kanaaf hiikkaan kennee hin jiru. Haa ta’u malee murtiin mana murtii (decision) ajajaan, ‘decree’ fi murtiin akka ibsamu dandayan tumaalee s/d/f/y irraa hubachu ni dandayama. Murtiin mana murtii ajajaan itti ibsamu keessaa:

Akkuma himannaan dhihaateen guyyaa himatichi itti dhagayamu buuura s/d/f/s/ kew. 123 fi 124 murteessuun buuura kew. 125 ajajaan ibsu.

Mormii himannaa irratti ragaa dhiheessuun murtii kennuun yammuu barbaachisu murtiin  ragaan ni barbaachisa itti jedhame ajaja kennuun ibsama (Kew. 131(3))

Himatamaan ragaa ittisaa osoo dhiheefachuun isa hin barbaachisin bilisaan gaggeeffamu kan qabu yammuu tae argamu murtiin (decision) mana murtii ajajaan ibsama (Kew. 141)

Murtii sirrii tae kennuuf ykn dhimmicha tursuu osoo hintaane firii dubbiif barbaachisaadha jedhame ragaan dabalataa dhihaate akka dhagayamu manni murtii yammuu murteessuu kun ajajaan ibsamu ( Kew.143)

Himatamaan qabamee akka dhihaatuuf ykn dhimmicha bakka himatamaan hin jireetti akka ilaalamu murtiin (decision) kennamu ajajan ibsama (Kew. 125, 161)

Murtiin balleessaa fi adabaa erga kenname booda raawwatinsii isaa kan ibsamu ajajaani. Buuuruma kanaan hidhaan, adabbiin duaa, adabbiin mahaallaqaa waae qabeenyaa kkf… murtiin kennamu raawwiin bifa ajajaan kan ibsamaniidha. (Kew.203 fi itti aanaa)

Mormii himannaa irratti dhihaatu fudhachuuf ykn kufaa gochuu murtiin (decision) kennamu ajajaan ibsamu (Kew. 131(2)

Ragaan tokko dhihaachu qaba, hin qabu gaaffiin shaayidaaf dhihaate sirridhaa miti jechuun falmiin abbaa alangaa fi himatamaa jiddu kan kae yoo tae manni murtichaa dhimmicha irratti yaadni qabu ajajaan ibsama (Kew. 146, 98) kkf.. akka fakkeenyaatii caqasuun ni dandayama.

Murtiin (decision) mana murtii mata duree ውሳኔ“jedhun itti ibsamu keessaa: 

Himatamaan himannaan erga dubbifameef booda yakkicha raawwachu isaa guutumaan gutuutti kan amanee yoo ta’e “murtiin” balleessummaa “ውሳኔ “ ibsama. Murtiin kun erga falmiin dhagayame booda adabbiin yammuu murtaa’u murtiin (ፍርድ) ibsama (Kew 134, 135(2) 149(5)), 

Murtii (judgment) keessatti adabbiin barreeffamu mataa isaa dandayee “ውሳኔ“mata duree jedhu jalatti barreeffama (Kew 149 (5) , 177).

Falmiin xumurame murtiin himatamaan ittiin adabamu ykn bilisaan murtiin itti gadilakkifamu murtiin/ፍርድ/judgment/ kan ibsamu akka ta’e s/d/f/y/kew.149 jalatti tumameera. 

Akkuma armaan olitti tuquuf yaallametti s/d/f/yakkaa biyya keenyaa murtii jechuun maal jechuu akka ta’e hin ibsuu. Haaluma walfakkaatuun seerootni deemmii falmii yakkaa biyyoota ala tokko tokkoos murtiin maal jechuu akka tae hiikkaa hin kennan. Fakkeenyaaf, seera deemmii biyya Paakisitaan caqasuun ni dandayama. Seera deemmii falmii biyya Paaksitaan murtiif hiikka kennuu baatuus murtiin jechuun maal jechuu akka tae murtilee manneen murtii adda addaa keessatti hiikni itti kennameera. Fakkeenyaaf, Surya Rao V. Sathihiraju keessatti in criminal cases a final order in a trial terminating either in a conviction or acquittal of the accused” jechuun hiikameera. S/d/f/y/kew. 149 hundee godhachuun murtii yakkaaf hiika walfakkaatu kennuun hin dandayamuu?   

   Qabxiilee Marii

Gostii murtii abbaa seerummaa “biyyin” jedhu kun afaan Oromotiin maal jedhama? Galmeelee manneen murtii irraa akka hubachuun dandayamutti abbootiin seeraa tokko tokko moggaaffama Jala-murtii akkasumas Hayyuu jedhuun murtii abbaa seerummaa ni kennuu. Ibsitootni abbaa seerummaa kun gosota murtii abbaa seerummaa isa kam ilaallatu? Yoom hojirra oolu qabu?

Moggaafamni manneen murtii abbaa seerummaa ittiin kennan wal-fakkaatummaa (similarity), bifa tokkummaa (uniformity) fi dhaabbummaa (consistency) akka qabaatan gochuun fayyidaa qaba jettu? Kallattii kanaan barreessii murtii abbaa seerummaa biyya keenyaa madaalaa. 

Manni murtii ajajoota buaa adda addaa qaban kennuu akka dandayu seera deemmii siviilii irraa hubachun ni dandayama. Qabiyyeen ajajaa qabxiilee akkamii hammachu qaba jettu? Fakkeenyaaf, buuura s/d/f/s/kew.91 fi 41 iyyannaa dhihaatu irratti ajajinni manni murtii kennuu qabxiilee akkamii hammachu qaba jettu? Kallattii kanaan seerichii maal jedha? Muxannoon jiruu hoo maal fakkaataa? Barreessii ajajoota manneen murtii irraa dhuftanii maal akka fakkaatu qajeeltoowwan barreessa murtii irratti hundaawun madaalaa. Kallattii kanaan rakkinni jiraa? Ni jira kan jettan yoo tae rakkinni kun maal akka tae furmaata isaa waliin ibsaa. 

Moggaafamni jechadecree jedhu ingiliiffaanis tae amaariffaan hiikoo qaba. Qooqa Oromiffaatiin hoo maal jedhamu qaba jettu? Kutaan murtii kun kan barreeffamu murtiitti aanee waan taeef yeroo baayyee mata duree ajaja jedhu jalatti yammuu barreeffamu ni mulata. Barreessa murtii biyya Hindiitis Decree jechuun hafee Order kan jedhu tti ni fayyadama. Nuttii hoo isa kam yoo fayyadamanee gaariidha jettani yaadu?  Biyya keenyaatti murtii abbaa seerummaa ajaja ykn decree jechuun addaan baasani ibsuun buaa isaa irratti jijjirramni fidu jiraa? Murtii keessatti akka murtichi itti raawwatamu decree ibsu kophaati barreessun hammam hojirra oolaa jira? Rakkini kallattii kanaan jiru maali? Kutaa murtii decree ykn ajaja jedhame barreeffamu keessatti qabxiileen barreeffamu qaban ibsaa.

Galmeelee yakkaa manneen murtii keenyaa irraa akka hubachuun dandayamutti abbootiin seeraa tokko tokko murtii abbaa seerummaa jecha biyyin jedhuun ni kennuu. Kun hundee seeraa qaba jettu? Maaliif? Ibsitoota murtii abbaa seerummaa ilaalchisee s/d/f/y/ amma hojirra jiru akkamitti madaaltu? 

2.2. Qabiyyee fi barreessa murtii

Gosa dhimmichaa irratti hundaaun murtii mana murtii murtii siviilii fi yakkaa jechuun addaan qooduun ni dandayama. Akkasumas, sadarkaa murticha itti kenname irratti hundaaun murtii sadarkaa duraa fi oliyyannoo/ijibbaataan jechuun addaan qooduun ni dandayama. Qabiyyee fi barreessii gosoota murtii kanaas garaagarummaa qabu. 

Haa tau malee murtiin hundinu amala walii waan qabaniif qabiyyeen murtii tokko qabxiilee hammachu qabu akka jiru fi barreessii murtiis barreessa qabxiilee kanaa kan ilaallatu akka tae kutaa darbee keessatti tuquuf yaallameera. Akkasumas, murtii gaarii tae tokko barreessuuf qajeeltoowwan abbootiin seeraa ittiin qajeelfamu qaban akka jiran ibsameera.

 Kutaa xiqqaa kana jalatti seerota deemmii, qajeeltoowwan barreessa murtii fi muuxannoo jiru hundee godhachudhaan qabiyyee fi barreessa murtii siviilii fi yakkaa sadarkaa duraa, akkasumas oliyyannoo/ijibbaataa xiinxaluf ni yaallama. Dura qabiyyee fi barreessa murtii siviilii sadarkaa duraa.

2.2.1. Qabiyyee fi barreessa murtii siviilii sadarkaa duraa 

Qabiyyee fi barreessa murtii sivilii sadarkaa duraa hubachuuf duraan dursee sirna kenniinsa murtii gabaabinaan ilaalluun barbaachisaadha. Haaluma kanaan murtii siviilii kamifiyyu buuurri himata ykn iyyata garee falmataan tokko dhiyeessuudha. Dhihaatiin himatichaa ykn iyyatichi kaumsa falmichati jechuudha. Himatichi ykn iyyatichi erga dhihaate booda sirni kenniinsa murtii maal akka fakkaatu seera deemmii falmii sivilii keessatti tumameera. Sirni kenniinsa murtii kunis akkuma gosa sirnichaatti garaagarummaa akka qabu tumaalee seera deemmii falmii sivilii irraa hubachuun ni dandayama. Fakkeenyaaf, sirni kenniinsi murtii himata/iyyata sirna idilee fi ariitiin dhihaatu tokko miti. 

Himatni/iyyatni tokko sirna idileen kan dhihaate ykn kan ilaalamu yoo ta’e himata/iyyata dhiyaate irratti gareen mormu yoo jiratee waammame deebii akka irratti kennu ni taasifama. Gareen mirga qaba jedhu (claimant) mirga isa jalaa miidhame ykn dirqama himatamaa ifatti bifa firii dubbiitin iyyaticha isaa keessatti tarressun isaa irra eegama. 

Manni murtiitis himataman himata dhiyaate kan haalee yoo tae sababa amanuu dhabeef gabaabbinan fi ifatti erga dhiyeessen booda bita fi mirgi qabxiin irratti walii hin gallee tokko tokkon adda baasee ijoo dubbii falmichaa ni qabata. Ijoowwan dubbii qabaman kan firii dubbii ilaalatan (issue of fact) yoo taan ragaan ni dhagayama. Ijoowwan dubbii qabaman ijoo dubbii seeraa (issue of law) yoo taan ragaa dhagahun osoo hin barbachisini manni murtii murtii ni kenna. Murtiinis akka haala isaatti falmiin dhagahame erga xummurame booda hoggaasuma ykn beellama gabaabaa manni murtichaa qabutti kennamu qaba (Kew.180).

Manni murtii firii dubbii himanno/iyyata, deebii, falmii afaani fi ragaa keessatti eeraman gabaabsudhan erga techiseen booda qabxii wal-falmisiisa tae ykn ijoo dubbii hundeessuudhan ragaa qixa kanan dhihatan erga dhagaheen booda tumalee seeraa waliin ilaaluudhan xiinxala murtii ni kaa. Mirgaa fi dirqama gareewwan falmitootaa qabanis haala ifa taen ni teechisa. Ijoowwaan dubbii kan firii dubbiitis tae kan seeraa ykn kan lamaanituu hundaaan tokko tokkoo isaani irratti xiinxala mirga gonfachisanifi fi dirqama gatan ni teesisa.

Kana boodas himatamaan itti gaafatama tae yoo argame, ”decree murtichi akka raawwatamu taasisu ni barreessu. Dhuma irratti buuura s/d/f/kew. 181 (1) tiin abbootiin seeraa murticha kennan hundi mallattoo isaani ni kaau. Murtiin kenname sagalee caalmatiin yoo tae ammo murticha sagalee caalmatiin kennamun isaa murticha irratti erga ibsameen booda abbaan seeraa yaadan adda bae yaada isaa abbootii seeraa kaanin gar-gar baasee san barreeffame murtichan wal-qabatu barreessudhan mallattoo isa itti ni mallattessa. Kun hundinu erga taen booda murtiin kenname guyyaa beellamaa dhaddacha ifa irratti ni dubbiifama. 

Akkaataa kanaan haalli addaa akkuma jirutti tae sirni kenniinsa murtii sadarkaa duraa himatni/iyyatni tokko erga dhihaatee kaasee hanga murtiin kennamutti adeemsa jiru kan haaguguu yammuu tau qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa qabxiilee akkamii hammachuu akka qabu sirna kenniinsa murtii kanarraa hubachuun ni dandayama.

Biyyootni baayen qabiyyeen murtii qabxiilee akkamii hammachuu akka qabu seerota deemmii isaanii keessatti tokko tokkoon ifaan kaayu. Fakkeenyaaf, seera deemmii biyya Hindii fi Paakistaan caqasuun ni dandayama. Qabxiileen kunis ulaagaalee seeraa (legal requirements) barreeffamni murtii tokko dirqama guutuu qabuudha. Kana waan taef abbootiin seeraa biyya Hindii fi Paakistaan murtiileen isaan kennan buuura seerichi ajajuun qabxiilee hammatamu qaban hammachuu isaanii dirqama mirkaneeffachu qabu jechuudha.   

Gaaffiin biyya keenyaatti ulaagaaleen seeraa barreeffamni murtii tokko guutuu qabu jiru? kan jedhuu dha. Seerota deemmii sakattaun gaaffii kanaaf deebii laachuun ni dandayama. Haaluma kanaan qabiyyeen murtiin sivilii sadarkaa duraa (murtii ol’iyyannoo dabalatee) qabxiilee akkamii hammachu akka qabu seerichaan tumameera (Kew.182 fi 183). Akka tumaalee seeraa kanaatti  qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa duraa wal-duraa duubaan:

Firii dubbii

Ijoo dubbii

Xiinxala

Guduunfaa

Decree hammachu qaba.

Kun dhimma seeraan tumamee jiruudha. Kana waan taef akkuma biyyoota birooti biyya keenyattis barreeffamni murtii tokko ulaagaalee seeraa guutuu qabu jiru.  Kallattii kanaan seerri deemmii sivilii hanqina tokko tokko kan qabu taus barreeffamni murtii sivilii tokko ulaagaaleen seeraa akkamii guutuu akka qabu inni seera deemmii sivilii kew.182 fi 183 jalatti tumamee kun murtii tokko keessatti qabxiilee hammatamu qaban ilaalchisee isa hayyootni dhimmi ilaallatu harka caala irratti waliigalan wajjiin kan walsimuudha. Dabalataaniis qabiyyeen murtii tokko  seensa hammachuu akka qabu barreessitooni ibsan jiru. Barreessa qabxiilee kanaas, seensa dabalate, akka itti aanu kanatti ilaalluuf yaalla. Dura seensa.

Seensa

Seensi murtii (introduction/opening of the judgment) mata duree murtii jedhu jalatti jalqaba kan barreeffamuudha. Seensi carraa jalqabaa miira dubbisootaa itti harkifamudha. Nama murticha dubbisuuf dhimmichi maal akka tae gabaabumatti fi ifatti sadarkaa itti himamudha. Seensi dansaan maalummaa dhimmichaa seenneessudhaan (like story) falmitootaa fi abukaattoo isaanii ykn dubbistootaa kan himuudha. Seensi murtii maal hammachu akka qabu oggeessii seeraa tokko:

“A judgment should begin with brief introduction of the case history, such as what is its nature; whether Civil or Criminal etc. what is its stage, whether trial of a criminal case or an orignal suit, appeal or revision and if trial whether regular or summary. If it is not orignal jurisdiction, it should indicate as to how and when it reached the stage of appeal or revision” jechuudhaan haala gaariin ibsaniiru.

Seensii murtii kutaa murtii seenaa dhimmichaa (amala dhimmichaa) fi dhimmicha irratti aangoo manni murtichaa qabu (kan jalqabaa ykn ol’iyyannoo) tau isaa kan itti ibsamu akka tae ibsa kanarraa hubachuun ni dandayama. Dabalataanis seensa murtii keessatti gaaffii seerummaa manni murtichaa mirkaneessuu qabu fi ijoo dubbii ibsamuu akka qaban oggeessooni ibsan jiru. 
Haa tau malee akkuma armaan olitti tuqameetti qabiyyeen murtii seensa hammachuu qaba isa jedhu irratti hayyoota dhimmii ilaalatu jiddu waliigalteen hin jiru. Hayyootni tokko tokko qabiyyeen murtii seensa hammachuu qabaa yammuu jedhan hayyootni biroo ammoo qabiyyeen murtii dirqama seensa hammachu hin qabu jedhu. Akka hayyoota kanaatti seensa murtii barreessuun yeroo hunda barbaachisaa akka hin taane fi murtii tokko firii dubbii barreessuun eeggaluun ni dandayama. Yammuu barbaachisaa tae argame ammo seensii murtii himaa tokko ykn lama caalu akka hin qabu jedhu.  Kunis seensii murtii gar-malee dheerachu hin qabu jechuudha.
Seensa murtii wajjin walqabatee qabxiin ilaalamu qabu kan biroo jalqaba murtiiti (beginning of judgment). Seensa dura murtiin tokko jalqaba qabaachu akka qabu seerota deemmii biyyoota baaye keessatti dhimma tumamedha.  Jalqabni murtii maal hammachu akka qabu fi faayyidaan isaa maal akka tae oggeessi seeraa tokko:

“A judgment, at the top of it, should always contain the name of the court, title and number of the case which is being decided and also the name and designation of the judge concerned. This is necessary so that it is known as to judgment pertains to which matter and has been decided by which court and judge. It should also contain the date of the delivery of judgment” jechuun ibseera.

Mata duree murtii jedhu barreessun dura jalqaba isaa irratti maqaa mana murtii, iddoo fi guyyaa dhaddachi itti oolee, maqaa abbaa seeraa, maqaa falmitootaa, lakkoffsa galmee barreeffamu akka qabu ibsa kanarraa hubachuun ni dandayama. 

Qabxiilee Marii

S/d/f/s/kew. 183 jalatti buuura tumameen decree tokko irratti lakkofsii galmee, maqaan himataa fi himatamaa fi qabxiileen barbaachisoo taan akkana akka barreeffaman kan tumame yoo tau murtiin tokko garu qabxiilee akkaana hunda qabachu qaba jedhe wanti lafa kaayu hin jiru. Tumaa kana akkamitti madaaltu? Murtiin tokko yammmu barreeffamu maqaa mana murtii, lakkoffasa galmee, dhaddacha, maqaa abbootii seeraa murticha kennaan, maqaa gareewwan falmitootaa fi guyyaa murtichi itti kenname akka hammatu gochun barbaachisaadha jettu? Maaliif? Muxannoon jiru maal fakkaata?

Buuura s/d/f/s/ qabiyyee murtii sivilii sadarkaa duraa seensa akka hammatu gochuun ykn barreessuun dirqamaa? Muxannoon jiru hoo maal fakkaata? 

Manneen murtii tokko tokko murtii (ፍርድ) isa jedhu barreessuun dura “ውሳኔ“jechuun himatni himatamaa kufaa ta’u ykn himatamaa irratti murtiin itti gaafatamummaa kennamu isaa/ol’iyyata yoo tae murtiin jalaa cimu ykn diigamu isaa ykn fooyyauu isaa ibsuun jalqabu. Fakkeenyaaf, murtii manneen murtii fedeeraalaa caqasuun ni dandayama. Malli barreessa murtii kun gaariidha jettu? Maaliif?   

Firii dubbii 

Akkuma armaan olitti tuqameetti seensa murtiiti aanee kan barreeffamu firii dubbiiti. Firii dubbii kunis wanta dalagame, gocha raawwatame ykn taee muudate (incident taken place) tauu ni dandaa. Firiin dubbii wanta qabatamaan jiru fi miira namaatiin hubatamuu (perceived) dandauu dha. Kanaaf, firiin dubbii yammuu jennu falmiilee seeraa kan hin tain ragaa garee falmitootaan mirkannaau ykn diigamu kan dandayan ykn dhimma ykn wanta ragaadhaan hubachiisuun dandayamu akka tae hubatamu qaba.  
Maddii firii dubbiis himata/iyyata, deebii, falmii afaanii fi ragaa barreeffamaa fi jecha shaayidootaa tau akka dandayuu fi murtiin firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf barbaachisoo taan qofa hammachu akka qabu kutaa darbee keessatti ibsameera.  Firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf barbaachisaa hin taane murtii keessatti barreeffamu hin qaban jechuudha.
Kana waan taef abbaan seeraa murtii barreessuun dura himata/iyyata, deebii himatamaa, falmii afaanii gaggeeffamee fi ragaalee bitaa fi mirgaa sirritti qorachuun firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf rogummaa qabanii fi hin qabne addaan baasuu qaba. Kanaan booda firiiwwan dubbii dhimmicha murteessuuf rogummaa qaban filuun gabaabinaan murtii keessatti galmeessuu qaba. Yeroo caqasuun barbaachisaa tae yoo argame firiiwwan dubbii barbaachisoo taan kun buuura yerootiin dabaree dabareen walduraa duubaan barreeffamu qabu.
Barreessa firii dubbiin walqabatee qabxiin xiyyeeffanaan itti kennamu qabu qabiyyee firrii dubbiitti. Murtii keessatti firiiwwan dubbii qabiyyee isaanii otoo hin jijjirin haaluma iyyata/himata/deebii/ falmii falmitootaatiin bifa seenessuutiin barreeffamuu qabu.  Asirratti abbaan seeraa aangoo firii dubbii hiikuu akka hin qabne hubatamu qaba. Seera hiikuuf aangoon kennameef firii dubbii galmeessuu qofa godhame fudhatamu qaba.  Gabaabummatti abbaan seeraa firiiwwan dubbii rogummaa qaban filee yammuu galmeessuu qabiyyeen firiiwwan dubbii irratti jijjiramini akka hin jiraanee of eeggannoo olaanaa gochuu qaba.  Akkasumas, abbaan seeraa firiiwwan dubbiif amanamoo tau qaba. 
Akkaataa kanaan firiiwwan dubbii rogummaa qaban filuun gabaabinaan galmeessun beekumsaa seeraa qofa osoo hin taane muxannoo gayaa tae barbaada. Firii dubbii barbaachisoo taan filachuun guuduunfaa irra gahuunis hojii of eggannoo barbaaduudha. Guduunfaa irra gahuuf kaumsi ragaadha. Guduunfaan firii dubbii mataa isaa hiikkoo kan hin qabne waan taef guduunfaan firii dubbii gama guduunfaa seeraati jijjiramu qaba. Bifa kanaan yoo ilalluu firiin dubbii ijoo dubbii falmichaatiif furmaataas kan kennuu akka tae hubatamu qaba. 
Karaa biyya keenyaatti yammuu deebinu sirna seeraa biyyii teenya hordoftu irraa kan kae akka sirna Common Law tii manneen murtiiti dhimmooni dhihaachuun dura firii dubbii irratti qaamni murtii kennu hin jiru. Kana waan taef abbootiin seeraa mana murtii sadarkaa duraa iyyannoowwan, ragaalee fi falmiiwwan afaanii dirqama dhagayuu fi qoratuu qofa osoo hin taane murtii isaanii keessattii firiiwwan dubbii dirqama barreessu qabu. Kunis s/d/f/kew.182(1)  jalatti Provided that a judgment given in first instance shall contain a concise statement of the case jechuun haala ifa taen tumameeraa. Qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa duraa firii dubbii hammachuu qofa osoo hin taane murtii keessatti firii dubbii haala akkamiin barreeffamu akka qabu tumaa seeraa kanarraa hubachuun ni dandayama. Akka tumaa kanaatti murtii keessatti firiiwwan dubbii gabaabinaan barreeffamuu qabu. Tumaan seeraa kunis tumaa diriqisiisaa akka tae hubatamu qaba. 
Ijoo dubbii 

Firiiwwan dubbiiti aanee qabxiin murtii keessatti barreeffamuu qabu ijoo dubbiiti.  Ijoo dubbii jechuun qabxii falmitoonni irratti walii hin galaniifi murtii mana murtii kan gaafatuudha. Jecha biraatiin ijoo dubbi qabaachuu kan qabnu gaaffii buuuraa (material proposition) garee falmii tokkoon dhiyaate garee kaniin yoo waakkatameedha. Gaaffiin buuura kun gaaffii firii dubbii ykn seeraa tauu ni dandaa. Gaaffiin tokko kan buuuraati kan jedhamus, himataan mirga himachuu isaa agarsiisuuf dirqama gaaffii dhiyeessuu qabuu fi himatamaan ofirraa ittisuuf qabxii dirqama deebisaa keessatti caqasuu qabuu dha. Ijoon dubbii kun ijoo dubbii firii dubbii ykn ijoo dubbii seeraa ykn immoo lameenuu tauu ni dandayu.  
Deebiin ijoo dubbiitiif kennamu eenyu itti gafatamummaa akka qabu murteessuuf waan gargaaruuf ijoo dubbii yammuu qabamu garee (falmitoota keessaa) dirqamni hubachiisuu ykn dhugoomsuu (burden of proof) irratti kufu haala ibsuun tauu qaba. Deebisaan ijoo dubbii buaa seeraa ni qaba jechuudha. 
Kanaafi murtii barreessuuf dura ijoo dubbii maal akka tae addaan bahuu qaba. Abbaan seeraa dhimma harkaa qabu irratti ijoon dubbii qabamuu qabu maal akka tae fi ijoon dubbichaas haala akkamiin ibsamuu (kaayamu) akka qabu osoo hin beekini ykn addaan hin baafatini murtii barreesuuf jalqabu hin qabu. Ijoo dubbiichaa osoo addaan hin baafatini abbaan seeraa murtii barreessuu eegaluu nama farda luggaama hin qabne yaabate” dha.
Ijoon dubbii bifa gaaffitiin ykn wanti tokko tau isaa/tau dhabu; jiraachu/jiraachu dhabuun fi kkf.. himaa jedhuun kaayuun  ni dandayu. Yammuu kana ijoon deebii barbaadu kan seeraa fi firii dubbii tae guduunfaan gaaffii seeraa buaa yeroo kan ilaallatu taa. 

Ijoowwan dubbii hundu falmii dhihaate wajjiin firooma qabaachuu isaanii; gareewwan falmii ijoo qabxii irratti wal-dhaban ifatti kan argisiisu, akkasumas bitaa fi mirgi akka hubatan haala salphaa taen hundeessun barbaachisaa dha. Gareewwan falmitootaa ijoo dubbii hundeeffame hubachuun isaanii ragaa akkamii dhiheessu akka qaban waan gargaaruuf qabxii xiyyeeffannoon itti kennamu qabuudha.

Ijoon firii dubbii haala yeroon, iddoon fi wantoota gama ilaalluun qooqa ifa taen hundaau qabu. Ijoon dubbii seeraatiis bifuma wal- fakkaatun ogummaa seeraa jiddugaleessa godhachudhaan qooqa ifa taen hundayutu irra jiraata. Hayyuun seeraa Robert A. Sedler jedhamu kitaaba isaa Ethiopian Civil Procedure jedhu keessatti ijoo firii dubbii fi seeraa hundeessuu ilaalchisee:

Issues of fact should be framed in a language which is precise, accurate, and specific in respect of time, place, persons, things and circumstances, whenever material. Similarly issues of law should be framed in a language which is accurate, technical, and precise so that the issue may be capable of being understood and answered without further explanation, jechuun sirritti ibseera.

Ijoon dubbii gagabaaboo fi dhiphoo yoo taan filatama. Ijoowwan dubbii gar-malee kan dhedheratan tau hin qaban. Gaaffiileen himataan dhiyeessu baayina yoo qabatan fi himatamaan tokkon tokkon isaa kan waakkatte yoo tae manni murtii akkuma ulfina fi balina dhimmichaatiin ijoowwan dubbii sadarkaa sadarkaadhan tarreessudhaan hundeessu qaba. Ijoowwan dubbii himata akkana irratti hundayan bifa waliigalaatiin (in general terms) tau hin qaban. Kunis  qabxiilee falmii keessatti kaan tokkon tokkon isaanii ifatti ibsuuf gargaara. 

S/d/f/s/ keessatti qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa duraa ijoo dubbii hammachuu akka qabu qofa osoo hin taane ijoo dubbii sadarkaa kamittii fi haala akkamiin hundaau akka qabu tumameera. Falmiin erga xummurame booda murtii barreeffamu keessatti ijoo dubbii buaa qabeessa taen barreessuun akka dandayamu sirni murteessaa tae fi bira darbamu hin qabne jira.  Sirni kunis sirna dhagaya himatnaa duraa s/d/f/kew. 241 jalatti tumameedha. Manni murtichaa buuura s/d/f/s/ kewwata 241 himanni yeroo duraatiif yammu dhagahamu dhimmoota ifa hintaane (firii dubbii) kan amanaman ykn kan waakkataman calalee baasudhaan kan qulqullauu malanis akka qulqullaan ajajudhaan dhuma irratti ijoo dubbii ifa tae hundeessu qaba. Akkasumas, ijoowwan dubbii xiqqeessuudhaafi dhiiphisudhaaf manni murtii qorannoo akkaataa tuma s/d/f/s/kew. 241 tiin taasifamu irra darbu hin qabu. Bifa kanaan kamitu qabxii falmii buaa seeraa qabu akka tae fi eenyu dirqama amansiisuu akka qabu calalaanii baasun ni dandayama. 

Qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa duraas ijoo dubbii hammachu akka qabu s/d/f/kew.182(1) jalatti “The judgment shall contain the points for determination. jechuun tumameera. Tumaan kunis tumaa diriqisiisaa waan taef murtii siviilii sadarkaa duraa keessatti ijoon dubbii maal akka tae karaa ifa taen barreeffamu qaba. Kun dirqama abbaa seeraa seeraan irratti gatameedha. 

Xiinxala 

”It is not a sufficient reasoning just to use the phrase: having seen all facts and the law the court decides. In judicial proceedings, there can not be arbitrary orders. A judge can not merely say suit dismissed or suit decereed. The whole process of reasoning has to be set out for deciding the case one way or the other.

Murtii keessatti ijoon dubbii erga ibsame booda hojiin itti aanu ijoo dubbiitiif deebii kenuudha. Seera barreeffama murtii keessatti iddoo adda (separate section) kennuufiin barbaachisaa akka hin taane barreessitooni baayen ni ibsu. Seerri kutaa xiinxalaa keessatti yammuu ijoo dubbiitiif deebiin kennamu waliin kan ilaalamu taa jedhu. Seera yammuu jennu keewwata seericha akkuma jirutti barreessuu otoo hin tain yaada seerichaa dhimmicha waliin deemu qofa filannee akka gaaleeti (parapharse) hundeessuudhaan dhimmichaan walisimsiisuu qabna. 

Kutaan xiinxalaa kun gareen kamiiyyuu yoo mooate olaantummaa seeraa buuurefatee akka tae agarsiisa. Kutaan kun murtii keessatti kutaa sababootni murtii (reasons) itti ibsamanii dha. Kutaa kanaan ala murtii yaaduun hin dandayamu. Murtiin himatni himataa fudhatama hin qabu, ykn falmiin himatamaadhaa fudhatama hin qabu jechuun kennamu hin qabu.  Murtii keessatti himatni himataa ykn falmiin himatamaan maaliif fudhatama akka dhabee ibsamuu qaba. Sababni murtiis manni murtichaa ijannoon bitaa fi mirgaa sirritti ilaaluu isaa kan amansiisu tau qaba. Sababni murtii firiiwwan dubbii garee tokko irraa dhihaatan isa garee kaaniin dhihaatan caala maaliif murtichaaf barbaachisaa akka taani fi isaan kaan ammo maaliif barbaachisaa akka hin tain kan mulisu tau qaba. Dabalataaniis sababni murtii raawwatamummaa tumaalee seera dhimmichaaf rogummaa qaban  kan mulisu tau qaba.

Murtii sababaan deeggaruun barreessuun faayidaa adda addaa qaba. Kana keessaa tokko faayidaa ummataaf qabu dha. Iftooma diriirsuu fi amantaa ummataa horachuuf abbootiin seeraa murtii isaanii sirritti ibsuuf dirqama qabu. Ummatni waan manni murtii hojjataa jiruu fi dhimmi tokko maaliif akkasiiti akka murta’ee beekuuf mirga qaba. Mirga kana dhugoomsuuf ammo murtiin mana murtii sababaan kan deeggarame tauu qaba.

Inni lammaffaan namni (gareen) itti murtaae maaliif ykn sababa itti murtaae irraa shakkii qabaachuu hin qabu. Gareen falmii hariiroo hawaasaatiin beenyaan ykn maallaqaa akka kaffalu itti murtaaees mirga sababa murtichaa beekuu qaba. Kanaaf jecha abbootiin seeraa murtii sababaan deeggaruun barreessuuf isa moo’ameef dirqama qabu. 

Sadaffaan ammoo dirqama mirga ol’iyyannoo bu’aa qabeessa gochuuti. Manni murtii ol’iyyannoo dhagayu seeraa fi firii dubbii manni murtii jalaa bu’uurefatte akka qoratu taasisuuf murtiin haala ifa taeen sababaan deeggaramee barreefamuu qaba. Kanaaf ammo manni murtii jalaa murtii yammuu barreessu firii dubbii (facts) sirnaan bittineessee ibsu qaba. Kana yoo hin tain mirgi oliyyannoo falmitootaa bua qabeessa hin tau. Sababni murtichaa otoo hin ibsamin ykn ifa yoo hin tain gareen irratti murtaae, murtichatti amanee fudhachuu ykn komatee oliyyannoo fudhachuuf baayee kan rakkisuudha.  

Afraffaa adeemsii sababa murtii barreessuu murticha murtii gaarii akka tau godha. Himatni himataadha ykn falmiin himatamaa kufaa tauu ykn fudhatama qabaachu isaa ibsuun salphaadha. Maaliif akka kufaa tae ykn fudhatama argatee murtii keessatti ibsuun ykn sababa gayaa tae kaayuun ammoo salphaa miti. Sababa kaayuun ammo yaaduu gaafata. Barreessuun ammoo yaaduudha (Writing is thinking). Gabaabumatti abbaa seeraa irratti dirqama murtii sababaan deeggaruun barreessuu gatamuun isaa abbaan seerichaa duraan dursee dhimmicha sirritti qorachuun yaada ifaa fi qajeeloo tae akka qabaatu godha.  Haala kanaan murtii barreessuun dura iftoomni yaadaa (clearity of thought) jiraachuun murtii dansaa kennuuf murteessaa akka tae hubachuun nama hin rakkisu.    

Karaa biraatiin sababa yammuu kenninu, hangam jechuutu nurra jiraata? gaaffiin jedhu ka’uun isaa hin oolu. (How much we should say in giving reasons). Kun akkaataa ykn gosa dhimmichaa fi ijoo dubbichaas irratti hundauun kan murtaauu dha. Dhimmichi ulfaataa fi walxaxaa yoo tae ykn qabxiin seeraa (ijoon seeraa) ulfaataa ykn falmisiisa tae yoo jiraate ykn ragaan walfaallessu ykn shaayidni murteessaa tae qabxii murteessaa ta’e irratti jecha ragummaa walfaallessu yoo kenne sababani kennamu heddu ykn bal’aa ta’u ni dandaya. 

Karaa biraatiin garuu, sababni murtii falmii galmeerratti adeemsifamaa ture irraa akka salphatti kan hubatamu yoo tae;  mooaa fi mooamaan sirritti ifa yoo tae ykn seerri dhimmichi ilaallatu ifa (clear) yoo tae, ykn ragaan murteessaan falmisiisaa yoo hin tain sababa heddu ykn bal’a ta’e barreessuun barbaachisaa miti.

Qabiyyee murtii sivilii sadarkaa duraa xiinxalaa hammachu akka qabu s/d/f/s/kew.182(1) jalatti “The judgment shall contain. the decision thereon and the reasons for such decision” jechuun ifatti tumameera. Abbootiin seeraa biyya keenyaas murtii sababaan deeggaruun dirqama barreessuu akka qaban tumaa kanarraa hubachuun ni dandayama. 

Murtii keessatti sababootni murtichaa ibsamu akka qabanii fi kunis ulaagaalee seeraa qabiyyeen murtii tokko guutuu qabu akka tae konnveeshini mirga namoomaa addunyaa keessattiis dhimma xiyyeeffanaan itti kennameedha. Fakkeenyaaf, Konveeshinii Mirga Sivilii fi Siiyaasaa Addunyaa (ICCPR) kew.14 caqasuun ni dandayama.

Guduunfaa

Xiixaalatti aanee kan dhufuu guduunfaa dha ykn murtii (decision) mana murtichaati. Guduunfaan buaa xiinxala firii dubbii fi seeraatii. Gaaffii seeraatiin guduunfaan irra gayamu guduunfaa firii dubbii hundee kan godhatedha. Guduunfaan firii dubbii irra gayamu bilisummaa abbaa seerummaa hunde kan godhatee osoo hin taane ragaa dhihaate hundee kan godhatee akka tae hubatamu qaba. Guduunfaan jecha Kanaafuu” fi jechoota kkf jalqabuu qaba malee jechoota“Haa tau malee “Kanaas tae kaanfi kkf… kan of duuba deebiu tau hin qabu.  

Qabiyyee murtii sivilii sadarkaa duraa qabxiilee hammachu qabu keessaa tokko guduunfaa akka tae s/d/f/kew.182(1) jalatti The judgment shall contain. the decision thereon.jechuun is tumameera hubachuun ni dandayama. 

Decree”

Seera deemmii falmii siviilii biyya keenyaa keessatti kutaan murtii afaan Ingiliffaan decree  jedhame moggaaffame kana barreessitooni tokko tokko afaan Ingiliffaan execution oder/operative part/decretal part of judgment jechuun ibsu. Kutaan murtii kun maal akka tae fi haala akkamiin barreeffamu akka qabu barreeffama tokko keessatti: 

“This part of judgment formulates the decision the judge has made. It informs the parties exactly about what the court orders them to do and how the decision shall be executed. The given order must be enforceable, this means it has to be very precise, naming exactly the parties, their duties, the deadlines, the amounts of money, the interst rates to be paid, etc. It must be clear for the enforcing court or the enforcement agents without any futher discussion what the obligations the parties have to fulfill according to the decision. Any vague formulation of an execution order could cause the parties to start a new dispute about the execution and the contents of the decision”jechuun haala guutummaa qabuun  ibsameera. 

Kutaan murtii kun garee falmitootaa irraa maal akka barbaadamu fi maal raawwachuu akka qaban; murtichi haala akkamiin raawwatamu akka qabu; falmitoota keessaa eenyu raawwachu akka qabu fi yeroo itti raawwatamu qabu ittiin ibsamu akka tae barreeffama kanarraa hubachuun ni dandayama. 

Kutaan murtii kunis hanga dandayameetii gabaabatee akka raawwiif mijaayutti barreeffamuu qaba. Akkasumas, ifa taee garee hundinuu waan isaan argachuu qaban/argachuu hin qabne kallattiidhaan kan ibsu tau qaba. 

Hundeen decree murtii akka tae fi qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa duraa decree hammachu akka qabu seerichaan tumameera (Kew.183). 

Qabxiilee Marii

Qabiyyee murtii siviilii sadarkaa duraa keessattii qabxiilee hammatamu qaban ilaalachisee tumaalee s/d/f/s/ akkamitti madaaltu?

Manni murtii Feedeeraalaa gaaffii ragaan dhaaltummaa kenname haqamu qaba moo hin qabuu gaaffii jedhuun walqabatee galmee tokko keessattinamni bifa kamiinu (dhaamoodhaan ykn dhaamoo malee) dhaaltuu ta’ee dhaaltuu ta’uu isaa kan agarsiisu ragaan dhaaltummaa akka kennamuuf gaaffii dhiheessuu hundee godhachuudhaan ragaa kennuu jechuun akka s/d/f/s/kew.3 “murtii” kennuu miti. Akka s/d/f/s/ dhimma sivilii irratti murtii kennuuf duraan dursee himatni dhihaachu qaba; erga himatni jiraatee ammoo himataa fi himatamaan gareen jedhaman akka jiraatan; kana jidduutti kan madaalamu mirgaa fi dirqama himataa fi himatamaa akka ta’ee; adeemsa kana keessatti falmiin bitaa fi mirgaa fi ragaan ni dhagayama. Kanaafuu, bu’uura s/s/kew/996 ragaa dhaaltummaa kennamee akka ragaa sanadaa ykn barreeffamaa tokkooti kan ilaallamu dha jechuun murtii kenneera. Murtii kana akkamitti madaaltu? Dhimmoota sirna ariitii ilaallamu qaban irratti murtiinkennamu murtiidha moo? Miti? Murtiidha kan jedhamu yoo tae murtii dhimma siviilii sirna idilee fi ariitiin kennamu qabiyyeen isaanii garaagarummaa qaba? Qaba kan jettan yoo tae garaagarummaa isaanii ibsaa. 

Qabiyyeen murtii sivilii sadarkaa duraa qabxiilee akkamii hammachu akka qabu   haala dirqisiisaa taen seera deemmii falmii siviilii keessatti tumameera. Akka tumaan seerichaa ajajutti murtiin hin barreeffamnee buaan isaa maali? Fakkeenyyaf, biyyoota tokko tokko keessatti murtiin tokko sababaan kan hin deeggaramne yoo tae manni murtii oliyyannoo dhagayu kannuma qofa sababa gochuun murticha diiguu ni dandaya. Fakkeenyaaf, Kaanaadaa caqasun ni dandayama. Biyya keenyatti hoo manni murtii ol’iyyannoo dhagahuu murtiin jalaa sababaan hin deeggaramne jechuun qofa diiguu ni dandayaa? Murtii sababaan deegaruu dhabuun abbaa seeraa irratti itti gaafatamummaa hordofsiisu dandaya? 

Manni murtii falmiin akkuma xumurameen hoggaasuma ykn bellama gabaabaattii murtiin barreeffame erga mallattae booda dhaddacha ifa taen kennuu akka qabu seera biyya keenyaaf fi seeroota biyyoota biroo keessatti dhimma tumameedha. Kun murtii gaarii barreessuuf faayidaan qabu akkamitti ibsama? Gama kanaan murtii gara mana galmeetiin dhagayaa jechuun muxannoon jiru akkamitti ilaalama? Murtii hin mallattaayiin buaan seeraa qabaa? Kallattii kanaan rakkinni jiru maali?
2.2.2. Qabiyyee fi barreessa murtii yakkaa sadarkaa duraa

S/d/f/yakkaa keessatti hiikni murtiif kennamee hin jiru. Haa tau malee s/d/f/s/kew. 136-149 keessatti akka tumametti sirni ragaan ittiin dhihaatu fi akkataa murtiin ittiin kennamu tumameera. 

Murtii yakkaaf kaumsi abbaan alangaatiin ykn miidhamaa dhuunfaatiin himata buuurefamudha.  Harka caalaa garuu, himatni yakkaa abbaa alangaatiin buuureffama. Haaluma kanaan himannaan yakkaa tokko yammuu buuureffamu abbaa alangaa dhimmoota s/d/f/yakkaa kew. 111 jalatti tarreeffameen guutamu isaanii erga mirkaneesseen booda himannicha mana murtiif ni dhiyeessa. 

Himatamaan gocha ittiin himatame yoo waakkate abbaan alangaa ragaa isaa akka dhageessifatu ni ajajama. Ragaan abbaa alangaa dhiheessee himatamaa irratti yoo mirkaneesse, himataan akka ofirraa ittisu ni ajajama. Himatamaan ragaa ittisaa yoo hin dhiyeefane ykn ragaan inni dhiyeesse himatamichi gocha ittiin himatame sana raawwachuu dhabuu isaa kan hin argisiisne ykn amanamummaa ragaa abbaa alangaa shakkii keessa kan hin galchine yoo tae, balleessaa jedhamuu dhaan irratti ni murtaaa. Itti aansudhaanis adabbiini badii raawwateen wal-madaaluu irratti ni murtaaa.

Buuuruma kanaan qabiyyee murtii yakkaa sadarkaa duraa keessatti qabxiileen hammatamu qaban:

Guyyaa murtichi itti kennamee;

Ibsa ragaa gabaabinaan(summary of the evidence);

 Sababa ragaan dhihaate fudhatama itti argatee (reasons for accepting);

Sababa ragaan dhihaate fudhatama itti dhabee(reasons for rejecting);

Kewwata seeraa murtichi hundee godhatee;

Kewwata balleessaa itti jedhamee (yoo himatamaan balleessaadha jedhamee);

Adabbii salphisuu fi cimsuuf yaadoota kennamani fi kanuma mirkaneessuuf ragaa dhihaatee;

Himatamaan balleessaa taee yoo argamuu baate bilisa tau isaatii fi mana hidhaatii (yoo achi ture) akka bahu ajaja jedhu;

Mirgii ol’iyyannoo jiraachu isaa fi

Mallattoo abbaa seerichaa akka taan s/d/f/y/kew.149 irraa hubachuun ni dandayama.  

Qabxiilee Marii

Qabiyyee murtii yakkaa sadarkaa duraa keessatti qabxiilee hammatamu qaban isaanuma s/d/f/y/kew. 149 jalatti ibsaman qofa? Kan biroo hin jirani? Murtii yakkaa sadarkaa duraa keessatti maqaa mana murtiichaa; eenyummaa himatamaa; iddoo fi yeroo yakkichi itti raawwatamee; kewwata seeraa darbee ykn cabsee; himatamaan haala /amanee/ falmu isaa; himatamaan mormiin dhiheessee yoo jiraatee murtiichii jiraachu isaa gabaabinaan; dhimmoota falmiin irratti gaggeeffame (fakkeenyaa, umurii, fayyaa) yoo jiraatan falmii isaanii fi murticha dimshaashaan akka ibsamaa jiru muxannoo jiru irraa ni hubatama. Muxannoon kun hundee seeraa qaba? Kallattii kanaan s/d/f/y/akkamitti madaaltu? 

Qabiyyee murtii sivilii sadarkaa duraa fi murtii yakkaa sadarkaa duraa garaagarummaa qabu? Hin qabu kan jedhamu yoo tae s/d/f/kew/149 jalatti qabxiilee ibsaman firii dubbii, ijoo dubbii, xiinxala, guduunfaa fi decree jechuun addaan baasuun kaayaa. Murtii yakkaa keessatti qabxiileen kun haala akkamiin barreeffamuu qabu? Keessaahuu, barreessa firii dubbiin walqabatee murtii keessatti ibsii raga gabaabinaanakkamitti barreeffamuu qaba? Barreessii murtii yakkaa akka waliigalatti ykn barreessii qabxiilee murtii yakkaa keessatti hammatamu qabani barreessa murtii sivilii sadarkaa duraa irraa addaan baatee qabaa? Kallattii kanaan seerichi maal jedha? Muxannoon jiru hoo maal fakkaata? 

Dhimma yakkaa irratti murtiin haala afaaniin itti kennuun dandayamu jiraa? Qabiyyee murtii yakkaa sirna idileen kennamuu fi sirna addaatiin kennamu jiddu garaagarummaan jiraa? Ni jira kan jettan yoo tae tumaa seeraa caqasun ibsaa.

Murtii yakkaa sababaan deeggaruun barreessuun kaayyoo seera yakkaa wajjiin walqabatee faayida qabu ibsaa.

Qabiyyee fi barreessa murtii ol’iyyannoo/ijibbaataa

Hojiin muummeen manneen murtii sadarkaa olaanaa irratti argamani dhimmoota sadarkaa jalatti ilaalaman ol’iyyannoon ilaaluudha. Manni murtii ol’iyyannoo dhagahu dhimma tokko yammuu ol’iyyannoon ilaalluu mata durummaan hojii keessa deebiutti kan raawwatu. Kanaaf ammoo manni murtii ol’iyyannoo dhagahu yeroo baayee garagalchaa galmee mana murtii jalaa ni qorata. 
Buuuruma kanaan manni murtii oliyyannoo dhagayu garaglcha galmee mana murtii ykn manneen murtii jalaa qorachuudhaan murtii jalaa seera muummee sirritti hiikuun, seera deemmii falmiilee hordofuun fi ragaa qixa sirriitti madaaluun murtii kennuu isaa/nii ni sakattau. Sana booda akkuma haala isaatti murtii mana murtii jalaa ni fooyyeessu, ni haqu (diiguu); irra deebiamee ilaallamee akka murtaauu fi qulqullaaee akka deebiuuf gochuuf aangoo ni qaba.  
Dhaddachi ijibbaataas murtiin jalaa dogongora seeraa buuraa kan qabu tau isaa yoo hubatee murtii jalaa ni diiga ykn ni fooyyeessa. Dogongora seeraa kan hin qabne yoo tae ammo ni cimsa.
Akkuma murtii sadarkaa duraatti qabiyyeen murtii ol’iyyannoo/ijibbaataa:

Ijoo dubbii;

 Firii dubbii

Xiinxala fi 

Guduunfaa/disposition/ akka hammatu tumaalee seerota deemmii irraa hubachuun ni dandayama.

Kanaafuu, barreessa murtii sadarkaa duraa ilaalchisee inni kanaan olitti jedhamee hundii barreessa murtii ol’iyyannoo/ijibbaataas kana ilaallatu waan taef qabxiilee kana keessaa barreessa guduunfaa qofa gabaabinaan ilaalluf yaalla. 
Ol’iyyata sivilii ilaalchisee manni murtii oliyyannoo dhagahu murtii ol’iyyannoon dhihaateef cimsu; fooyyeessuu; jijjiiruu ykn diiguu akka dandayu seerichaan tumameera (Kew.348(1)). Kana malees ijoon dubbii sirreeffamee ykn falmiin gaggeeffamee murtiin akka kennamu dhimmicha gama mana murtii jalatti gaddeebiisu ni dandaya (Kew.341 fi 343). Aangoon kunis manni murtii ol’iyyannoo dhagayuu ol’iyyaticha erga qoratee booda ijjannoo isaa kan itti ibsuufi guduunfuudha. Ol’iyyata yakkaa ilaachisees haalli kun maal akka fakkaatuu s/d/f/y/kew.195 irraa hubachuun ni dandayama. 

Barreessa murtii ol’iyannoon/ijibbaataan walqabatee qabxiin ilaalamuu qabu oliyyannoon/ iyyannaan tokko kan hin dhiyeessisne taee yoo argame ajajinni oliyyatni ykn iyyatni hin dhiyeessisuu jechuun kennamu kun haala akkamiin barreeffamu qaba kan jedhuudha. Fakkeenyaaf, manni murtii ol’iyyannoo dhagahu sababa ol’iyyaticha hin dhiyeessissu jedheef ibsuu qabaa? Qabxii kana ilaalchisee yaada lamatu jira. Inni tokko manni murticha sababa oliyyannichi dhiyessisu hin dandeenyeef tarreesse ibsu qaba kan jedhuudha. Kana yoo hin tain, ijjannoo mana murtii oliyyata dhagahuu sana beekun hin dandaamu. Abbaan dhimmichaatis dhimmichi isaa karaan ittiin mirkaneessu hin jiru. Waan taeefis sirna haqaa jiru irratti amantaa akka hin horanne ni taasisa. Akka yaada buuuraa namni oliyyatu tokko miidhameen jira jechuu isaa waan taeef manni murticha oliyyataan kan haqinni jala hin hiratne tauu isaa balinaan ibsuudhaan amansiisuutu irraa eeggama. As irratti manni murtichaa oliyyaticha dhihaate tokkoon ykn ammo jalqaba eegalee hanga yeroo sanaatti seenaa galmee turee eeruun osoo hin barbaachisin ijoo dubbii fi komii oliyyataa waliin madaaludhaan ajaja barbaachisaa taee bifa gabaabbateen teechisuun irra jira, ilaalchi jedhu ni jira. Kunis yeroo mana murtichi qusachuu irratti gumaacha mataa isaa ni qabaata. 

Inni lammaffaan ammo manni murtii oliyyannoo dhagahuu ijoo dubbii, xiinxala seeraa fi murtii manni murtii jalaa kenne guutamaan guututti kan fudhatu yoo tae oliyyannichi hin dhiyeessisu jechuun qofti gahaa dha. Sirumaayyuu manni murtii tokko oliyyannoo tokko hin fuudhu jechuuf sababa balaa taee ibsuudhaan ykn tarreessudhaan yeroon jalaa fudhatamu dhimmoota biroo sirnaan yeroo kanatti fayyadamuudhan akka hin ilaalle ni taasisa. Kanaafuu, manni murtii tokko oliyyannoo kan hin fuune yoo tae fuudhuu dhabuu isaa ibsuudhaan galmee sana cufuun gahaa dha jechuudhaan gareen falmanis ni jiru.

Iyyannoowwan dhaddacha ijibbataaf dhihaatanis bifuma kana keessummeeffamu ni malu. Dhaddachii ijibbaataa dhimmi dogongora seeraa buuura qaba jedhamee dhihaateef tokko dogongora buuura seeraa ni qaba jechuun iyyannichi kan dhiyeessisu tau isaa ibsudhaaf ibsa balaa kennun kan irra hin eeggamine taun isaa dhimma nama falmisisuu miti.

Haa tau malee iyyannichi hin dhiyeessisu kan jedhamu yoo tae qabxiileen kaan tokko tokkon isaan sababan deeggaramani ibsamu qaban moo? hin qabu? gaaffii jedhu irratti yaada lamatu jira. Inni tokkofan dhaddachi ijibbaataa iyyanni tokko dogongora buura seeraa hin qabu yoo jedhe, firii dubbii otoo hin tarreessin gabaabumatti qabxiileen iyyataadhan dogongora buura seeraa akka qaban ibsaman dogongora buura seeraa kan hin qabneedha jechudhan cufamu qaba. Kana yoo hin tain garuu, abbaan dhimma qabxiilee dogongora buuraa seeraa ni qabu jedhee mana murtiiiif dhiheesse, dogongora buura seera kan hin qabne tau isaa karan ittiin mirkaneeffatu hin jiru ilaalchi jedhu ni jira.

Inni lammaffaan ammo dhaddachi ijibbaataa, iyyannoowwan inni ilaallu manneen murtii nannicha hunda irraayyuu kan dhufan waan taeef, tokkon tokkon isaanitiif sababa dhihessisu hin dandeenyeef tarreessun humna nama hin jirreen walitti dabalame yommu ilaalamu hojiin dhaddachaa dhimmoota sadarka dhaddacha ijibbatattin dhihataan ilaallu dhiisudhan sababa iyyannowwan hin dhiyesisnee barreessu qofa irratti akka dangeeffamu ni taasisa jedhudha. Qixa haqatinis dhaddacha ijibbataa dhimma tokko hin fuudhu jechuudhan cufuu isaatin ykn dhimmicha yommu cufu sababa tarreessuu dhiisuun isaa haqa dhabeessaadha kan nama jechisisuu miti. Sirumaayyuu dhaddachi ijibbataa yeroo isaa dhimmoota hin ilaalle irratti qooda balleessu dhimmoota qoratu irratti yoo balleesse ni filatama. Hojimaatini akkanaa kun biyyoottan biroo keessattis sababa rakkina irra maddeen ittiin hojjatamaa waan jiruuf waanta balaleffamuu qabuu miti yaada jedhutu jira.

Karaa biraatiin manni murtii ol’iyyannoo dhagahuu murtii mana murtii jalaa yoo fooyyeessee ykn diigee fi gaddeebise tae kun raawwatamu isaa sababa gayaadhaan deeggaree mana murtii jalaaf ifa taee darbuu qaba. Akkaatuma kanaan manni murtii ol’iyyannoos dhagayuu kutaa murtii kana keessatti murtii hogguu fooyyessu hangam akka hirrise ykn dabale ykn iddoo kam akka diige ifatti barreessuu qaba. Akkasumas galmee mana murtii jalatti yoo deebisu akkuma haala isaatti sababa itti gaddeebiseef maaltu mana murtii jalaa irraa akka eegamu salphaatti akka hubatamutti barreeffama murtichaa keessatti ifa taasisuu qaba.
 Qabxiilee Marii

Barreessa ajaja oliyyannoon/iyyatni hin dhiheessiisu jechuun kennamu ilaalchisee ijannoowwan lamaan armaan olitti ibsaman keessaa isa kamitu dhama qabeessa ykn hundee seeraa qaba jettu? Maaliif? Kanumaan walqabatee oliyyata/iyyata hin dhiheessissu jechuun formiin cufuun kaayyoo fi galma sirna haqaa galmaan gahuu akka hin dandayamnee fi kun tau akka hin qabne oggeessotni seeraa ibsan jiru. Fakkeenyaaf, oggeessa seeraa kan taan Obbo Abbabaa Mulaatuu rakkoowwan buuuraa seera deemmii falmii Itoophiyaa mata duree jedhu irratti qoanno dhiheessaniin. formiidhaan ol’iyyannoon hin dhiheessiisu jechuun guutuun galmee cufuun kaayyoo fi galma sirna haqaa galmaan gahuu hin dandayu… Malaanmaltummaaf balballii akka hin banamnee abbootiin seeraas karaa malee itti gaafatamaa akka hin taane hojimaata iftooma qabu diriirsuutu barbaachisa malee ariitiif jedhamee hojimaata iftoomina hirisu hordofamuu hin qabu. Sababni isaas, sababni isaa osoo hin beekamini ol’iyyannoon hin dhiheessisu jechuun foormii guutuun gama tokkoon abbootiin seeraa gadi lixanii dhimmicha akka hin qoranee jajjabeesa (incentive to be lazy). Gama biraatiin abbaa seeraa naamusaawwaa hin taane isaan naamusaawwa taan irraa akka addaan hin baanee haguuggii kenna.  Kanaafuu, rakkina kuufama dhimmootaa fi himannaa fi murtiin gar-malee dheerachu isaanii fidan sirna bulchinsa galmee (file management system) fooyyeessuun; barreessitootaa fi abbootii seeraatiif leenjii kennuun dandeettii barreessa isaanii karaa ittin gabbifatan barbaaduun filannoo fooyyaaa taeedha. Seera deemmii falmii sivilii fi yakkaa hundee godhachuun yaada kana madaalaa. 

Qabiyyee murtii oliyyannoo/ijibbaataa keessatti qabxiileen hammatamu qaban walduraa dubbaan tartiiba akkamiin yoo barreeffaman gaariidha jettu?  Barreessii qabxiilee kanaa barreessa murtii sadarkaa duraatiin kennamuun garaagarummaa qabaa? Fakkeenyaaf, barreessii firii dubbii?   

Barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan jiran 

Kaayyoon kutaa xiqqaa kanaa qajeeltoowwan barreessa murtii fi muxannoo jiru hundee godhachuun barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan jiran muraasa isaanii xiinxaluudha. Rakkoowwan kallattii kanaan jiraniis rakkoowwan barreessa firii dubbii; ijoo dubbii; xiinxalaa fi qabxiilee biroon walqabatan jennee akka itti aanu kanatii ilaalluuf yaalla. Dura barreessa firii dubbiin walqabatee.

2.3.1. Barreessa firii dubbiin walqabatee.

Qabiyyeen murtii siviiliis tae yakkaa firiiwwan dubbii hammachu akka qabuu fi firiiwwan dubbii kunis kan akkamii tau akka qabani fi haala akkamiin barreeffamu akka qaban armaan dura ilaaleera. Haa tau malee biyya keenya keessatti barreessii firii dubbii buuura seeraan fi qajeeltoowwan barreessa murtii hundee godhachuun raawwatamaa jiru jechuun hin dandayamu. Qabatamaatti haala seerri ajajuu fi qajeeltoon barreessa murtii gaafatuun ala himata/iyyata, deebii, falmii afaanii fi jecha shaayidootaa akkuma jirutti murtii keessatti bifa garagalchaatiin ni barreeffamu.  

Kallattii kanaan rakkinni jiru kunis murtileen manneen murtii keenyaa gar-malee akka dhedheratani fi bakka bua galmee akka taan godheera. Rakkinni kun rakkina manneen murtii sadarkaa duraa irraa kaasee hanga dhaddacha ijibbaataati mulatudha. Keessaahuu, rakkinni kun barreessa murtii yakkaatiin walqabatee rakkina balinaan mulatu dha. Murtii yakkaa keessatti jecha shaayidootaa (maqaa isaanii, kakachuun isaanii osoo hin hafini, akkasumas gaaffii duraatiif deebiin ragaan kennee) bifa garagalchaatiin barreessuun kan baratameedha.

Akkuma armaan olitti tuqametti akkuma murtii sadarkaa duraatii murtiin ol’iyyannoo firii dubbii hammachu qabu. Haa tau malee murtii ol’iyyannoo keessatti firiin dubbii murtii sadarkaa duraatiin daran gabaabatee barreeffamu qaba. Kanaaf haalli addaa akkuma jirutti tae akka waliigalatti murtiin   sadarkaa ol’iyyannooti kennamu akka murtii sadarkaa duraati hin dheerattu. Akkasumas murtiin dhadhacha ijibbaataan kennamu daran gabaabaadha. Qabatamatti garuu, himatni himataa, deebii himatamaa, jechii shaayidotaa, murtiin mana murtii jalaa, akkasumas komiin ol’iyyataa fi falmiin sadarkaa oliyyannootti/ijibbaataatti gaggeeffame bifa garagalchaatiin murtii ol’iyyannoo/ijibbaataa keessatti waan barreeffamuuf murtiin sadarkaa ol’iyyannoo/ijibbaataatti kennamu murtii sadarkaa duraa caalaa gar-malee yeroon itti dheeratuti jira.  

2.3.2. Barreessa ijoo dubbiin walqabatee

Manni murtii mormii garee falmitoota irraa dhiyaateef qorachudhaan murtii haqa qabeessaa fi buaa qabeessa tae kennuuf qabxiilee gareewwan falmii irratti walii hin galle (point of dispute) tokko tokkoon adda baasun beeku qabu.  

Ijoowwan dubbii haala akkamiin hundaawu fi barreeffamu akka qaban armaan olitti tuqameera. Manni murtii ijoo dubbii dirqama hundeessuu akka qabu fi murtiin tokko ijoon dubbii hammachu akka qabu seeraan tumameera.

Haa tau malee hundeessii fi barreessii ijoo dubbii rakkina akka qabu murtiilee manneen murtii irraa hubachuun ni dandayama. Rakkoowwan jiran keessaa tokko ijoo dubbii sadarkaa itti hundaauu qabutti hundeessuu dhabuu dha. Fakkeenyaaf, dhimma sivilii ilaalchisee ijoo dubbii kan hundaau qabu osoo ragaan hin dhagayamini. Haa tau malee yeroo baayee ijoon dubbii kan hundaau erga ragaan dhagayameen booda murtii keessatti. 

Rakkinni biroo ammo murtii keessatti ijoo dubbii barreessuu dhabu ykn ijoo dubbii ifa tae murtii keessatti barreessu dhabuudha. Qabiyyeen murtiilee manneen murtii tokko tokko ijoon dubbii kan hammatee miti. Yoo hammatee jiraatees ijoon dubbiichaa iftoomni isa hanqata. Kanaafiis sababootni baayee taaniis inni tokko gama abbootii seeraatiin qabiyyeen murtii tokko ijoo dubbii hammachu akka qabuufi murtii keessatti ijoo dubbii barreessuun dirqama akka tae hubannoon gayaa tae jiraachu dhabu isaatti. Inni biroo iyyatoonni abbootiin dhimmi dhiheessan ifa tauu dhabuu isaa fi manni murtiis yeroo himatni dhagahamutti falmitoota sirritti waan hin sakattaaneefi.  

Kanaaf inni irratti murtaaeef kallattii kanaan hirina jiru qabxii ol’iyyannoo godhee yammuu dhiheessu; manni murtii ol’iyyannoo dhagahuus murtii haaraa tae yammuu kennuu ykn ijoo dubbii sirreessuun dhimmicha gara mana murtii jalatti yammuu gad deebisu ni mulata. Kana irras darbee yeroon dhimmi daran salpha tae tokko daran wal-xaxa tae itti mulatu jira. 

Xiinxalaan walqabatee

Murtii keessatti firiiwwan dubbii rogummaa qaban erga gabaabinaan barreeffaman fi ijoowwan dubbii addaan bahaan taani booda hojiin itti aanu ijoowwan dubbiif deebii laachudha ykn seeraa fi firii dubbii xiinxaluun falmicha guduunfuudha. Kutaan murtii kun kutaa manni murtichaa sababa murticha itti ibsamuu akka tae kanaa duraa ibsuuf yallameera.

Murtiin sivilii tokko ijoo dubbii qabame qofa osoo hintaane ijoon dubbichaa haala akkamiin akka murtaee fi sababa itti murtae hammachu akka qabu seerichaan tumameera (Kew.182). Haaluma walfakkaatuun murtiin yakkaa tokko ibsa ragaa qofa osoo hintaane manni murtii ragicha sababoota itti fudhatee fi fudhachuu dhabeef hammachu akka qabu haala dirqisiisaa taen seerichaan tumameera (Kew.149) 

Haa tau malee kallattii kanaan rakkoowwan jiran baayee kan nama yaadeesaniidha.  Rakkoowwan kana keessaa tokko murtii sababaan deeggaruu dhabuu ykn sababa gayaa fi ifa taen deeggaruu dhabuudha. Qabiyyee murtilee manneen murtii keenyaan kennamaa jiran baayeen isaanii yoo ilaalee galmee qoranne murtii armaan gadii kennineera erga jedhameen booda mata duree murtii jedhu ni barreeffama. Itti aanee himatni akkuma jirutti ni garagalfama. Itti aansee deebii himatamaa fi jechi shaayidoota akkuma jirutti erga gargalfamee booda falmiin bitaa fi mirgaa kan armaan olitti dhihaatee yammuu tau manni murtiis galmee qorateera. Akka qorateetiis himanaan, deebiin ykn ragaan dhihaate fudhatama kan qabu tae hin argamne. Kanaafuu,..   Haala kanaan himata, deebii fi jecha ragaalee akkuma jirutti garagalchuun sarara tokko ykn lama hin caalleen himatni dhihaate fudhatama argachuu ykn dhabuu isaa ibsuun murtiin kennamu murtii kaayyoo isaa galmaan gahe jechuun hin dandayamu. 

Murtii baayee keessatti jecha ragoolee amanuufiis tae amanuu dhabuuf haalawwan taasisan ragaa wajjiin wal bira qabuun hin xiinxalaman. Murtileen kunis gabaasa firii dubbiiti malee murtii dha jechuun nama rakkisa. 

Gabaabumatti murtileen manneen murtii biyya ykn naannoo keenyaa  baayeen isaanii xiinxala isaan hanqata. Keessaahuu, rakkinni kun rakkina murtii yakkaa ilaalchisee balinaan mulatuu dha. Kallattii kanaan qabiyyee murtiilee yakkaa yammuu sakattaamu murtii keessatti himatni abbaa alangaa, himatamaan jecha amanataa fi waakkii kennee, jecha ragoolee bitaa fi mirgaa akkuma jirutti erga garagalfameen booda himatamaan buuura ragaa irratti dhihaateetin balleessaa tae argameera jechuudhaan xummuramu. Murtiin irra caalaan isaanii ragaan dhihaate shakki tokko malee himatamaa irratti waan mirkaneesseef himatamaan keewwata itti himatame jalatti balleessaa taee argamee jira jechuu bira darbanii ragawwan dhihaatan akkamitti balleessummaa himatamaa akka argisiisan tokko tokkoon tarreessuudhan seeraan wal-bira qabuun kan xiinxalamani miti.

Akkasumas, murtii yakkaa keessatti ragaan ittisaa fudhatama akka hin qabne ibsu irra darbee ragaawwan kunnniin akkamitti fudhatama akka dhaban tokko tokkoon hin ibsamu. Yeroo baayee ragaawwan ittisaa fudhatama akka hinqabne jecha waliigalaattin (general terms) ibsama. Fakkeenyaaf,  

Jechi ragoolee ittisaa kan wal-utubu osoo hin taane kan walfalleessuu waan taeef fudhatama hin qabu;

Ragooleen ittisaa mana adabaa irraa kan dhihaatan waan taaniif kan amantaan irratti gatamuu miti;

Ragooleen ittisaa tae jedhanii wal-ijaaruun himatamaa yakka jalaa bilisaa baasuuf kan dhihaataniidha kkf..  jechun murtii kennuun kan baratamedha. 

Kutaa xiinxala murtii keessatti rakkinni biroo ammo firii dubbii (himata fi ragaa) irra deddebiuun barreessuuti.  Murtii tokko keessatti firiiwwan dubbii buaa seeraa qabani fi itti aansee ammo ijoowwan dubbii erga ibsaman booda kutaan itti aanee dhufu kutaa himatni, deebii fi jechi ragoolee sia lammaffaaf itti garagalfaman osoo hin taane kutaa firriiwwan dubbii ijoowwan dubbii wajjiin wal bira qabamanii itti xiinxalamaniidha.

 

Haa tau malee himata, deebii fi jecha ragoolee sia lammaffaaf kutaa xiinxala murtii keessatti garagalchuun kan baratameedha. Kun taun isaa qabatamaatti murtilee manneen murtii keenyaa gar-malee akka dheeratan godheera jechuun ni dandayama. Kun wanta sirreeffamu qabudha. Buuura qajeeltoowwan barreessa murtiitiin murtii keessatti himata, deebii fi jecha ragoolee akkuma jirutti garagalfamu hin qabu qofa osoo hin taane sia lammaffaaf kutaa xiinxala murtii keessatti jecha ragoolee irra deebiamee barreeffamu hin qabu.
Qabxiilee biroon walqabatee

Barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan jiran isaan armaan olii qofa miti. Kan biroos jiru. Isaan kana keessaa:

Rakkina iftoomaa. Murtiileen manneen murtii tokko tokko rakkina iftoomaa  qabu. Kanarraa kan kae eenyuuf akka murtaa’ee ykn eenyu irratti akka murtaa’e murticha irraa hubachuun yeroo nama rakkisu jira. Akkasumas, manni murtii ol’iyyannoo dhagayu yammuu murtii jalaa fooyyeessuu hangam akka fooyyeessee yeroon beekuuf nama rakkisu jira. Keessaahuu, manni murtii ol’iyyannoo dhagayu dhimmichi mana murtii jalatti deebiee akka ilaalamu murtiin kennamu rakkina iftoomaa waan qabuuf manni murtii jalaa maal akka raawwachu qabu yammuu itti rakkatu jira.  

Rakkina qubee 

Rakkina barreeffama harkaa.

Rakkina wal-duraa duubaa murtii.

Rakkina himaa gagabaabaan fayyadamu dhabuu;

Madaalawwaa tau dhabuu; miira keessaa callqisiisu; isa badii raawwatee ragaa fi jecha seeraa caala balaalleffachu. 

Falmii fi ragaa dhihaate osoo hin xiinxaliin bira darbuu. 

Sanadoota dhihaatan sirritti eruu dhabu fi kkf. .. caqasuun ni dandayama.

Qabxiilee Marii

Barreessa murtiin walqabatee rakkoowwan armaan olitti tuttuqamanin ala rakkoowwan biroo ibsaa. 

Mana murtiiti himatnaa beenyaa dhihaatu keessaa tokko bala konkoolaataa wajjiin kan walqabateedha. Buuuruma kanaan himata balleessaa himatamaatiin konkolaataan rukutamee miidhaan irra gahuu isaa caqasuun beenyaan akka kaffalamuuf yammuu gaafatu gama himatamaatiin falmii yeroo baaye dhihaatu keessaa tokko balaan kan gahe balleessaa himataatiini kan jedhuudha. Haa tau malee falmiin akkanaa kun yammuu dhihaatu gama manneen murtiitiin ijoo dubbii adda adda hundaawan ni mulatu. Fakkeenyaaf, manneen murtii tokko tokko akka ijoo dubbittiballeessaan kan eenyuutti? jedhu yammuu hundeessu manneen murtii biroo ammohimatamaan balleessaa raawwateeraa? kan jedhu hundeessuu. Ammaas manneen murtii biroo himataan balleessaa raawwateeraa? kan jedhu hundeessu. Ijoo dubbii isa kamittu sirriidha jettu? Maaliif? 

 Murtii 1ffaa: Himatamaan seera yakkaa durii Kew. 656(a) fi 558(d) darbudhaan cheekii suuqii gamtaa gandaa harka isaa galee irratti mallattoo dura taaa suuqichaa fakkeessudhaan erga mallatteeseen booda mahallaqicha baasudhaan faayyidaa dhuunfaatiif olchee jira jechuun yakka gowwoomsuutin himatame. Himataman himata irratti dhihaatee amneera. Manni murtii murtii keessatti himata, raga fi himatamaan amanu isa erga ibseen booda..Gochi himatamaa yakka gowwoomsuuti jedhamee irratti haa mirkanaau malee gochi isaa kun yammu ilaallamu saamicha ifa tae irraa adda bae kan ilaallamu taee hin argamne. Himatamaan ganda keessatti mindeeffame kan hojjatu yoo tau kan jiraatuus gandichuma kana keessa tauun isaa mirkanaae jira. Suuqin gamataa gandichaa tajaajila jirattota gandichaatiif kennu qullatti hafee yammuu ilaallamu badiin inni uume mahaallaqa gowwoomsee fudhachu qofa osoo hin tain jiraattoonni gandichaa suuqii gamitichaatti akka hin tajaajilaminne rakko irratti kan gate, gammachu mataa isaatiif kan dhaabbate, of-jaalataa, balleessaa balleessitootaati oto jedhame dhugaa irraa kan fagatee miti. Himatamaan kun himatni isa gahee yammuu gaafatamu mahaallaqicha hiriota koo waliin itti bashananee jechuun dhaddacha irratti yammuu dubbatu saalfannaan kan itti hin dhagahaminnedha.Baankiin immoo mallattoo sirritti walbiratti osoo ilaalin ittigaafatamummaa fi dirqama isaa akka hin bahin argisisa jechuun erga ibseen booda himatamaa balleessadha jechuun murtii kenneera. 

Murtii kana akkamitti madaaltu? 

Barreessa murtii kanaa tumaa seera deemmii falmii yakkaa fi qajeeltoowwan barreessa murtii wajjiin wal bira qabuun tokko tokkoon qeeqaa. 

Murtii 2faa. Murtiin kun  murtii Manni Murtii Olaanaa Fedeeraalaa ol’iyyataa mucatti  isaa dirqisiisee gudeedeera jedhame mana murtii sadarkaa duraatiin hidhaa cimaa waggaa 17 akka adabamu itti murtaa’e bilisaan akka gaggeeffamu laatee yammuu ta’u manni murtichaas “ውሣኔ” mata duree jedhu erga barreessee booda mata duree kana jalatti walduraa duubaan:

Komii  ol’iyyataa;

Himata abbaa alangaa;

Jecha ragaalee sadarkaa jalatti dhagayamani;

Jecha himatamaan buuura s/d/f/y/kew.35 laatee;

Ragaa mana yaalaa;

Ol’iyyataan buuura s/d/f/y/kew.142 of akka ittisu jedhamu isaa;

Ragoolee ittisaa oliyyataan dhiheessee;

Yaada murtii bitaa fi mirgii dhiheefatan;

 Manni murtii jalaa oliyyataa balleessaa godhee hidhaa waggaa 17 akka adabamu murteessu isaa;

Ragaa mana yaalaa irratti yaadni oliyyataan dhiheessee fi

Adabbii ilaalchisee yaada bitaa fi mirgii dhiheessan erga haala kanaan galmeessee booda himatni abbaa alangaa; falmiin bitaa fi mirgaa fi murtiin mana murtii jalaa isa armaan olitti tarreeffame kana fakkaataa jechuun xumura. Falmii sadarkaa ol’iyyannooti dhihaatees walduraa duubaan:

Komii ol’iyyataa tokko tokkoon;

Deebii abbaa alangaa erga galmeessee booda falmichaaf gaaffilee lama deebii barbaadan yammuu baasuu:

“ተበዳይ ነኝ ባዩዋ ለፍርድ ቤቱ ያስመዘገበችው ምስክርነት የሚታመን ነውን? ተከሳሹ ለፍርድ ቤት ያስመዘገበው ቃልስ እውነት ነውን? የሚሉት ጥያቄዎች መልስ ማግኘት ይኖርባቸዋል፡፡ በሓኪም ተገኘ የተባለው ማስረጃ አሁን ለተያዘው ክርክር አንዳች ፋይዳ ስለሌለውና መናኛ በሆነ ጉዳይ ጊዜ ማባከን ስለማያስፈልግ ከፍ ብሎ ለተመለከቱት ጥያቄዎች መልስ ወደመፈለጉ ተግባር እንሰማራ፡-
በሻይ ውስጥ ነጭ ነገር ቀላቅሎ ያጠጣት አባቷ ሲደፍራት በመደንዘዙዋ ምክንያት መደፈሯን ማወቅ ያልቻለችው ተበዳይ ነኝ ባይ መጀመሪያ የተደፈረችው በ1988 ዓ.ም መሆኑን እንዴት አወቀች? በሃይል ያፈናት መሆኑንስ እንዴት ተረዳች? አስገድዶ መድፈር ካለ ጩሀት አለ፤ ይሕ ካለ ሰው ይሰማል፤ ሰው ከሰማ ግርግር ይፈጥራል፤ ይህ ያልተከሰተበት ምክንያት ምንድን ነው? ለእናቷ የመደፈሯን ነገር ያላሳወቀቻት እናት የደም ግፍት ሕመም ስላለባት ነው፤ ለዚህ ማረጋገጫው የት አለ? ሁለት ሴት ልጆች ተበዳይ ነኝ ባዩዋ ጭምር ዘወትር የሚተኙት ከኔ ጋር ከአባታቸው ጋር ነበር ሲል ይግባኝ ባዩ አረጋገጧል፤ተበዳይ ነኝ ባዩዋ ፍርድ ቤት ቀርባ ስተመሰክር ግን “ተከሣሹ በተደጋጋሚ ወሰቢ ይፈጽምብኝ የነበረው ወደኔ መኝታ ቤት እየመጣ ነበር” ብላለች፡፡ የማንን አነጋገር ይታመናል? የይግባኝ ባዩ አነጋገር ሓሰት ነው ያለ ተከራካሪም ሆነ ተመልካች ያለም፡፡ 
“የተከሣሹ ብልግና በድብቅ ለሶስት ዓመታት ያህል ሲፈፀም ቆይቶ ይፋ የወጣው፣ ሊገለጽ ያቻለው ማሕፀኔን ሲያመኝ ጊዜ ለእናቴ እህት ለአክስቴ ስለነገርሁዋት ነው” በማለት ተበዳይ ነኝ ባዩዋ መስክራለች፡፡ በመጀመሪያው ቀን ሩካቤ ሥጋ ሲፈጸምባት ማሕፀኗን ለምን አላመማትም? የማሕፀኑ መታመም የተከሰተው ተከሳሹ ስለደፈራት ነው? ወይስ በሌላ ምክንያት? ይችን ሰው ይግባኝ ባዩ አባቷ ይቆጣጠራት እንደነበር ተነግሯል፡፡ ይህም አልተካደም፡፡ ጥብቅ ቁጥጥር ያድርግባት የነበረው ማሕፀን የሚያሳምም ክፋ በሽታ ላይ የሚጥል የዋልጌነትና የብልግና ተግባር ትፈጽማለች ብሎ ጠርጥሮ ከሆነስ? እየተቆጣጠረ ከሚያስቸግረኝ መላ ልፈልግና እርሱን ወደከርቸሌ ሸኝቼ እኔ “በነጻነት” ልመላለስ ብላ አስባ እንድሆነ ማን ያውቃል? የምትኖርበት ቤት በአንድ መጠጥ ቤት ጋር የተያያዘ መሆኑን ተበዳይ ነኝ ባዩዋ ራሷ አረጋግጣለች፡፡ አልፎ ተርፎም ተበዳይ ነኝ ባዩዋ በ1988 ዓ.ም ፣ዐ/ህግና ተበዳይነኝ ባይ እንዳሉት የ14 ዓመት ሣይሆን የአስራ ስምንት ዓመት ወይዘሪት ስለነበረች በዚህ የእድሜ ደረጃ ላይ የሚገኙ ወጣቶች የሚሰሩትን የሚያሳጣቸው እሳት በጉያች ሸጉጠው እንደሚከነፉ የታወቀ ነው፡፡ ተቆጣጣሪና ማካሪ ዘካሪ ካላገኙ ወይ ካለደመጡ፡፡ በዚህ ሁሉ መሃል ያሻትን አድርጋ “ቤተሰቦቼ የቁጣ መዓት ከሚያወርዱብኝ ነጋ ጠባ አጥብቆ የሞቆጣጠረኝና የሚነዘንዘኝ አባቴ ደፈረኝ ብል ይህ ጥሩ ዘዴ ነው” የሚል ሐሳብ አእምሮዋ አርግዞ ወልዶ እንደሆነስ? እንዲህ ያለውን ከባድ እና  መላውን ቤተሰብ የሚያናጋ ምስጥር ለእናቷ መንገር ነበር የሚቀለው? ወይስ ለአክስቷ?ወስብ ተፈጸመ የተባለው ከሶስት አመት በፊት እና በተከታታዩች ጊዜያት፤ ማሕፀኗ የታመመው ከሶስት ዓመት በዋላ ያውም የወሲብ ተግባርን ያለስቃይ ማስተናገድ ተለማምዶ ሳለ አባቴ ወሲብ ይፈጽምብኝ ስለነበር አሁን ማህፀኔን አመመኝ ብላ ለአክስቷ ተናገረች ቢባል ይህ  የሚታመን ነውን? የዚች ተበዳይ ነኝ ባይ ሴት ምስክርነት የሚጠረጠር ብቻ ሳይሆን ጨርሶ የሚታመን አይደለም እንላላን፡፡

ሁለተኛውንና የመጨረሻውን ጥያቄ እንመርምር፡፡ ተከሳሹ ለፖሊስ የሰጠው ቃል በድብደባና በተጽዕኖ የተገኘ ነው የሚል ዕምነት የስር ፍርድ ቤት እንደሳዳሪ ተገንዝባናል፡፡ የእኛም ዕምነት ይኸው ነው፡፡ በዚህ ረገድ ሓሳቦችን ከስር ፍርድ ቤቱ ሓሳብ ጋር ይስማማል፡፡ ተከሳሹን በፖሊስ ጣቢያ ውስጥ ደበድቦና አሰቃይቶ ያልሆነውን ሆነ ያሰኘው መርማሪ ፍርድ ቤት ተከትሎት መጥቶ “በአይን ጥቅሻ እና በከንፈር ንክሻ”ልክ ፖሊስ ጣቢያ ውስጥ በነገርከኝ አይነት ለፍርድ ቤት ባታስመዘግብ ወየውልህ! ትገባታለህ! አይለውም አይባልም፡፡ መርማሪው ተከሳሹን ተከትሎ ፍርድ ቤት መቅረብ አልተስተተባበለም፡፡ ተከሳሹ ብርቱ ማስጠንቀቂያ ከመርማሪው ተቀብሎ እያለ፣ መርማሪው በችሎት ተገኝቶ ከተከሳሹ ጋር እየተያዩ ከንፈሩን እየነከሰበት ሣለ የሚመለከቱት ተከሳሹንና የሚጽፉበትን ወረቀት እንጂ ተከሳሹን የመረመረውን ወታደር አይደለም፡፡ ስለሆነም መርማሪው “በአይን ጥቅሻ እና በከንፈር ንክሻ” ተከሳሹ ጋር እየተያዩ ከንፈሩን እየነከሰበት ሣለ የሚያስታውሰው በፖሊስ ጣቢያ ውስጥ የተፈፀመበትን ሠቆቃ እንጂ ሌላ ሊሆን አይችልም፡፡ አሁንም ፍ/ቤቱ ውስጥ በፍርሓትና ሥጋት ተሞልቶ ያላደረገውን አድርጌያለሁ የማይልበት ምክንያት አይኖርም አይችልም፡፡ የተከሳሹን ቃል የሚመዘግቡት ዳኛ የሚመለከቱት ተከሳሹንና የሚጽፍበት ወረቀት እንጂ ተከሳሹን የመረመረውን ወታደር አይደለም፡፡ ስለሆነም መርማሪው  “በአይን ጥቅሻ እና በከንፈር ንክሻ” ተከሳሹን ሲያስፈራራው ሊመለከቱት አይችሉም የሚል ዕምነት አለን፡፡ ፍርድ ቤቱ የተከሳሹን ቃል ሲመዘግብ መረማሪው አግልሎ በዝግ ችሎት ቢሆን ምንኛ መልካም ነበር፡፡ ይህ መፈጸሙን የሚገልጽ አንዳች ነገር አልቀረበም፡፡ ተከሳሹ ለፖሊስ የሰጠው ቃል እና ለፍርድ ቤት ያስመዘገበው ቃል በእጅጉ ተመሳሰይነት አለው፡፡ የቃላት ልዩነት እንኳ ብዙ የለበትም፡፡ ይህም መርማሪው ተከሳሹን “በጣቢያ የሰጠኸውን ሳትጨምር ሳትቀንስ ለፍ/ቤቱም ባትናግር ትገባታለህ” ሲል ዝበታል መባሉን በይልጥ እንደናምን የሚያደርግ ነው፡፡

አስቀድሞ ብርቱ የስነልቦና ጫና የተደረገበት ተከሳሽ ፍርድ ቤት ስለቀረበ ብቻ ለፍርድ ቤቱ ያስመዘገበው ቃል የማያወላውል ማስረጃ ነው ማለት እንዴት ይቻላል? ዳኛ ፊት የተደረገው ሁሉ ትክክልና ዕውነት ነው ብሎ መቀበል የዋህነት ይመስላል፡፡ ስለሆነም የሥር ፍርድ ቤት “ተከሳሹ ለፖሊስ የሰጠው ቃል ትክክል ነው ብሎ በማስረጃነት መቀበል አልተቻለም፤ ይሁን እንጂ ተከሳሹ ለፍርድ ቤት ያስመዘገበው ተመሳሳይ ቃል ጠንካራ ማስረጃ ነው” ማለቱ መሰረት የሌለው ሆኖ አግኝተንዋል፡፡ ተከሳሹ ለፍርድ ቤቱ ያስመዘገበው፣ በወ.መ.ሥ.ሥ.ሕ.ቁ 35 መሰረት ተሰጠ የተባለው ቃል ዕውነት አይደለም ብለናል፡፡  

ለማሣየት እንደሞከርነው ይግባን ባዩ ጥፋተኛ ዕንዲባልና በ17 ዓመት ፅኑ እስራት እንድቀጣ መሰረት የሆኑት የዐ/ህግ ማስረጃዎች ባዶ ሆነው ስላገኘናቸው፣ በአጠራጣሪ ማስረጃ ላይ የተመሰረተ ፍርድ ከመፍረድ አንድ ሺህ ወንጀለኞች ሳይፈረድባቸውና ሳይቀጡ ቢታለፍ ይሻላል ብለን የስር ፍ/ቤት ህዳር 11 ቀን 1993 ዓ.ም የሰጠውን ውሳኔ በወ.መ.ሥ.ሥ. ሕ.ቁ 195 (2) (ለ) (1) መስረት ሽረነዋል፡፡ ቅጣቱን ሰርዘናል፡፡ ይግባኝ ባይ የተከሰሰበትን ወንጀል መፈጸሙን የሚያረጋግጥ ሁነኛ ማስረጃ አልቀረበበትም ብለን በነጻ አሰናብተነዋል፡፡

ጉዳዩ በጽ/ቤት ሲመረመር ቆይቶ ዛሬ ታህሣሥ 22 ቀን 1995 ዓ.ም ተወሰነ” jechuun murtii kenneera.

Murtiin kun kaayyoo isaa kan galmaan gaheedha jettu? Maaliif?

 Murtiin kun firii dubbii, ijoo dubbii, xiinxalaa fi guduunfaa hammachu isaa mirkaneeffadha. Qajeeltoowwan barreessa murtii wajjiin wal bira qabuun barreessa qabxiilee kanaa tokko tokkooni fi barreessa murtichaa akka waliigalatti qeeqaa.

Murtii 3ffaa:  Murtiin kun murtii Manni Murtii Olaanaa galmee yakkaa irratti laatee yammuu tau manni murtichaas mata duree murtii jedhu jalatti wal duraa duubaan:

Himata abbaa alangaa;

Himatamaan jecha amantaa fi waakkii yammuu gaafatamu waakkachu isaa;

Jecha ragoolee seeraa;

Ragaan mana yaalaas kan inni due iddoo adda addaa irraa sosolloqaa qabaachuu ibsu galmee keessa akka jiru; 

Himatamaan akka of irraa ittisu jal-murtiin kennamu isaa;

Himatamaan raga ittisaa dhiheefachu isaatii fi ijoo dubbii qabsiifate fi

Jecha ragoolee ittisaa erga ibsee booda:

“Ragoonni ittisaa jecha ragummaa yoo kennan akkuma ijoo qabamee kanatti miidhaamaan kan due dhukkubaan fi nama biraa wajjiin wal-lolee miidhaa sababii saniin irraa gaeen kan duee tauu fi gaafa miidhaamaan duu kana himatamaan biyya kan hin jiree Finfinnee kan turee eega miidhamaan due kan gale tauu dubbatan.
Nutiis galmee kana keessa qorannee himata dhiyaate, jecha himatamaa, raga bitaa mirgaa fi seera waliin akka raawwachuu isaa mirkaneessanii jiru. Ragaa ittisaa himatamaa garuu yoo ilaallu himatmaan gaafa miidhamaan duu jiraachuu dhabuu isaa kan dubbatan himatamaan miidhaa geessisee deemuus waan dandauuf kun nama hin amansiisu. Gama biraatiin dhukkuba biraan duuuf ragaan ogeessaa barbaachisaa malee namni kamiyyuu dhukkuba biraan due yoo jedhame fudhatama hin qabu. Kanaafuu ragaa ittisaa himatmaa akkasumaan qindoominaan himatamaa yakka jalaa baasuuf qindaaanii kan dhiyaatan malee raga abbaa alangaa fashaaleessanii kan irraa ittisan waan hin taaneef kufaa goonee bira kunnee jira.

Gama biraatiin himata abbaa alangaa seera keewwata caqasamee fi jecha raga abbaa alangaa keesumaahuu raga abbaa alangaa 1ffaa kan ibse yoo ilaallu himatamaan kun ajjechaa raawwachuuf yaada sammuu ni qabaa? waan jedhu yoo ilaallu ragummaan kunuu yoo ibsu himatamaan nuuniis surattuu akka numatti nutuma kan jedhu dubbatee jira. Kana yoo ilaalluu himatmaan kun miidhaama ajjeessuuf yaadee osoo hin tain akkuma aadaa abbaan ilmoo adabutti adabuuf kan godhe tauu namatti agarsiisa. 

Gama biraatiin akka ragummaan kun ibsetti himatamaan eega miidhamaa tume booda gad-bahee haakima geessaa kan jedhaeen tauu ibsa- kun immoo namni nama ajjeessuuf yadeetuma tokko ajjeesee dhiisa malee akka yaalamu hin godhu. Kuniis kan namatti argisiisu himatamaan miidhamaa ajjeessuuf yaada kan hin qabnee tauu namatti orgisiisa. Haa tauu malee himatamaan kun daaima ofii yoo adaban akka maleetti yoo tuman duuu dandaa kan jedhu yaaduutu irra ture, kana yaaduu dhabuun isaa immoo dagannoo waanni tae haatau jechuun yakka kana kan raawwate tauu namatti agarsiisa.

Kanaafuu gachaan kun keewwata abbaan alangaa jalatti himata dhiyyeesse S.A.Y bara 1996 bahe kee 540 jalatti kan kufu waan hin taaneef kee 543 (1) jalatti jijjiirree balleessaa qaba jennee sagalee tokkoon murtii balleessummaa kenninee jirra jechuun”  hidhaa waggaa lamaa (2) tiin akka adabamu murtii kenneera.

Qabiyyeen murtii kanaa guutuummaa qaba? (Firii dubbii, ijoo dubbii, xiinxala, guduunfaa fi kutaa raawwii). Kallattii kanaan barreessa murtii kanaa akkamitti madaaltu?

Ragaa ittisaa madaalu irratti murtii kana akkamitti madaaltu?

Sanadoota murtii keessatti eeru ilaalchisee murtii kana akkamitti madaaltu?

Murtii 4ffaa:  Murtiin kun murtii Manni Murtii Olaanaa Godina Arsii  galmee yakkaa  irratti laatee yammuu tau akkaama murtii 3ffaati himata abbaa alangaa, himatamaan waakkachuu isaa; jecha ragoolee seeraa; ijoo dubbii himatamaan qabsiifatee fi jecha ragoolee ittisaa wal duraa dubaan erga barreeffaman booda: 
“Manni murtii falmiin fi ragaan bitaaf mirgaa akka armaan olitti yoo tahuu akka galmee keessaa qorannee ilaaletti ragaa ittisaa haala amansisaaf shakkiidhaan ol taheen ragaa abbaa alangaa fashaleessudhaan kan ragaa bahaan tahuu hubaneera. Kanaafuu, walumagalatti ragaan A/alangaa kan birraas midhamaan ragaasaan rukutamee kan duee tahuu kan ibsuu tahuus ragaan ittisa ragaa A/alangaa fashaaleessuudhaan mirkaneesaan kan ragaa bahaan waan taheef himatamaan waan ofirratti ittifateef bilisaa jennee akkaataa buuura s/d/f/A/y lakk 149/2/tiin murteessineera jechuun murtiin laatameera.

 

Murtiin kun qajeeltoo barreessa murtii qabiyyeen murtii guutuu tau qaba isa jedhu wajjiin akkamitti madaaltu?

Murtiin kun qabxiilee murtiin tokko hammachu qabu hammachu isaa mirkaneeffadha.

Murtii 5ffaa. Murtiin kun murtii manni murtii Olaanaa G/Shawaa Bahaa galmee Yakkaa Lakk. 17601 taen laatee yammuu tau manni murtichaas mata duree murtii jedhu jalatti wal duraa duubaan:

Himata abbaa alangaa;

Himatamaan jecha amantaa fi waakkii yammuu gaafatamu gochicha of irraa ittisuufiin raawwadhe jechuu isaa;

Jecha ragoolee seeraa guutummaan guututi; 

Himatamaan akka of irraa ittisu ajajinni kennamu isaa;

Himatamaan raga ittisaa dhiheefachu isaatii fi ijoo dubbii qabsiifate fi

Jecha ragoolee ittisaa akkuma jirutti erga barreessee booda:

“Falmiin bitaafi mirgaas kanumaan xumuramee. Nutis kanumaan galmee keessa qoraneera. Akka qoarnnettis himata a/alangaa dhiyeese irratti himatamaan jedha isaa yemuu kennu gocha raawachuu isaa amanee garuu gocha kara kanaan raawwadhe miidhamaan cuubee qabatee mana koo fuula duratt na waaraanun yoo jedhu lubbu koo baasuf jecha kana rukute waan taeef balleessa hin qabu jedheera. R/alanagaa namni 2 (lama) dhiyaatanii jecha yemmuu kennan himatamaan kun dursee miidhamaa muka qottootiin rukutee harka mirgaa cabsee itti dabalee shuguxii dhukaasee rukutee kan jedhan yoo tau, ragaan mana yaalaa akka hubatamuti garuu, qaama midhamaa irratti bakka mataa rasaasaan rukutamee malee bakka biro irra kan rukutame tauu kan ibsu miti. Gama birootiin R/a/alangaa 1ffaan dura himatamaa fi midhaamaan wali qabaa turani yoo jettu r/a/alangaa 2ffaa ammo himatamaan akkuma dhufeen harka midhamaa rukute malee wali hin qabne jedheera. Gama biraatiin r/a/alangaa 1ffaa yemuu isaan wal qaban ani waca dhagayee manaa bahee kaadhee alati dura bira gahe manni koo bakka sana irra tilmaamaan meetiraa 100 ni fagaata, r/a/alangaa 2ffaa taee jecha kan kennee 3ffaa irrati dhufe yoo jettu, r/a/alangaa 2ffaa taee kan jedcha kanne ammo ani durumaanu midhamaa wajjiin ture yeroo himatamaan muka qottoottin midhamaa rukutuu ani fageenya meetira 10 irraa ture jedhee ragaa baheera.- Haala kanaan ragaa bitaaf mirgaan wali biratii yemmuu madaalamu ragaan ittisaa kan madaalli kaasu taee argama. Haala kanaan gachi himatamaa kanaa keewwataa a/alangaa caqasee dhiyeese jalatti kan himatamu taee hin argamne. Gama biraatiin himatamaan gocha kana kana raawwatee midhaamaan cuubeeshaan ana waraanuf yoo jedhu anis of irraa ittisuuf jedcha shuguxii dhukaasee rukutee ofirraa ittisuuf haa jedhu malee kan midhaamaan itti waraanuf yaale cuubeedhaan yoo tau himatamaan garuu kan waraanee shuguxiidhaan waan taeef kuni meeshaa walimadalu taee hin argamne. Kanaafu keewwata a/alangaa himata isaarati caqase jijjiruudhaan gadi himatamoo kana s/y/baa 1997 bahe keewwata 541 (A) jalatti balleessa dha jenne sagalee tokkoon murteesineera” jechuun bitaa fi mirgaa irraa yaada adabbii galmeessuun himatamaa hidhaa waggaa tokkoon akka adabamu murtiin kennameera. 

Qajeeltoowwan barreessa murtii hundee godhachuun murtii kana madaalaa.

Murtii kana keessatti barreessii firii dubbii, ijoo dubbii, xiinxalaa fi guduunfaa rakkina qaba jettu? Rakkina qaba kan jettan yoo tae rakkina kana tokko tokkoon ibsaa. 

Maddewwan Wabii

Seera Deemmii Falmii Siviilii Itoophiyaa (1958)

Seera Deemmii Falmii Yakkaa Itoophiyaa(1954)

Seera Sivilii Itoophiyaa(1962)

 Sedler.A, Robert.Ethiopian Civil Procedure(1968)

T.L. Venkatarma Aiyar, Mullaa on the Code of Civil Procedure. Vol.I N.M. Tripathi Pvt.Ltd., Bomby(1965)

Balcks Law Dictionary (2004)

Joyce J.Geornge, Judicial Opinion Writing Handbook, (3rd, ed) 1993 

Rafiq, Mohammad. Judgment Writing and Communicating Effectively through Judgment, at http://hcraj.n.c.in/fafiq-judgment-effective,pdf

Atkinson, Roslyn and etals. Principles of Judgment Writing in Criminal Trials, at file://F:/PRINCIPLES%200F%JUDGMENT%20WRITING%20IN%20CRIMINAL

Murtiilee manneen murtii.

ውብሸት ሽፈራ, የውሳኔ አጻጻፍ እና ህገመንግስቱ (ለቅድመ ሥልጠና የተዘጋጀ ሞጁል ጥቅምት 2001)

ወንብር አለማየሁ ሓይሌ መታሰብያ ድርጅት በፍታብሔር ሥነ ሥርዓት ሕግ መሰረታዊ ችግሮችና ማሻሻያዎቹ ላይ ያተኮረ ኮንፍረንስ (16/3/1998 – 16/3/1998) አድስ አበባ (1998)

አበበ ሙላት እና ሳሙል ተሸለ. የፍርድ አሰጣጥና አፃፃፍ በኢትዮጵያ በፍርድ ቤቶች አስተዳደር ማሻሻያ ፕሮጅክት አማካይነት በፌዴራል ጠቅላይ ፍ/ቤት እና በኢትዮጵያ ሲቭል ሰርቭስ ኮሌጅ የሕግ ፋካሊቲ ትብብር የተዘጋጀ.

Miiltoo

Keewwatootta Seera Deemmii Falmii Sivilii

Art. 182. Contents of Judgment

The judgment shall contain the points for determination, the decision thereon and the reasons for such decision:

Provided that a judgment given in first instance shall also contain a concise statement of the case and a judgment of a Appellate Court shall, where the decree appealed from is reversed or varied, specify the relief to which the appellant is entitled.

A court of first instance may not give judgment on any matter not specifically raised by the parties, but an appellate Court may pass any decree or make any order which ought to have been passed or made, and may pass or make such further or other decree or order as the case may require.

Where several issues have been frames, the court shall state its decision on each separate issue unless the decision on any one or more issues is sufficient for the decision of the case.
Art. 183. Framing and Contents of decree
After delivery, the operative part of all judgments shall be reduced to the form of a decree which shall contain:

The number of the suit or appeal;

The names and description of the parties;

When the judgment has been given in first instance, the particulars of the claim;

A clear order to do or to abstain from doing something or to pay a do finite sum of money or to deliver a particular thing or to surrender or restore immovable Property, as the case be, and, where appropriate, adscription, in the form provided for by Art 225, of the subject-matter of the case;

The amount of costs incurred in the suit or appeal, and by whom, or out of what property such costs are to be paid:

Provided that an Appellate court may specify by home and home are to be paid the costs incurred in the suit in which the decree appealed form was passed;

Such particulars as are necessary so that it be susceptible of execution:

Provided that an Appellate court may itself give the necessary directions for the execution of its decree or may delegate the execution there of to the court which first heard the case; and

Where the decree can be executed by the personal obedience of the judgment debtor, the time within which it shall be executed.

The decree shall be signed and dated by the judge or judges who passed it, exclusive of any judge who may have dissented from the judgment:
 Provided that, where a judge is for whatever reason, such as death, transfer or retirement, unable to sign the decree after giving judgment, a decree drawn up in accordance with such judgment may be signed by any judge of the court which gave judgment or, if such court has ceased to exist, by any judge of any court to which such ourt was subordinate.

Advertisements

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s